< Ezekieli 1 >

1 Katika mwaka wa thelathini, mwezi wa nne, na siku ya tano ya mwezi, ikawa kuhusu kwamba nilikuwa nikiishi miongoni mwa wafungwa karibu na Kebari Kanali. Mbingu zilifunguka, na kuona maono ya Mungu.
Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.
2 Katika siku ya tano katika mwezi huo-ilikuwa mwaka wa tano wa utumwani wa Mfalme Yehoyakini-
Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti,
3 Neno la Yahwe likamjia Ezekieli mwana wa Buzi kuhani, katika nchi ya Wakaldayo karibu na Keberi Kanali, na mkono wa Yahwe ulikuwa juu yake hapo.
dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.
4 Kisha nikaona, kulikuwa na upepo wa dhoruba unakuja kutoka kaskazini; wingu kubwa pamoja na moto wa nuru ndani yake na kung'aa ukizunguka ndani yake, na moto ulikuwa na rangi ya kaharabu ndani ya hilo wingu.
Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture;
5 Katikati kulikuwa na viumbe vinne vinavyofanana. Mwonekano wao ulikuwa hivi: walikuwa wanamfanano wa mtu,
ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture;
6 lakini walikuwa na sura nne kila mmoja, na kila mmoja alikuwa na mabawa manne.
tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan.
7 Miguu yao ilikuwa imenyooka, lakini nyayo za miguu yao zilikuwa kama kwato za ndama zilizokuwa zinang'aa kama shaba iliyosuguliwa.
Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture.
8 Bado walikuwa na mikono ya binadamu chini ya mabawa yao chini kwenye pande zote nne. Kwa wote wanne, nyuso zao na mabawa vilikuwa hivi:
Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan;
9 mabawa yao yalikuwa yameungana na kiumbe kingine, na hawakurudi walipokuwa wameenda; badala yake, kila mmoja alienda mbele.
qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.
10 Mfanano wa nyuso zao ulikuwa kama uso wa mwanadamu. Wanne hao walikuwa na uso wa simba kwa upande wa kuume. Hao wanne pia walikuwa na uso wa tai.
Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture.
11 Nyuso zao zilikuwa hivyo, na mabawa yao yalikuwa yametawanyika juu, hivyo basi kila kiumbe kilikuwa na jozi ya za mabawa yaliyokuwa yameshikamana na bawa la kiumbe kingine, na pia jozi za mabawa yaliyokuwa yamefunika miili yao.
Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture.
12 Kila mmoja alienda mbele, hivyo basi popote Roho alipowaelekeza kwanda, walienda bila kurudi.
Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan.
13 Kama kwa mfanano wa hao viumbe hai, mwonekano wao ulikuwa ni kama kuchoma kaa la moto, kama mwonekano wa nuru; mng'ao wa moto pia ulihama karibu na miongoni mwa viumbe, na kulikuwa na nuru za radi.
Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture.
14 Hao viumbe hai vilikuwa vikihama mbio mbele na nyuma, na walikuwa na mwonekano wa radi!
Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
15 Kisha nikawatazama wale viumbe hai; kulikuwa na gurudumu moja juu ya aridhi kando ya vile viumbe hai.
Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge.
16 Huu ndio ulikuwa mwonekano na umbo wa hizo gurudumu: kila gurudumu lilikuwa kama zabarajadi, na manne hayo yalikuwa na mfano mmoja; mwonekano wao na umbo vilikuwa kama gurudumu lililoungana na jingine.
Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture.
17 Wakati yale magurudumu yalipokuwa yakitembea, yalienda bila kurudi kwenye mwelekeo wowote viumbe vilipokuwa vimeelekea.
Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture.
18 Kama kwa upande kingo, walikuwa warefu na wakutisha, kwa upande kingo kulikuwa na macho yamezunguka kote.
Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.
19 Popote vile viumbe hai vilipokuwa vikielekea, yale magurudumu yalielekea karibu nao. Wakati vile viumbe hai vilipoinuka kutoka kwenye nchi, na yale magurudumu yaliinuka pia.
Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan.
20 Popote Roho alipokwenda, walikwenda, na yale magurudumu yaliinuka karibu nao, roho wa kiumbe hai ilikuwa magurudumu.
Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan.
21 Popote vile viumbe vilipoelekea, magurudumu pia yalielekea huko; na wakati wale viumbe viliposimama hata hivyo, magurudumu yalisimama bado; wakati viumbe viliposimama kutoka kwenye nchi, magurudumu yalisimama karibu nao, kwa sababu yule roho wa wale viumbe alikuwa kwenye magurudumu.
Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
22 Juu ya vichwa vya wale viumbe hai kulikuwa na mfanano wa anga la kutanuka; ilikuwa inang'aa kama mfano wa barafu juu ya vichwa vyao.
Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture.
23 Chini ya anga, kila mabawa ya kiumbe kimoja yalinyooshwa mbele na kugusana kila mabawa na kiumbe kimoja. Pia kila kiumbe hai kilikuwa na jozi moja kwa ajili ya kujifunika vyenyewe; kila kimoja kilikuwa na jozi moja kwa ajili ya kujifunika mwili wake mwenyewe.
Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan.
24 Kisha nikasikia sauti ya mabawa yao. Kama mlio wa maji mengi. Kama sauti ya mwenye enzi popote walipoelekea. Kama sauti ya jeshi. Popote pale waliposimama, walishusha mabawa yao.
Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.
25 Sauti ikaja kutoka juu ya anga juu ya vichwa vyao popote waliposimama na kushusha mabawa yao.
Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
26 Juu ya anga juu ya vichwa vyao kulikuwa na mfanao wa kiti cha enzi ambacho kilikuwa na mwonekano wa jiwe la samawati, na juu mfano wa kiti cha enzi kilifanana kama mwonekano wa mwanadamu.
Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture.
27 Nikaona umbo lenye mwonekano wa chuma chenye kung'aa pamoja na moto ndani yake kutoka kwenye mwonekano wa juu ya nyonga zake juu; Nikaona kutoka kwenye mwonekano wa nyonga zake upande wa chini mwonekano wa moto na mng'ao umezunguka kote.
Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture.
28 Kama mwonekano wa upinde wa mvua kwenye mawingu katika siku ya mvua ulikuwa na mwonekano wa taa iliyowaka imeizunguka. ulikuwa na mwonekano unaofanana na utukufu wa Yahwe. Wakati nilipouona, nilihisi kwenye uso wangu, na nikasikia sauti ikiongea.
Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. Kunis bifa fakkaattii ulfina Waaqayyoo ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.

< Ezekieli 1 >