< Ezekieli 45 >

1 Wakati mtakapogawanya nchi kama urithi, mtafanya sadakwa kwa Yahwe; sadaka hiyo itakuwa sehemu takatifu ya nchi, dhiraa elfu ishirini na tano urefu, na dhiraa elfu kumi upana. Patakuwa patakatifu, ndani ya mipaka yake yote.
“‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii Waaqayyoof kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa.
2 Kutoka hapa kutakuwa na dhiraa mia tano kwa dhiraa mia tano za mraba kuzunguka mahali patakatifu, kwa kuuzunguka mpaka dhiraa hamsini upana.
Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu.
3 Kutoka hili eneo utapima fungu ambalo ni dhiraa elfu ishirini na tano urefu na elfu kumi upana; patakuwa patakatifu; mahali patakatifu palipo tukuka.
Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba.
4 Patakuwa patakatifu katika nchi kwa ajili ya makuhani wanaomtumikia Yahwe, ajaye kwa Yahwe kumtumikia. Patakuwa mahali kwa ajili ya nyumba na eneo takatifu kwa ajili mahali patakatifu.
Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula Waaqayyoo duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.
5 Hivyo itakuwa dhiraa elfu ishirini na tano urefu na elfu kumi upana, patakuwa kwa ajili ya miji ya Walawi wanaotumika kwenye nyumba.
Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa.
6 Mtadhihirisha eneo moja kwa ajili ya mji, dhiraa elfu tano na urefu ishirini na tano, hapo patakuwa kando kando ya eneo lililohifadhiwa kwa ajili ya mahali patakatifu; huu mji utakuwa wa mali ya nyumba yote ya Israeli.
“‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa.
7 Nchi ya mwana mfalme itakuwa kwa pande zote za eneo lililohifadhiwa kwa ajili ya mahali patakatifu na mji. Patakuwa kwa upande wao wa magaharibi na upande wa mashariki. Urefu utalingana na urefu wa moja ya hayo mafungu, kutoka magaribi hata mashariki.
“‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti.
8 Hii nchi itakuwa mali ya mwana mfalme katika Isaraeli. Wana wafalme hawatawakandamiza watu wangu; badala yake, watawapatia nchi kwa nyumba ya Israeli, kwa ajili ya makabila yao.
Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan.
9 Bwana Yahwe asema hivi: Inatosha kwa ajili yenu, mwana mfalme wa Israeli! Ondoa dhuluma na mgogoro; fanya hukumu na haki! Usiwafukuze wapangaji wa watu wangu! -hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
10 Mtakuwa na mzani sahihi, efa sahihi, na bathi sahihi!
Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu.
11 Efa na bathi zitakuwa kiasi kile kile, ili kwamba bathi iwe zaka ya homeri; efa itakuwa zaka ya hamori moja. Vipimo vyao vitakuwa vinafanana na homeri.
Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa.
12 Shekeli zitakuwa gera ishirini, shekeli sita zitakuwa mane yenu.
Saqiliin tokko geeraa digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii tokko taʼa.
13 Hili ndilo toleo mtakalotoa: efa sita kwa kila homeri ya ngano, na mtatoa efa sita kwa kila homeri ya shayiri.
“‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko.
14 Sadaka ya kawaida ya mafuta itakuwa zaka ya bathi kwa kila kori (ambazo ni bathi), au kwa kila hamori, kwa kuwa hamori moja ni bathi kumi pia.
Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii.
15 Kondoo mmoja au mbuzi kutoka mifugo kwa kila wanyama mia mbili kutoka malisho ya maji ya mikoa ya Israeli yatatumika kwa sadaka ya kuteketezwa yoyote au sadaka ya amani kufanya upatanisho kwa ajili ya watu-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
16 Watu wote wa nchi watatoa hii sadaka kwa mwana mfalme wa Israeli.
Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna.
17 Utakuwa wajibu wa mwana mfalme kutoa wanyama kwa ajili ya sadaka za kuteketezwa, sadaka ya unga, sadaka ya kinywaji, katika siku za sikukuu na sherehe za mwezi mpya, na katika siku za Sabato-sikukuu zote za kudumu za nyumba ya Israeli. Ataandaa kwa ajili ya sadaka za dhambi, sadaka za unga, sadaka za kuteketezwa, na sadaka za amani kwa ajili ya upatanisho badala ya nyumba ya Israeli.
Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa.
18 Bwana Yahwe asema hivi: Katika mwezi wa kwanza, siku ya kwanza ya mwezi, utachukua ng'ombe mmoja asiyekuwa na dosari kutoka kwenye kundi na kufanya sadaka ya dhambi kwa ajili ya patakatifu.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita.
19 Kuhani atachukua baadhi ya damu ya sadaka ya dhambi na kuiweka juu ya miimo ya mlango na kwenye pembe nne za mpaka wa madhabahu, na miimo ya lango la uzio wa ndani.
Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba.
20 Utafanya hivyo siku ya saba ya mwezi kwa dhambi ya kila mtu kwa ajali au ujinga; katika njia hii mtaipatanisha hekalu.
Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu.
21 Katika siku ya mwezi siku ya kumi na nne ya mwezi, mtakuwa na sikukuu, sikukuu ya siku saba. Matakula makate usiotiwa chachu.
“‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu.
22 Siku hiyo, mwana mfalme ataandaa ng'ombe kwa ajili yake na kwa ajili ya watu wote wa nchi kama sadaka ya dhambi.
Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba.
23 Kwa siku saba za sikukuu, mwana wa mfalme ataandaa sadaka ya kuteketezwa kwa ajili ya Yahwe: ng'ombe saba na kondoo dume saba zisizokuwa na dosari kila siku kwa mda wa siku saba, na mbuzi dume kila siku kama sadaka ya dhambi.
Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof dhiʼeessuu qaba.
24 Kisha mwana mfalme atatengeneza sadaka ya chakula ya efa moja kwa kila ng'ombe na efa moja kwa kila kondoo dume pamoja na hini ya mafuta kwa kila efa.
Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba.
25 Katika siku ya saba ya mwezi siku ya kumi na tano ya mwezi, katika sikukuu, mwana wa mfalme atafanya matoleo katika siku hizi saba: sadaka za dhambi, sadaka za kuteketezwa, sadaka za chakula, na sadaka za mafuta.
“‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu.

< Ezekieli 45 >