< Mwanzo 31 >
1 Basi Yakobo akasikia maneno ya wana wa Labani, wakisema, “Yakobo amechukuwa yote yaliyokuwa ya baba yetu, na ni kutoka katika mali ya baba yetu amepata utajiri wake.”
Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe.
2 Yakobo akaona mwonekano katika uso wa Labani. Akaona kwamba nia yake imebadilika.
Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle.
3 Kisha Yahwe akamwambia Yakobo, “Rudi katika nchi ya baba zako na ya ndugu zako, nami nitakuwa nawe.”
Waaqayyos Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
4 Yakobo akatuma kuwaita Raheli na Lea uwandani katika kundi lake la kondoo
Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge.
5 naye akawambia, “Naona nia ya baba yenu kwangu imebadilika, lakini Mungu wa baba yangu amekuwa nami.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira.
6 Nanyi mnajua kwamba ni kwa nguvu zangu zote nimemtumikia baba yenu.
Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu;
7 Baba yenu amenidanganya na amebadilisha ujira wangu mara kumi, lakini Mungu hakumruhusu kunidhuru.
taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef.
8 Ikiwa alisema, 'Wanyama wenye mabaka watakuwa ujira wako,' ndipo kondoo wote walipozaa watoto wenye mabaka. Na aliposema, wenye milia watakuwa ujira wako,' ndipo kundi lote lilipozaa watoto wenye milia.
Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan.
9 Kwa njia hii Mungu amemnyang'anya mifugo baba yenu na kunipa mimi.
Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne.
10 Wakati fulani wa majira ya kupandana, niliona katika ndoto mabeberu yaliyowapanda kundi. Mabeberu yalikuwa ya milia, mabaka na madoa.
“Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
11 Malaika wa Mungu akaniambia katika ndoto, 'Yakobo.' Nikasema, 'Mimi hapa.'
Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
12 Akasema, 'Inua macho yako uone mabeberu wanaolipanda kundi. Wana milia, madoa na na mabaka, kwani nimeona kila jambo Labani analokutendea.
Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
13 Mimi ni Mungu wa Betheli, mahali ulipoitia nguzo mafuta, mahali uliponitolea nadhiri. Basi sasa inuka na uondoke katika nchi hii na kurudi katika nchi uliyozaliwa.
Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’”
14 Raheli na Lea wakajibu na kumwambia, “Je kuna sehemu yoyote au urithi wetu katika nyumba ya baba yetu?
Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
15 Je hatutendei kama wageni? Kwa maana ametuuza na kwa ujumla ametapanya pesa zetu.
Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
16 Mali zote ambazo sasa Mungu amemnyang'anya baba yetu ni zetu na watoto wetu. Sasa basi, lolote Mungu alilokuambia, fanya.
Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
17 Kisha Yakobo akainuka na kuwapandisha wanawe na wakeze kwenye ngamia.
Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
18 Akawaongoza mifugo wake wote mbele yake, pamoja na mali zake zote, wakiwemo wanyama aliowapata huko Padani Aramu. Kisha akaenda kuelekea kwa Isaka baba yake katika nchi ya Kanaani.
horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
19 Labani alipokuwa amekwenda kuwakata manyoya kondoo wake, Raheli akaiba miungu ya nyumba ya baba yake.
Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte.
20 Yakobo pia akamdanganya Labani Mwarami, kwa kutomtaarifu kwamba anaondoka.
Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse.
21 Hivyo akaondoka na vyote alivyokuwa navyo na kwa haraka akavuka mto, na akaenda kuelekea nchi ya vilima ya Gileadi.
Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele.
22 Siku ya tatu Labani akaambiwa kwamba Yakobo amekimbia.
Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame.
23 Hivyo akawachukua ndugu zake pamoja naye na kumfuatia kwa safari ya siku saba. Akampata katika nchi ya vilima ya Gileadi.
Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe.
24 Basi Mungu akaja kwa Labani Mwarami katika ndoto usiku na kumwambia, “Ujiadhari kumwambia Yakobo jambo lolote liwe jema au baya.”
Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
25 Labani akampata Yakobo. Basi Yakobo alikuwa amepiga hema yake katika nchi ya vilima. Labani pia akapiga kambi pamoja na ndugu zake katika nchi ya kilima ya Gileadi.
Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
26 Labani akamwambia Yakobo, “Umefanya nini, kwamba umewachukua binti zangu kama mateka wa vita?
Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
27 Kwa nini umekimbia kwa siri na kunihadaa kwa kutokuniambia? Ningekuruhusu uondoke kwa sherehe na kwa nyimbo, kwa matari na vinubi.
Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
28 Haukuniacha niwabusu wajukuu wangu na binti zangu kwa kuwaaga. Basi umefanya upumbavu.
Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
29 Iko katika uwezo wangu kukudhuru, lakini Mungu wa baba yako alisema nami usiku wa leo na kuniambia, 'Jiadhari usimwambie Yakobo neno la heri wala shari.'
Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe.
30 Na sasa, umeondoka kwa sababu umeitamani sana nyumba ya baba yako. Lakini kwa nini umeiba miungu yangu?
Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?”
