< Wagalatia 6 >

1 Ndugu, ikiwa mtu amekamatwa katika uovu, ninyi mlio wa kiroho, mnawiwa kumrejesha huyo ndugu katika roho ya upole. Huku mkijiangalia wenyewe ili msijaribiwe.
Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.
2 Mchukuliane mizigo, na kwa hiyo mtaikamilisha sheria ya Kristo.
Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.
3 Ikiwa mtu yeyote anajiona ni bora wakati si kitu, anajidanganya mwenyewe.
Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.
4 Kila mmoja na aipime kazi yake. Kisha atakuwa na kitu mwenyewe peke yake cha kujisifu, bila kujilinganisha mwenyewe na mtu yeyote.
Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa;
5 Maana kila mtu atachukua mzigo wake mwenyewe.
tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii.
6 Mtu aliyefundishwa neno lazima amshirikishe mazuri yote mwalimu wake.
Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu.
7 Msidanganyike. Mungu hadhihakiwi. Kila apandacho mtu, ndicho atakachovuna pia.
Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
8 Kila apandaye mbegu katika asili yake ya dhambi atavuna uharibifu, lakini yeye apandaye mbegu katika Roho, atavuna uzima wa milele kutoka kwa Roho. (aiōnios g166)
Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata. (aiōnios g166)
9 Tusichoke katika kutenda mema, maana kwa wakati wake tutavuna ikiwa hatutakata tamaa.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
10 Hivyo basi, wakati tutakapokuwa na nafasi, tutende mema kwa kila mmoja. Tutende mema zaidi hasa kwa walio ndani ya imani.
Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
11 Angalieni ukubwa wa barua nilizowaandikia kwa mkono wangu mwenyewe.
Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa!
12 Wale wanaotaka kufanya mema kwa mtazamo wa mwili ndiyo wenye kuwalazimisha mtahiriwe. Wanafanya hivyo kwa sababu wasiingie kwenye mateso ya msalaba wa Kristo.
Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu.
13 Maana hata hao waliotahiriwa wenyewe hawaishiki sheria. Badala yake wanataka ninyi mtahiriwe ili waweze kujivunia miili yenu.
Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu.
14 Isitokee nikajivuna isipokuwa kwa msalaba wa Bwana wetu Yesu Kristo. Ni katika yeye ulimwengu umesulubiwa kwangu na mimi katika ulimwengu.
Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu.
15 Kwa kuwa haijalishi kutahiriwa au kutokutahiriwa kuwa ni kitu. Badala yake uzao mpya ni muhimu.
Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
16 Kwa wote wenye kuishi kwa kanuni hii, wawe na amani na rehema iwe juu yao wote, na juu ya Israel ya Mungu.
Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu.
17 Tangu sasa mtu yeyote asinitaabishe, maana nimebeba chapa za Yesu mwilini mwangu.
Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin.
18 Neema ya Bwana wetu Yesu Kristo iwe na roho zenu, ndugu. Amina.
Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

< Wagalatia 6 >