< Mwanzo 44 >

1 Yusufu akamwamru msimamizi wa nyumba yake, akisema, “Jaza magunia ya watu hawa kwa chakula, kiasi wawezacho kubeba, na uweke pesa ya kila mtu katika mdomo wa gunia lake.
Yoosefis akkana jedhee hangafa hojjettoota mana isaa ajaje; “Qalqalloo jara kanaa hamma baachuu dandaʼutti midhaan itti guuti; meetii tokkoo tokkoo isaaniis afaan qalqalloo isaanii keessa kaaʼi.
2 Uweke kikombe changu, cha fedha, katika mdomo wa gunia la mdogo, na pesa yake ya chakula pia.” Msimamizi akafanya kama Yusufu alivyosema.
Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame immoo meetii inni ittiin midhaan bitachuu dhufe wajjin afaan qalqalloo isa quxisuu sanaa keessa kaaʼi.” Namichis akkuma Yoosef isa ajaje godhe.
3 Kukapambazuka asubuhi, na wale watu wakaruhusiwa kuondoka, wao na punda zao.
Namoonni sun akkuma lafti bariiteen harroota isaanii wajjin geggeeffaman.
4 Walipokuwa wametoka mjini lakini hawajafika mbali, Yusufu akamwambia msimamizi wa nyumba yake, “Inuka, uwafuatie wale watu, na utakapowapata, wambie, 'Kwa nini mmelipa uovu badala ya mema?
Utuma isaan magaalaa sana irraa hin fagaatin Yoosef hangafa hojjettoota isaatiin akkana jedhe; “Dafii jara kana duukaa buʼi; yommuu qaqqabdutti immoo akkana jedhiin; ‘Isin maaliif waan gaarii waan hamaadhaan deebiftu?
5 Je hiki siyo kikombe ambacho bwana wangu hukinywea, na kikombe akitumiacho kwa uaguzi? Mmefanya vibaya, kwa jambo hili mlilolifanya.”
Xoofoon kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi ittiin waa himu mitii? Isin waan kana gochuudhaan waan hamaa hojjettan.’”
6 Msimamizi wa nyumba akawapata na kuwambia maneno haya.
Innis yommuu isaan qaqqabetti waanuma kana isaanitti dubbate.
7 Wakasema, “Kwa nini bwana wetu anasema maneno kama haya? Na iwe mbali na watumishi wako kwamba wanaweza kufanya jambo hili.
Jarris akkana isaan jedhan; “Gooftaan koo maaliif dubbii akkanaa dubbata? Waan akkanaa hojjechuun tajaajiltoota kee irraa haa fagaatu!
8 Tazama, pesa tulizozikuta katika midomo ya magunia yetu, tulizileta kwako kutoka katika nchi ya Kanaani. Ni kwa jinsi gani basi tunaweza kuiba katika nyumba ya bwana wako fedha au dhahabu?
Kunoo nu meetii afaan qalqalloo keenyaa keessatti arganne iyyuu biyya Kanaʼaaniitii deebifnee siif fidne. Yoos nu maaliif mana gooftaa keetiitii meetii yookaan warqee hanna ree?
9 Yeyote kitakayeonekana kwake miongoni mwa watumishi wako, atakufa, nasi sote tutakuwa watumwa wa bwana wangu.”
Tajaajiltoota kee keessaa namni wanni kun biratti argame kam iyyuu haa duʼu; nu warri hafne immoo garboota gooftaa koo ni taana.”
10 Msimamizi akasema, “Basi na iwe kwa kadili ya maneno yenu. Yeye ambaye kikombe kitaonekana kwake atakuwa mtumwa wangu, nanyi wengine mtakuwa bila hatia.”
Inni immoo jaraan, “Amma akkuma isin jettan haa taʼu; abbaan wanti kun biratti argame garbicha naaf taʼa; isin warri kaan immoo gad dhiifamtu” jedhe.
11 Kisha kila mtu akaharakisha na kulishusha gunia lake chini. na kila mtu akalifungua gunia lake.
Tokkoon tokkoon isaanii dafanii qalqalloo isaanii lafa keeyyatanii hiikan.