31 Yakobo akajibu na kumwambia Labani, “Ni kwa sababu niliogopa na kudhani kuwa ungeninyang'anya binti zako kwa nguvu ndiyo maana nikaondoka kwa siri.
Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme.
32 Yeyote aliyeiiba miungu yako hataendelea kuishi. Mbele ya ndugu zetu, onesha chochote kilichochako nilichonacho na uchukue.” Kwa maana Yakobo hakujua kwamba Raheli alikuwa ameviiba.
Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
33 Labani akaingia katika hema ya Yakobo, katika hema ya Lea, na katika hema za wale wajakazi wawili, lakini hakuviona. Akatoka katika hema ya Lea na kuingia katika hema ya Raheli.
Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene.
34 Basi Raheli alikuwa ameichukua miungu ya nyumbani, na kuiweka katika ngozi ya ngamia, na kukaa juu yake. Labani akatafuta katika hema yote, lakini hakuiona.
Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
35 Akamwambia baba yake, “Usikasirike, bwana wangu, kwamba siwezi kusimama mbele yako, kwani nipo katika kipindi changu.” Hivyo akatafuta lakini hakuiona miungu ya nyumbani mwake.
Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
36 Yakobo akakasirika na kuojiana na Labani. Akamwambia, “Kosa langu ni nini? Dhambi yangu ni ipi, hata ukanifuatia kwa ukali?
Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
37 Kwa maana umechunguza mali zangu zote. Umeona nini kati ya kitu chochote cha nyumbani mwako? Viweke hapa mbele ya ndugu zetu, ili waamue kati yetu wawili.
Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
38 Kwa miaka ishirini nimekuwa nawe. Kondoo wako na mbuzi wako hawakutoa mimba, wala sikula dume lolote la kondoo katika wanyama wako.
“Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
39 Kilichoraruliwa na hayawani sikukuletea. Badala yake, nilichukua upotevu huo, kwamba wameibwa mchana au usiku.
Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
40 Nilikuwepo wakati wote; mchana joto lilinipata, na baridi wakati wa usiku; na sikupata usingizi.
Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
41 Miaka hii ishirini nimekuwa katika nyumba yako. Nilikufanyia kazi miaka kumi na nne kwa ajili ya binti zako wawili, na miaka sita kwa ajili ya wanyama wako. Umebadili ujira wangu mara kumi.
Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
42 Isipokuwa Mungu wa baba yangu, Mungu wa Ibrahimu, yule Isaka anayemwofu, amekuwa nami, bila shaka sasa ungenipeleka mikono mitupu. Mungu ameliona teso langu na jinsi nilivyofanya kazi kwa bidii, na hivyo akakukemea usiku wa leo.
Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
43 Labani akajibu na kumwambia Yakobo, “Mabinti hawa ni mabinti zangu, wajukuu ni wajukuu wangu, na wanyama ni wanyama wangu. Yote uyaonayo ni yangu. Lakini nitafanya nini leo kwa hawa binti zangu, au kwa watoto wao waliowazaa?
Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa?
44 Hivyo sasa, na tufanye agano, wewe nami, na liwe shahidi kati yangu nawe.”
Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.”
45 Hivyo Yakobo akachukua jiwe na kuliweka kama nguzo.
Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe.
46 Yakobo akawambia ndugu zake, “Kusanyeni mawe.” Hivyo wakachukua mawe na kufanya rundo. Kisha wakala pale kati ya lile rundo.
Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan.
47 Labani aliliita Yega Saha Dutha, lakini Yakobo akaiita Galeedi
Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen.
48 Labani akasema, “Rundo hili ni shahidi kati yangu nawe leo.” Kwa hiyo jina lake likaitwa Galedi.
Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
49 Inaitwa pia Mispa, kwa sababu Labani alisema, “Yahwe na atuangalie mimi nawe, tunapokuwa hatuonani.
Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
50 Ikiwa utawatesa binti zangu, au ikiwa utachukua wanawake wengine mbali na binti zangu, japokuwa hakuna mwingine yupo nasi, tazama, Mungu ni shahidi kati yangu nawe.”
Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
51 Labani akamwambia Yakobo, Tazama rundo hili, na tazama nguzo, nililoliweka kati yako nami.
Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
52 Rundo hili ni shahidi, na nguzo ni shahidi, kwamba sitapita rundo hili kuja kwako, na kwamba wewe hautapita rundo hili kuja kwangu, kwa madhara.
Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.
53 Mungu wa Ibrahimu, na mungu wa Nahori, miungu ya baba zao, waamue kati yetu.”Yakobo akaapa kwa Hofu ya Isaka baba yake.
Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” Yaaqoobis akkasitti maqaa Sodaa abbaa isaa Yisihaaqiin kakate.
54 Yakobo akatoa sadaka juu ya mlima na akawaita ndugu zake kula chakula. Walikula na kukaa usiku kucha juu ya mlima.
Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan.
55 Labani akaamka asubuhi na mapema, akawabusu wajuu zake na binti zake na kuwabariki. Kisha Labani akaondoka na kurudi kwake.
Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe.