< Mwanzo 49 >
1 Kisha Yakobo akawaita wana wake, na kusema: “Jikusanyeni pamoja, ili niwaambie yatakayowapata nyakati zijazo.
Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
2 Kusanyikeni ninyi wenyewe na msikilize, enyi wana wa Yakobo. Msikilizeni Israeli, baba yenu.
“Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa; abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa.
3 Reubeni, wewe ni mzaliwa wangu wa kwanza, nguvu zangu, na mwanzo wa uwezo wangu, aliyesalia katika heshima na nguvu.
“Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa; humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti; ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta.
4 Asiyezuilika kama maji yarukayo, hautakuwa na umaharufu, kwa sababu ulikwenda juu ya kitanda cha baba yako. Hata ukakitia unajisi; ulikipanda kwa kuvizia.
Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu; ati siree abbaa keetiitti ol baatee, afata kootti ol baatee xureessiteertaatii.
5 Simoni na Lawi ni ndugu. Panga zao ni silaha za vurugu.
“Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota; goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti.
6 Ee nafsi yangu, usiingie barazani pao; usiingie katika mikutano yao, kwani moyo wangu unaheshima kubwa kwa ajili yao. Kwani katika hasira yao waliua watu. Iliwapendeza kuwakata visigino ng'ombe.
Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin; ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin; isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii; fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru.
7 Hasira yao na ilaaniwe, kwani ilikuwa kali - na ukali wao, kwani ulikuwa ni katili. Nitawagawa katika Yakobo na kuwatawanya katika Israeli.
Aariin isaanii inni hamaan, dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu! Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa; Israaʼel keessas isaan nan facaasa.
8 Yuda, ndugu zako watakusifu. Mkono wako utakuwa shingoni mwa adui zako. Wana wa baba yako watainama mbele zako
“Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu; harki kee morma diina keetii qaba; ilmaan abbaa keetii siif sagadu.
9 Yuda ni mwana simba. Mwanangu, umetoka katika mawindo yako. Alisimama chini, alijikunyata kama simba, kama simba jike. Je nana atakayejaribu kumwamsha?
Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti; yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita. Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa; eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree?
10 Fimbo haitaondoka katika Yuda, wala fimbo ya utawala kutoka katika miguu yake, hata atakapo kuja Shilo. Mataifa yatamtii.
Hamma bulchaan dhufutti bokkuun harka Yihuudaatii, uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu; saboonnis isaaf ni ajajamu.
11 Kumfunga punda wake kwenye mzabibu, na mwanapunda wake katika mzabibu mzuri, amefua mavazi yake katika divai, na kanzu yake katika damu ya vichala vya mzabibu.
Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata; wayyaa isaa daadhii wayiniitiin, wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata.
12 Macho yake yatakuwa mausi kama mvinyo, na meno yake meupe kama maziwa.
Iji isaa daadhii wayinii irra diimata; ilkaan isaa immoo aannan irra addaata.
13 Zabuloni atakaa katika fukwe ya bahari. Atakuwa bandari kwa ajili ya meli, na mpaka wake utakuwa hata Sidoni.
“Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata; buufata dooniiwwaniis taʼa; daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata.
14 Isakari ni punda mwenye nguvu, ajilazaye kati ya kondoo.
“Yisaakor harree jabaa feʼiisa lama gidduu ciisuu dha.
15 Anaona mahali pazuri pa kupumzikia na nchi ya kupendeza. Atainamisha bega lake kwa mzigo na kuwa mtumishi wake.
Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi akka lafti isaa tolaa taʼe argutti baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata; hojii humnaa hojjechuuf of kenna.
16 Dani atawaamua watu wake kama mojawapo ya makabila ya Israeli.
“Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti, saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna.
17 Dani atakuwa nyoka kando ya njia, nyoka mwenye sumu aumaye visigino vya farasi katika njia, hivyo aongozaye farasi huanguka nyuma.
Daan bofa qarqara karaa ti; akka buutii daandii irraa, kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf kottee fardaa idduu ni taʼa.
18 Ninaungoja wokovu wako, Yahwe.
“Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
19 Gadi - wapanda farasi watamshambulia, lakini yeye atawapiga katika visigino vyao.
“Gaad weerartootaan ni dhaʼama; inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa.
20 Vyakula vya Asheri vitakuwa vingi, naye ataandaa vyakula vya kifalme.
“Aasheer buddeenni isaa furdaa dha; inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna.
21 Naftali ni dubu jike asiyefungwa; atakuwa na watoto wa dubu walio wazuri.
“Niftaalem borofa hiikamtee dha; dubbii gaariis ni dubbata.
22 Yusufu ni tawi lizaalo, tawi lizaalo karibu na kijito, ambaye matawi yake yako juu wa ukuta.
“Yoosef muka wayinii ija qabeessa, muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha; dameen isaa dallaa irra yaaʼa.
23 Mpiga mishale atamshambulia na kumrushia na kumsumbua.
Warri iddaa qabatan waraana isatti banan; isatti futtaasan; isa jibbanis.
24 Lakini upinde wake utakuwa imara, na mikono yake itakuwa hodari kwa sababu ya mikono ya Mwenyenguvu wa Yakobo, kwa ajili ya jina la Mchungaji, Mwamba wa Israeli.
Garuu iddaan isaa jabaatee hafe; irreen harka isaa, harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame. Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin,
25 Mungu wa baba yako atakusaidia na Mungu Mwenye enzi atakubariki kwa baraka mbinguni juu, baraka za vilindi vilivyo chini, na baraka za maziwa na tumbo.
Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa eebba samii gubbaatiin, eebba gadi fagoo isa jalaatiin, eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan ni eebbifamta.
26 Baraka za baba yako ni kuu kuliko baraka za milima ya zamani au vitu vilivyotamaniwa vya milima ya kale. Na viwe katika kichwa cha Yusufu, hata juu ya taji ya kifalme kichwani pa ndugu zake.
Eebbi abbaa keetii, eebba tulluuwwan durii, arjummaa gaarran durii caala. Kun hundi mataa Yoosefiitti, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa hoogganaa taʼeetti haa qabatu.
27 Benjamini ni mbwamwitu mwenye njaa. Wakati wa asubuhi atalarua mawindo, na jioni atagawa mateka.”
“Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha; ganama waan adamse itti gaggabee nyaata; galgala immoo boojuu hira.”
28 Haya ni makabila kumi na mbili ya Israeli. Hiki ndicho baba yao alichowambia alipowabariki. Aliwabariki kila mmoja kwa baraka iliyomstahili.
Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
29 Kisha akawaelekeza na kuwaambia, “Ninakaribia kwenda kwa watu wangu. Mnizike pamoja na babu zangu katika pango lililoko katika shamba la Efroni Mhiti,
Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa.
30 katika pango lililo katika shamba la Makpela, karibu na Mamre katika nchi ya Kanaani, shamba Ibrahimu alilolinunua kwa Efron Mhiti kwa ajili ya eneo la kuzikia.
Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha.
31 Pale walimzika Ibrahimu na Sara mkewe; pale wakamzika Isaka na Rebeka mkewe; na pale nikamzika Lea.
Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale.
32 Shamba na pango lililomo lilinunuliwa kutoka kwa watu wa Hethi.”
Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
33 Yakobo alipomaliza maagizo hayo kwa wanawe, akaiweka miguu yake kitandani, akakata roho, akawaendea watu wake
Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.