12 Msimamizi akatafuta. akaanza na mkubwa wa wote na kumaliza kwa mdogo wa wote, na kikombe kikaonekana katika gunia la Benjamini.
Hangafni hojjettootaa sunis hangafaa jalqabee hamma quxisuutti sakattaʼe. Xoofoon sunis qalqalloo Beniyaam keessatti argame.
13 Wakararua mavazi yao. Kila mtu akapakia juu ya punda wake nao wakarudi mjini.
Kana irratti isaan uffata isaanii tarsaasan. Hundi isaanii harroota isaanii feʼatanii magaalattiitti deebiʼan.
14 Yuda na ndugu zake wakaja katika nyumba ya Yusufu. Bado alikuwepo pale, nao wakainama mbele zake hata chini.
Yoosef yeroo Yihuudaa fi obboloonni isaa ol seenanitti amma iyyuu mana keessa ture; isaanis fuula isaa duratti kukkufan.
15 Yusufu akawambia, “Je ni nini hili mlilolifanya? Je hamjui kwamba mtu kama mimi anafanya uaguzi.
Yoosefis, “Wanti isin hojjettan kun maal? Akka namni akka kootii hooda himuudhaan waa arguu dandaʼu isin hin beektanii?” isaaniin jedheen.
16 Yuda akasema, “Je tunaweza kumwambia nini bwana wangu? Tuseme nini? au ni jinsi gani twaweza kujithibitisha wenyewe? Mungu ameona uovu wa watumishi wako. Tazama, sisi ni watumwa wa bwana wangu, wote sisi na yule ambaye kikombe kimeonekana mkononi mwake.”
Yihuudaan immoo akkana jedhee deebise; “Nu gooftaa kootiin maal jechuu dandeenya? Nu maal dubbachuu dandeenya? Nu qulqulluu taʼuu keenya akkamiin mirkaneessuu dandeenya? Waaqni balleessaa garboota keetii ifatti baaseera. Kunoo nu garboota gooftaa koo ti; nu hundi keenya, namni xoofoon sun biratti argames garboota kee ti.”
17 Yusufu akasema, “Na iwe mbali nami kwamba naweza kufanya hivyo. Mtu ambaye kikombe kimeonekana mkononi mwake, huyu ndiye atakuwa mtumwa wangu, lakini ninyi wengine, nendeni kwa amani kwa baba yenu.”
Yoosef garuu, “Waan akkanaa hojjechuun narraa haa fagaatu! Nama xoofoon biratti argame qofatu garbicha koo taʼa. Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.
18 Ndipo Yuda alipomkaribia na kusema, “Bwana wangu, tafadhari mwache mtumishi wako aseme neno katika masikio ya bwana wangu, na usiziache hasira zako kuwaka dhidi ya mtumishi wako, kwani wewe ni kama Farao.
Yihuudaan immoo Yoosefitti dhiʼaatee akkana jedhe: “Maaloo gooftaa ko, akka garbichi kee waan tokko gooftaa kootti dubbatu eeyyamiif. Ati akkuma Faraʼoon taatus garbicha keetti hin aarin.
19 Bwana wangu aliwauliza watumishi wake, kusema, Je mnaye baba au ndugu?'
Gooftaan koo, ‘Isin abbaa yookaan obboleessa qabduu?’ jedhee garboota isaa gaafatee ture.
20 Nasi tukamwambia bwana wangu, 'Tunaye baba, ni mzee, na mwana wa uzee wake, ni mdogo. Na ndugu yake alishakufa, na yeye peke yake ndiye amebaki kwa mama yake, na baba yake anampenda.'
Nus, ‘Abbaa dulloomaa tokko qabna; ilmi quxisuun bara dulluma isaa keessa isaaf dhalate tokkos jira. Obboleessi isaas duʼeera; ijoollee haati isaa deesse keessaa isa qofatu hafe; abbaan isaa isa jaallata’ jennee turre.
21 Nawe ukawambia matumishi wako, 'Mleteni ili nimwone.'
“Atis garboota keetiin, ‘Akka ani ija kootiin isa arguuf naa fidaa’ jette.
22 Nasi tukamwambia bwana wangu, 'Kijana hawezi kumwacha babaye. Kwani akimwacha babaye baba yake angekufa.'
Nus gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu; yoo inni isa dhiisee biraa deeme abbaan isaa ni duʼa’ jenne.
23 Na ukawambia watumishi wako, 'Mdogo wenu asipokuja pamoja nanyi, hamtauona uso wangu tena.'
Ati immoo garboota keetiin, ‘Yoo obboleessi keessan inni quxisuun isin wajjin dhufuu baate, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette.
24 Na ikawa tulipokwenda kwa mtumishi wako baba yangu, tulimwambia maneno ya bwana wangu.
Nus yeroo gara garbicha kee abbaa kootti deebinetti waan gooftaan koo jedhe isatti himne.
25 Na baba yetu akasema, Nendeni tena, mkatununulie chakula.'
“Abbaan keenya, ‘Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa’ nuun jedhe.
26 Nasi tukasema, “Hatuwezi kushuka. Ikiwa mdogo wetu atakuwa nasi, ndipo tutakaposhuka, kwani hatuwezi kuuona uso wa mtu yule mdogo wetu asipokuwa pamoja nasi.'
Nu garuu, ‘Nu dhaquu hin dandeenyu; yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin jiraate qofa dhaqna. Yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin dhaquu baate nu fuula namichaa arguu hin dandeenyu’ jenne.
27 Mtumishi wako baba yetu akatwambia, 'Mnajua kwamba mke wangu alinizalia wana wawili.
“Abbaan koo garbichi kee immoo akkana nuun jedhe; ‘Akka niitiin koo ilmaan lama naa deesse isin ni beektu.
28 Na mmoja akatoka kwangu nami nikasema, “Bila shaka ameraruliwa vipande, na tangu hapo sijamwona.”
Isaan keessaas inni tokko na biraa baʼe; anis, “Inni dhugumaan ciccirameera” nan jedhe. Ani ergasii isa hin argine.
29 Nanyi mkimchukua huyu naye kutoka kwangu mabaya yanaweza kumpata, mtashusha mvi zangu kwa kaburini kwa huzuni. (Sheol h7585)
Yoo isin isa kanas na duraa fuutanii balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.’ (Sheol h7585)
30 Kwa hiyo, basi, nitapokuja kwa mtumishi wako baba yangu, na kijana hayupo nasi, kwa kuwa uhai wake umefungamanishwa katika uhai wa kijana,
“Kanaafuu amma yeroo ani gara garbicha kee abbaa kootti deebiʼutti, yoo mucichi nu wajjin jiraachuu baate abbaan koo kan jireenyi isaa jireenya mucichaatiin walitti hidhame sun,
31 itakuwa, atakapoona kwamba kijana hayupo nasi atakufa. Na watumishi wako watazishusha mvi za mtumishi wako baba yetu kaburini kwa masikitiko. (Sheol h7585)
akka mucichi nu wajjin hin jirre argee duʼa. Nu garboonni kees akka arriin abbaa keenya garbicha keetii gaddaan awwaala seenu goona. (Sheol h7585)
32 Kwani mtumishi wako alikuwa mdhamini wa kijana kwa baba yangu na alisema, 'Ikiwa sitamleta kwako, ndipo nitakapokuwa mwenye hatia kwa baba yangu daima.”
Ani garbichi kee akka mucaan kun nagaadhaan deebiʼu abbaa koo duratti wabii taʼee, ‘Yaa abbaa ko, yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula abbaa koo duratti balleessaa kanatti nan gaafatama!’ jedhe.
33 Kwa hiyo sasa, tafadhari mwache mtumishi wake akae kama mtumwa kwa bwana wangu badala ya kijana, na umwache kijana aende na ndugu zake.
“Egaa amma ani garbichi kee iddoo mucichaa garbicha gooftaa koo taʼee asitti nan hafa; mucichi immoo obboloota isaa wajjin haa deebiʼu.
34 Kwa maana nitakwenda jinsi gani kwa baba yangu ikiwa kijana hayupo nami? Ninaogopa kuona mabaya yatakayompata baba yangu.”
Yoo mucichi na wajjin hin jiraatin ani akkamittin gara abbaa kootii deebiʼuu dandaʼa? Waawuu; akka ani gadda abbaa kootti dhufu argu na hin godhin.”

< Mwanzo 44 >