< Ezekieli 9 >
1 Kisha akalia kwa sauti kubwa nikasikia kwenye masikio yangu, huku akisema, “Waache walinzi waje kwenye mji, kila mmoja na silaha yake ya uharibifu kwenye mkono wake.”
Ergasis ani isaa, “Warra tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii magaalattii balleessan as dhiʼeessi” jedhee gurra kootti iyyu nan dhagaʼe.
2 Kisha tazama! watu wanne watakuja kutokea njia ya lango la juu linaloelekea kaskazini, kila mmoja na silaha yake ya kuchinjia kwenye mkono wake. Kulikuwa na mtu mmoja miongoni mwao alikuwa amevaa nguo ya kitani pamoja na kifaa cha uandishi ubavuni mwake. Hivyo waliingia na kusimama karibu na madhabahu ya shaba.
Anis utuu namoonni jaʼa kallattii karra ol aanuu kan gara kaabaa ilaaluun tokkoon tokkoon isaanii meeshaa nama ajjeesu harkatti qabatanii dhufaa jiranuu nan arge. Isaan wajjinis nama uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate kan mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate tokkotu ture. Isaanis ol seenanii iddoo aarsaa naasii bira dhaabatan.
3 Kisha utukufu wa Mungu wa Israeli ukapanda juu kutoka kwa kerubi ambapo ilikuwa kwenye kisingiti cha nyumba. Akamwita yule mtu aliyekuwa amevaa nguo ya kitani na kifaa cha uandishi ubavuni mwake.
Ulfinni Waaqa Israaʼelis iddoo irra buʼee ture kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Ergasiis Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa tolfame uffatee mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate sana waame;
4 Yahwe akamwambia, “Pita kati ya mji-kati ya Yerusalemu-na weka alama katika vipaji vya uso vya wale waliolemewa na kuona kuhusu machukizo yote yanafanyika kati ya mji.”
innis akkana jedheen; “Guutummaa magaalaa Yerusaalem keessa deemiitii adda namoota sababii wantoota jibbisiisoo ishee keessatti hojjetaman hundaatiif gaddanii booʼan irratti mallattoo godhi.”
5 Kisha akaongea na wengine kupitia kusikia kwangu, “Pita kwenye mji baada ya yeye na kuua. Msiache macho yenu yawe na huruma, na msiogope kuharibu
Inni utuma ani dhagaʼuu warra kaaniin akkana jedhe; “Magaalattii keessa isa faana deemaatii utuu garaa hin laafin yookaan utuu hin mararfatin ajjeesaa.
6 iwe mzee, kijana, msichana, mtoto mdogo au wanawake. Waueni watu wote! Lakini msimkaribie mtu yeyote ambaye mwenye alama kwenye kichwa chake. Anzeni katika patakatifu pangu!” Hivyo wakaanza na wazee waliokuwa mbele ya nyumba.
Jaarsota, dargaggeeyyii, shamarran, dubartootaa fi ijoollee ajjeesaa; nama mallattoo qabu kam iyyuu garuu hin tuqinaa. Iddoo qulqullummaa koo irraa jalqabaa.” Kanaafuu isaan jaarsota fuula mana qulqullummaa dura jiran irraa jalqaban.
7 Akawaambia, “Najisi nyumba, na kujaza zio zake kwa waliokufa. Endeleeni!” Hivyo wakaenda na kuushambulia mji.
Innis, “Mana qulqullummaa xureessaa; waltajjichas reeffaan guutaa. Itti baʼaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad baʼanii magaalattii guutuu keessatti ajjeesuu jalqaban.
8 Walipokuwa wakiushambulia, nikajikuta mwenyewe na nikaangukia kwenye uso wangu na kulia kwa sauti na kusema, “Ee, Bwana Yahwe, utayaharibu mabaki yote ya Israeli wakati wa kumwaga ghadhabu yao juu ya Yerusalemu?”
Utuu isaan ajjeesaa jiranii, ani kophaa koo hafee addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati dheekkamsa kee Yerusaalem irratti roobsuudhaan hambaawwan Israaʼel hunda balleessuuf jirtaa?” jedheen iyye.
9 Akanambia, “Uovu wa nyumba ya Israeli na Yuda unaongezeka sana. Nchi imejaa damu na mji umejaa upotovu, tangu waliposema, 'Yahwe ameisahau nchi; na Yahwe haoni!'
Innis akkana jedhee naaf deebise; “Cubbuun mana Israaʼelii fi Yihuudaa akka malee guddaa dha; biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalaan immoo jalʼinaan guutamteerti. Isaan, ‘Waaqayyo biyyattii gateera; Waaqayyo hin argu’ jedhu.
10 Hivyo kisha, macho yangu hataangalia kwa huruma, na sintoacha kuwaharibu. Badala yake nitaileta juu ya vichwa vyao.”
Kanaafuu ani ija gara laafinaatiin isaan hin ilaalu yookaan hin hiluufis; garuu ani waanuma isaan hojjetan mataa isaaniitti nan fida.”
11 Tazama! yule mtu aliyekuwa amevaa nguo ya kitani aliyekuwa na kifaa cha uandishi kwa uapende wa ubavuni mwake. Alitoa taarifa na kusema, “Nimemaliza yale yote uliyoniamuru.”
Ergasii namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee korojoo katabbii mudhii isaatti hidhate sun deebiʼee dhufee, “Ani akkuma ati na ajajje sana godheera” jedhe.