< Ezekieli 38 >
1 Neno la Yahwe likanijia, likisema,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Mwanadamu, weka uso wako kumwelekea Gogu, nchi ya Magogu, kiongozi mkuu wa Mesheki na Tubali; na kutabiri dhidi yake.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii
3 Sema, 'Bwana Yahwe asema hivi: Tazama! Ni juu yako, Gogu, kiongozi mkuu wa Mesheki na Tubali.
akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa.
4 Hivyo nitakugeuza na kuweka kulabu kwenye taya yako; nitakupeleka nje pamoja na jeshi lako lote, farasi, na waendesha farasi, wote wakiwa wamevaa silaha, kusanyiko kubwa pamoja na ngao ndogo na ngao kubwa, wote wakishikilia panga!
Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa.
5 Persia, Kushi, Uajemi wapo pamoja nao, wote pamoja na ngao na chapeo!
Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu;
6 Gomeri na jeshi lake lote, na Beth-Togarma, kutoka sehemu za mbali ya kaskazini, na jeshi lake lote! Watu wengi wako pamoja nawe!
akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa.
7 Kuwa tayari! Ndio, jiandae na jeshi lako waliokusanyika pamoja na wewe, na amiri wao mkuu.
“‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi.
8 Utaitwa baada ya siku nyingi, na baada ya miaka michache utaenda kwenye nchi iliyofunikwa kutoka upanga na ambayo iliyokusanywa kutoka watu wengi, iliyowkusanya kuwarudisha milima ya Israeli ambayo imeendelea kuangamizwa. Lakini watu wa nchi watatolewa na kabila za watu, na wataishi salama, wote!
Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu.
9 Hivyo utapanda juu kama tufani iendavyo; utakuwa kama wingu lililofunika nchi, wewe na jeshi lako lote, maaskari wako wote pamoja na wewe.
Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata.
10 Bwana Yahwe asema hivi: Itakuwa siku hiyo hayo mawazo yataingia moyoni mwako, na utatunga njama mbaya.'
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta
11 Kisha utasema, 'nitapanda hata nchi iliyowazi; nitaenda hata kwa watu wapole waishio salama, wote wakiishi mahali ambapo hakuna kuta wala makomeo, na mahali ambapo hakuna malango ya mji.
Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa.
12 Nitanyakua mateka na kuiba mateka, ili nilete mkono wangu juu kuwaangamiza wale wakazi wapya, na juu ya watu waliokusanyika kutoka mataifa, watu wale waongezao wanyama na mali, na wale waishio katikatika ya dunia.'
Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.”
13 Sheba na Denani, na wafanya biashara wa Tarshishi pamoja na mahodari wake wote watakwambia, 'Je, umekuja kuteka nyara? Je, umewakusanya majeshi yako kuchukua mateka, kuchukua fedha na dhahabu, kuchukua mifugo yao na mali na kuwakokota mateka wengi sana?'
Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?”’
14 Kwa hiyo tabiri, mwanadamu, na mwambie Gogu, 'Bwana Yahwe asema hivi: Katika siku hiyo, wakati watu wangu Israeli watakapoishi salama, je, hutajifunza kuhusu wao?
“Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu?
15 Utakuja kutoka mahali pangu mbali katika kaskazini pamoja na jeshi kubwa, wote wakiendesha farasi, kusanyiko kubwa, jeshi kubwa.
Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu.
16 Utawashambulia watu wangu Israeli kama wingu lifunikavyo nchi. Katika siku za baadaye nitakuleta juu ya nchi yangu, ili mataifa wanijue nitakapojifunua mwenyewe kupitia wewe, Gogu, kuwa mtakatifu mbele ya macho yao.
Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa.
17 Bwana Yahwe asema hivi: Je, wewe siye yule ambaye niliyeongea naye katika siku za zamani kwa mkono wa watumishi wangu, manabii wa Israeli, waliotabiri katika mda wao wenyewe kwa miaka niliyowaleta juu yao?
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan.
18 Basi itakuwa katika siku hiyo wakati Gogu atakapo ishambulia nchi ya Israeli-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo-ghadhabu yangu itapanda katika hasira yangu.
Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
19 Katika wivu wangu katika hasira ya moto wangu, ninasema kwamba katika siku hiyo kutakuwa na tetemeko kubwa la nchi katika nchi ya Israeli.
Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha.
20 Watatetemeka mbele yangu-samaki wa baharini na ndege wa angani, wanyama wa mashambani, na viumbe watambaao juu ya nchi, na kila mtu aliyeko juu ya uso wa nchi. Milima itaangushwa chini majabali yataanguka, hadi kila ukuta utaanguka kwenye nchi.
Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga.
21 Nitaita upanga dhidi yake juu ya milima yangu yote-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo-upanga wa kila mtu utakuwa kinyume na ndugu yake.
Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha Waaqayyo Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa.
22 Kisha nitamuhukumu kwa tauni na damu; nakufurika mvua na mvua ya mawe na kuchoma asidi nitainyeshea chini juu yake na jeshi lake na mataifa mengi yaliyo pamoja naye.
Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa.
23 Kwa kuwa nitaonyesha ukuu wangu na utakatifu wangu na nitafanya kujulikana mimi mwenyewe katiaka macho ya mataifa mengi, na watajua kwamba mimi ni Yahwe.”
Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’