< Mwanzo 40 >

1 Ikawa baada ya mambo haya, mnyweshaji wa mfalme wa Misri na mwokaji wa mfalime walimkosa bwana wao, mfalme wa Misri.
Kana booddee namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu gooftaa isaanii mootii Gibxi sana gaddisiisan.
2 Farao akawakasirikia hawa maafsa wawili, mkuu wa wanyweshaji na mkuu wa waokaji.
Faraʼoonis qondaaltota isaa lamaanitti jechuunis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa tolchaa buddeenaatti aare;
3 Akawaweka katika lindo katika nyumba ya kapteni wa walinzi, katika gereza lile Yusufu alimofungwa.
innis mana ajajaa waardiyyaa keessa mana hidhaa iddoo Yoosef itti hidhamee ture keessa isaan buuse.
4 Kapteni wa walinzi akamweka Yusufu kuwa mtumishi wao. Walikaa kifungoni kwa muda fulani.
Ajajaan waardiyyaa Yoosefitti isaan kenne; Yoosefis isaan tajaajilaa ture. Jarris guyyaa baayʼee mana hidhaa turan;
5 Wote wakaota ndoto - mnyweshaji na mwokaji wa mfalme wa Misri waliokuwa wamefungwa gerezani - kila mmoja akaota ndoto usiku huo huo, na kila ndoto ilikuwa na tafsiri yake.
isaan lachanuu jechuunis namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu tokkoon tokkoon isaanii halkanuma tokko keessatti abjuu abjootan; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
6 Yusufu akaja kwao asubuhi na kuwaona. Tazama, walikuwa na uzuni.
Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge.
7 Akawauliza maafsa wa Farao waliokuwa pamoja naye kifungoni katika nyumba ya bwana wake, kusema, “Kwa nini leo mnaoneka wenye uzuni?”
Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.
8 Wakamwambia, Sisi wote tumeota ndoto na hakuna wakuitafsiri.” Yusufu akawambia, “Je tafsiri haitoki kwa Mungu? Niambieni, tafadhari.”
Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin. Kana irratti Yoosef, “Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa” jedheen.
9 Mkuu wa wanyweshaji akamwambia Yusufu ndoto yake. Akamwambia, “Katika ndoto yangu, tazama, kulikuwa na mzabibu mbele yangu.
Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture;
10 Na kulikuwa na matawi matatu katika mzabibu huo. Ulipochipua, ukachanua maua na kuzaa vichala vya zabibu.
mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte.
11 Kikombe cha Farao kilikuwa mkononi mwangu. Nikachukua zabibu na kuzikamua katika kikombe cha Farao, na kukiweka kikombe katika mkono wa Farao.”
Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.”
12 Yusufu akamwambia, “Tafsiri yake ni hii. Yale matawi matatu ni siku tatu.
Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii.
13 Ndani ya siku tatu Farao atakiinua kichwa chako na kukurudisha katika nafasi yako. Utakiweka kikombe cha Farao katika mkono wake, kama ulivyokuwa ulipokuwa mnyweshaji wake.
Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita.
14 Lakini unikumbuke ukifanikiwa, na unionesha wema. Unitaje kwa Farao na kuniondoa hapa gerezani.
Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi.
15 Maana hakika nilitekwa kutoka katika nchi ya Waebrania. Na hapa sijafanya chochote kinachonipasa niwekwe gerezani.”
Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.”
16 Mkuu wa waokaji alipoona kwamba tafsiri ilikuwa ya kuvutia, akamwambia Yusufu, “Mimi pia niliota ndoto, na tazama, vikapu vitatu vya mikate vilikuwa juu ya kichwa changu.
Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan.
17 Katika kikapu cha juu kulikuwa na kila aina za bidhaa ya kuokwa kwa Farao, lakini ndege wakavila ndani ya kikapu juu ya kichwa changu.”
Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.”
18 Yusufu akajibu na kusema, “Tafsiri ni hii. Vikapu vitatu ni siku tatu.
Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii.
19 Ndani ya siku tatu Fareao atakiinua kichwa chako kutoka kwako na atakutundika juu ya mtu. Ndege watakula mwili wako.”
Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.”
20 Ikawa siku ya tatu ambayo ilikuwa ni siku ya kuzaliwa kwa Farao. Akafanya sherehe kwa watumishi wake wote. “Akakiinua juu” kichwa cha mkuu wa wanyweshaji na kichwa cha mkuu wa waokaji, kati ya watumishi wake.
Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse:
21 Akamrudisha mkuu wa wanyweshaji katika majukumu yake, na akakiweka tena kikombe katika mkono wa Farao.
Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne.
22 Lakini akamtundika mkuu wa waokaji, kama Yusufu alivyokuwa amewatafsiria.
Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase.
23 Hata hivyo mkuu wa wanyweshaji hakukumbuka kumsaidia Yusufu. Badala yake, alimsahau.
Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne.

< Mwanzo 40 >