< Mwanzo 21 >
1 Yahwe akamsikiliza Sara kwa umakini kama alivyo kuwa amemwambia, Yahwe akamfanyia Sara kama alivyo kuwa amemwahidi.
Waaqayyo akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; Waaqayyo waan waadaa galeef sana ni raawwateef.
2 Sara akachukua mimba na akamzalia Abraham mtoto wa kiume katika uzee wake, katika muda ule ule ambao Mungu alikuwa amemwambia.
Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Waaqni waadaa isaaf seene sanatti Abrahaamiif ilma deesse.
3 Abraham akamwita jina mwanawe, ambaye alizaliwa kwake, na Sara, Isaka.
Abrahaamis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase.
4 Abraham akamtahiri mwanawe Isaka alipofikisha siku nane, kama vile Mungu alivyokuwa amemwagiza.
Abrahaam akkuma Waaqni isa ajaje sanatti Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna isa qabe.
5 Abraham alikuwa na umri wa miaka mia moja wakati mwanawe Isaka anazaliwa kwake.
Yeroo ilmi isaa Yisihaaq dhalateefitti Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture.
6 Sara akasema, “Mungu amenifanya nicheke; kila mtu atakaye sikia atacheka pamoja na nami.”
Saaraanis, “Waaqni kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa” jette.
7 Pia akasema, “Nani angesema kwa Abraham kwamba Sara atalea mtoto, na sasa kweli nimemzalia mtoto wakiume katika uzee wake!”
Ittuma fuftees, “Silaa eenyutu Abrahaamiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef” jette.
8 Mtoto akakua na akaachishwa kunyonya, na Abraham akafanya sherehe kubwa katika siku ambayo Isaka aliachishwa.
Mucichi guddatee harma guufame; Abrahaam gaafa Yisihaaq harma guufame sana cidha guddaa qopheesse.
9 Sara akamwona mwana wa Hajiri Mmisri, ambaye alikuwa amezaliwa kwa Abraham, akidhihaki.
Saaraan garuu yeroo ilmi Aggaar Gibxittiin Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti qoosu argite;
10 Kwa hiyo akamwambia Abraham, “Mfukuze huyu mwanamke huyu mtumwa pamoja na mtoto wake: kwa kuwa mtoto huyu wa mwanamke mtumwa hawezi kuwa mrithi pamoja na mwanangu Isaka.”
isheenis Abrahaamiin, “Garbittii kanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii kanaa kun ilma koo Yisihaaq wajjin hin dhaaluutii” jette.
11 Jambo hili likamuhuzunisha sana Abraham kwa sababu ya mwanawe.
Wanni kunis sababii ilma isaatiif Abrahaamin akka malee rakkise.
12 Lakini Mungu akamwambia Abraham, “Usihuzunike kwa sababu ya kijana huyu, na kwa sababu ya mwanamke huyu mtumwa wako. Sikiliza maneno asemayo Sara juu ya jambo hili, kwa sababu itakuwa kupitia Isaka kwamba uzao wako utaitwa.
Waaqni garuu akkana jedheen; “Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi.
13 Nitamfanya pia mtoto wa mjakazi kuwa taifa, kwa sababu ni uzao wako.”
Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa.”
14 Abraham akaamka asubuhi na mapema, akachukua mkate na kiriba cha maji, akampatia Hajiri, akiweka juu ya bega lake. Akamtoa kijana akampatia Hajiri na akawaondoa. Hajiri akaondoka akapotea katika jangwa la Beerisheba.
Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Aggaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte.
15 Maji yalipokwisha kwenye kiriba akamtelekeza kijana katika moja ya vichaka.
Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse.
16 Kisha akaondoka, na akakaa umbali kidogo na yule kijana, umbali kama wa kutupa mshale, kwa vile alisema, “Na nisitazame kifo cha mtoto.” Alipokuwa amekaa kumkabili, akapaza sauti yake akalia.
Isheenis, “Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu” jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse.
17 Mungu akasikia kilio cha kijana, na malaika wa Mungu akamwita Hajiri kutoka mbinguni, akamwambia, “Nini kinakusumbua? Usiogope, kwa kuwa Mungu amesikia kilio cha kijana mahali alipo.
Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; “Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii.
18 Inuka msimamishe mtoto, na umtie moyo; kwa kuwa nitamfanya kuwa taifa kubwa.”
Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi.”
19 Kisha Mungu akayafunua macho ya Hajiri, natazama akaona kisima cha maji. Akaenda akajaza kiriba maji, na akampatia kijana akanywa.
Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.
20 Mungu akawa pamoja na kijana, na akakua. Akaishi jangwani akawa mwindaji.
Waaqnis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture.
21 Akaishi katka jangwa la Parani, na mama yake akampatia mke kutoka Misri.
Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef.
22 Ikawa kwamba katika wakati ule Abimeleki na Fikoli kamanda wa jeshi lake akamwambia Abraham, akisema, “Mungu yuko pamoja na wewe katika yote uyatendayo.
Yeroo sana Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa Abrahaamiin akkana jedhan; “Waan ati hojjettu hunda keessatti Waaqni si wajjin jira.
23 Sasa niapie kwa Mungu kwamba hutanifanyia baya, wala mwanangu, wala uzao wangu. Onesha kwangu na kwa nchi ambayo umekuwa ukikaa agano lile lile la uaminifu ambalo nimekuonesha wewe.”
Ati akka ana yookaan ijoollee koo yookaan sanyii koo hin gowwoomsine amma as fuula Waaqaa duratti naa kakadhu. Akkuma ani garaa siif laafe sana atis anaa fi biyya amma orma taatee keessa jiraattu kanaaf garaa laafi.”
24 Abraham akasema, “Nina apa.”
Abrahaamis, “Ani nan kakadha” jedhe.
25 Abraham pia akamlalamikia Abimeleki kuhusu kisima cha maji ambacho watumishi wa Abimeleki wamekinyang'anya.
Ergasii Abrahaam waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate.
26 Abimeleki akasema, “Sijui ni nani amefanya jambo hili. Hukuniambia mapema; na sijalisikia ila leo hii.”
Abiimelek immoo, “Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe” jedhe.
27 Kwa hiyo Abraham akachukua kondoo na ng'ombe maksai akampatia Abimeleki, na wawili hawa wakafanya agano.
Kanaafuu Abrahaam hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan.
28 Kisha Abraham akatenga wanakondoo wa kike saba pekeyao.
Abrahaam gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase;
29 Abimeleki akamwambia Abraham, “Nini maana ya hawa wanakondoo wa kike saba ambao umewatenga pekeyao?”
Abiimelekis, “Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?” jedhee Abrahaamin gaafate.
30 Akajibu, “Hawa wanakondoo wa kike saba utawapokea kutoka mkonono mwangu, ili kwamba uwe ushahidi kwangu, kuwa nichimba kisima hiki.”
Abrahaamis, “Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu” jedhee deebise.
31 Kwa hiyo akaita mahali pale Beerisheba, kwa sababu mahali pale wote wawili wali apa kiapo.
Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame.
32 Walifanya agano hapo Bersheba, kisha Abimeleki na Fikoli, amiri wa jeshi, wakarudi katika nchi ya Wafilisti.
Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan.
33 Abraham akapanda mti wa mkwaju katika Beerisheba. Na pale akamwabudu Yahwe, Mungu wa milele.
Abrahaamis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa Waaqayyo Waaqa Bara Baraa waammate.
34 Abraham akasalia kuwa mgeni katika nchi ya Wafilisti kwa siku nyingi.
Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate.