< Ezekieli 41 >
1 Kisha yule mtu akanileta mahali patakatifu pa hekalu na mihimili-dhiraa sita upana pande zote.
Ergasiis gara mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan isaa safare; balʼinni tuggeewwan sanaas qixa hundaanuu dhundhuma jaʼa jaʼa ture.
2 Upana wa maingilio ulikuwa dhiraa kumi; ukuta kila upande dhiraa tano urefu kila upande. Kisha yule mtu akapima ukubwa wa mahali patakatifu-dhiraa arobaini upana urefu na dhiraa ishirini upana.
Balʼinni balbala isaa dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo karaa hundaan dhundhuma shan shan ture. Akkasumas inni karaa mana qulqullummaa kan gara alaa safare; innis dhundhuma afurtama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture.
3 Kisha yule mtu akaenda hata mahali patakatifu sana na kuipima miimili ya matokeo-dhiraa mbili-kuta pande zote zilikuwa dhiraa saba upana.
Sana booddee gara mana qulqullummaa isa gara keessaa seenee utubaawwan balbalaa safare; tokkoon tokkoon isaaniis dhundhuma lama lama babalʼatu ture. Balballi isaa dhundhuma jaʼa balʼatee qixa hundaanuu dhundhuma torba torba balʼata ture.
4 Kisha akapima urefu wa vyumba-dhiraa ishirini. Upana wake-dhiraa ishirini hata mbele kwenye ukumbi wa hekalu. Kisha akanambia, “Hapa ndipo mahali patakatifu sana.”
Lafa irra dheerina mana qulqullummaa isa gara keessaas ni safare; innis fiixee tokko irraa hamma fiixee kaaniitti dhundhuma digdama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Innis, “Kun Iddoo Qulqullummaa kan Hunda Caaluu dha” naan jedhe.
5 Kisha yule akapima kuta za nyumba-zilikuwa dhiraa sita unene. Upana wa kila upande wa chumba kuzunguka nyumba dhiraa nne upana.
Ergasii immoo keenyan mana qulqullummaa safare; innis yabbinna dhundhuma jaʼa qaba ture; balʼinni dareewwanii kan naannoo mana qulqullummaa biraas dhundhuma afur afur ture.
6 Kulikuwa na pande tatu za vyumba, chumba kimoja juu ya kingine, vyumba thelathini, kulikuwa na kibao kitokezacho ukutani kuzunguka ukuta wa nyumba, kusaidia pande zote za vyumba, kwa kuwa hapakuwa na msaada uliokuwa umewekwa kwenye ukuta wa nyumba.
Dareewwan sunis darbii sadiitti qoodamanii wal irratti ijaaraman; tokkoon tokkoon darbii immoo dareewwan soddoma soddoma qaba ture. Dareewwan sana deeggaruufis naannoo keenyan mana qulqullummaa tuggeewwantu ture; tuggeewwan sun garuu keenyan mana qulqullummaa deeggaruuf keessa hin suuqamne.
7 Hivyo mbavu za nyumba zilipanuka na kuzunguka kwenda juu, kwa kuwa nyumba ilizunguka kwenda juu, na ngazi kuelekea juu hata sehemu ya juu, kupitia sehemu ya katikati.
Dareewwan mana qulqullummaa bira jiran sunis darbiidhaa gara darbiitti babalʼachaa deemu turan. Ijaarsi mana qulqullummaa marsee jiru waan gadii gara oliitti ijaarameef dareewwan sun akkuma ol baʼaa deemaniin babalʼatu turan. Gulantaan tokkos darbii gadiitii jalqabee darbii walakkaa keessa baʼee gara darbii oliitti baasa ture.
8 Kisha nikaona sehemu iliyoinuka kuzunguka nyumba, msingi kwa ajili ya pande za vyumba; ikapimwa fimbo nzima urefu-dhiraa sita.
Akkasumas manni qulqullummaa sun naannoo isaatii madabii ol kaʼaa akka qabu nan arge; madabiin sunis dareewwan sanaaf hundee taʼe. Hundeen sunis lafa irra dheerina ulee tokkoo jechuunis dhundhuma jaʼa qaba ture.
9 Upana wa ukuta wa vyumba vya pembeni kwa upande wa nje ulikuwa dhiraa tano. Kulikuwa na sehemu ya wazi kwa upande wa nje wa hivi vyumba katika patakatifu.
Keenyan dareewwan sanaa gara alaatiin dhundhuma shan yabbata ture. Iddoon duwwaan dareewwan mana qulqullummaatii fi
10 Kwa upande mwingine wa hii sehemu ya wazi kulikuwa na vyumba vya makuhani upande wa nje; hii sehemu ilikuwa na dhiraa ishirini upana kupazunguka patakatifu.
dareewwan lubootaa gidduu jiru kan naannoo mana qulqullummaa guutumaan guutuutti dhundhuma digdama balʼata ture.
11 Kulikuwa na milango kwenye vyumba vya pembeni kutoka sehemu ya wazi nyingine-njia ya mlango moja uliokuwa upande wa kaskazini, na mwingine upande wa kusini. Upana wa hili eneo la wazi ulikuwa na dhiraa tano kupazunguka.
Iddoo duwwaa sana irraa jalqabees balbalawwan dareewwan sanatti ol seensisan, tokko karaa kaabaa, kaan immoo karaa kibbaa turan; madabiin iddoo duwwaa sana marsee jiru dhundhuma shan balʼata ture.
12 Lile jengo lililokuwa limeelekea kwenye ua upande wa magaribi dhiraa sabini upana. Ukuta wake ulipimwa dhiraa tano pande zote, na ilikuwa dhiraa tisini urefu.
Ijaarsi oobdii mana qulqullummaatti garagalee jiruu karaa dhiʼaatiin dhundhuma torbaatama balʼata. Keenyan ijaarsa sanaas dhundhuma shan yabbata; dheerinni isaas dhundhuma sagaltama ture.
13 Kisha yule mtu akapapima patakatifu-dhiraa mia moja urefu. jengo lililokuwa limetengeka, kuta zake, na kwenye ua pia palipimwa dhiraa mia moja urefu.
Ergasii inni mana qulqullummaa safare; dheerinni isaas dhundhuma dhibba tokko ture; oobdiin mana qulqullummaatii fi ijaarsi sun keenyan isaa wajjin dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
14 Upana wa mbele kwenye ua mbele ya patakatifu pia kulikuwa dhiraa mia moja.
Balʼinni oobdii mana qulqullummaa kan karaa baʼaatiin jiru iddoo fuullee mana qulqullummaa dabalatee dhundhuma dhibba tokko ture.
15 Kisha yule mtu akapima urefu wa jengo karibu na patakatifu, kwa upande wake wa magharibi, na juu ya baraza pande zote-dhiraa mia moja. Mahali patakatifu na varanda,
Ergasiis inni dheerina ijaarsaa kan gara oobdii isa mana qulqullummaa duubaatti garagalee jiru keenyan gama lamaanii dabalatee safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture. Manni qulqullummaa kan gara alaa, kan gara keessaatii fi gardaafoon gara oobdiitti garagalee jiru,
16 kuta za ndani na madirisha, pamoja na madirisha madogo, na baraza za pande zote kwenye pande tatu, zilikuwa zimefungwa kwa mbao.
akkasumas waltajjiiwwan, foddaawwan dhidhiphoonii fi darbiiwwan naannoo sadan isaanii jiran kan waltajjiin oliitii fi waltajjiin mataan isaa mukaan haguugamee ture. Lafti isaa, keenyan hamma foddaawwaniitti jiruu fi foddaawwan haguugamanii turan.
17 Juu ya lango la kuingilia hata patakatifu pa ndani na kuwekwa karibu na kuta kulikuwa na pazia lililokuwa limepimwa.
Keessa iddoo balbala mana qulqullummaa gubbaan jiruu fi naannoo keenyan mana qulqullummaa kan gara keessaatii fi kan gara alaa irratti
18 Palikuwa pamepambwa na makerubi mitende; pamoja na mitende kati ya kerubi na kerubi, na kila kerubi lilikuwa na nyuso mbili:
fakkiin kiirubeelii fi mukkeen meexxii tolfamanii turan. Mukkeen meexxii sunis kiirubeel gidduutti tolfaman. Tokkoon tokkoon kiirubis fuula lama lama qaba ture:
19 uso wa mtu aliyekuwa ameelekea mtende mmoja, na uso wa mwana simba ulitazama kuelekea mtende kwa upande mwingine. Vilifunikwa kuzunguka malango ya kuingia yote ya nyumba.
Fuulli namaa tokko gara muka meexxii kan gama tokkoon jirutti garagalee ture; fuulli leencaa immoo gara muka meexxii kan gama kaaniitti garagalee ture. Isaanis guutumaan guutuutti mana qulqullummaa irratti marfamanii tolfamanii turan.
20 Kutoka chini hata juu kwenye njia ya mlango, makerubi na mtende vilifunikwa na ukuta wa nje ya nyumba.
Lafa mana qulqullummaa keessaa hamma balbala gubbaa jiruutti kiirubeelii fi mukkeen meexxii keenyan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti tolfamanii turan.
21 Mihimili ya lango la mahali patakatifu lilikuwa mraba. Umbo lao lilikuwa kama umbo la
Manni qulqullummaa karaa alaatiin hidhii balbalaa kan roga afurii qaba ture; hidhiin balbalaa kan Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe fuuldura jirus wal fakkaata ture.
22 kwanza madhabahu ya mbao mbele ya mahali patakatifu, ambapo kulikuwa na dhiraa tatu kwenda juu na dhiraa urefu kwa kila upande. Pembe zake mihimili, kitako, na kiunzi kilitengenezwa kwa mbao. Kisha yule mtu akanambia, “Hii ni meza ambayo itakuwa kwa ajili ya Yahwe.”
Iddoo aarsaa kan muka irraa tolfame kan ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, lafa irra dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi balʼinni isaa immoo dhundhuma lamaatu ture; goleewwan isaa, madabiin isaatii fi cinaachi isaa muka irraa tolfame. Namichi sunis, “Maaddiin kun maaddii fuula Waaqayyoo dura jiruu dha” naan jedhe.
23 Kulikuwa na milango miwili kwa ajili ya mahali patakatifu na mahali patakatifu sana.
Manni qulqullummaa inni gara alaatii fi Iddoon Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sun balbala lama lama qabu turan.
24 Hii milango ilikuwa na bawaba mbili kila mlango paneli, paneli mbili kwa ajili ya mlango mmoja na paneli mbili kwa ajili ya mwingine.
Tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan lama lama qaba ture; tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan qabsiiftuu qaban lama lama qaba ture.
25 Ilifunikwa-juu ya milango ya mahali patakatifu ambapo makerubi na mti wa mtende kama kuta ilipambwa, kulikuwa na paa ya mbao juu ya varanda kwa mbele.
Balbalawwan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti kiirubeelii fi mukkeen meexxii akkuma keenyan manaa irratti tolfaman sana tolfamanii turan; gardaafoo sana fuula duraanis dibaabee mukaa tokkotu ture.
26 Kulikuwa na madidsha madogo miti ya mitende kwenye varanda pande zote. Hivyo vilikuwa vyumba vya pembeni ya nyumba, na pia ilizielekea dari.
Keenyan bitaa fi mirgaa kan gardaafoo sanaa irra foddaawwan dhidhiphoo kanneen bitaa mirgaan mukkeen meexxiitiin faayeffamantu ture. Dareewwan mana qulqullummaa kanneen bitaa fi mirgaas dibaabeewwan qabu turan.