< Ezekieli 32 >

1 Kisha ikawa katika mwezi wa kumi na mbili wa mwaka wa kumi na mbili, siku ya kwanza ya mwezi, lile neno la Yahwe likanijia, kusema,
Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Mwanadamu, inua maombolezo kuhusu Farao mfalme wa Misri; mwambie, 'Wewe ni kama simba mdogo juu ya mataifa, lakini kama jitu la kutisha, unatoka kwenye maji, unayachafua maji kwa miguu yako na kuyachafua maji yao.
“Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: “‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; ati lageen borcita; miilla keetiin bishaan ni booressita; lageenis ni dhoqqeessita.
3 Bwana Yahwe asema hivi: Basi nitautandaza wavu wangu juu yako katika kusanyiko la watu wengi, na watawainua juu katika wavu wangu.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Gumii namoota baayʼee keessatti ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
4 Nitakuacha katika nchi. Nitakutupa kwenye shamba na kufanya ndege wote wa angani watue juu yako; njaa ya wanyama wote waishio juu ya nchi watashibishwa na wewe.
Ani lafatti sin gata; bakkeettis sin darbadha. Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
5 Kwa kuwa nitaiweka nyama yako juu ya milima, na nitayajaza mabonde kwa funza wako waliokufa.
Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
6 Kisha nitamwaga damu yako juu ya milima, na vitanda vya kijito vitajazwa kwa damu yako.
Hamma tulluuwwan bira gaʼutti dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
7 Kisha wakati nitakapokuzimisha, nitazifunika mbingu na kuzitia giza nyota zake; nitalifunika jua kwa mawingu, na mwezi hautatoa nuru yake usiku.
Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; aduu duumessaan nan haguuga; jiʼis ifa isaa hin kennu.
8 Mianga ya mbinguni nitaiweka giza juu yako, na nitaweka giza juu ya nchi-hivi ndivyo asemavyo Bwana Yahwe.
Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; ani biyya kee irra dukkana nan buusa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
9 Hivyo nitaitisha mioyo ya watu wengi katika nchi ambao huwajui, wakati nitakapoleta kuhusu uvunjifu miongoni mwa mataifa, miongoni mwa nchi ambazo hukuzijua.
Ani yeroon boojuu godhee saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
10 Nitawashangaza watu wengi kuhusiana na wewe; wafalme wao watatetemeka kwa hofu kuhusiana na wewe nitakapoutikisa upanga wangu mbele yao. Kila wakati kila mmoja atatetemeka kwa sababu yako, katika siku ya kuanguka kwako.
Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti akka namoonni hedduun si arganii naʼan, akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. Guyyaa kufaatii keetii tokkoon tokkoon isaanii yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
11 Kwa kuwa Bwana Yahwe asema hivi: Upanga wa mfalme wa Babeli utakuja juu yako.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Goraadeen mootii Baabilon sitti dhufa.
12 Nitawafanya watu wako kuanguka kwa panga za mashujaa-kila shujaa ni tishio la mataifa. Hawa mashujaa watateketeza kiburi cha Misri na kuangamiza watu wake wote.
Ani akka namoonni kee hedduun goraadee namoota jajjabootiin jechuunis kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha. Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
13 Kwa kuwa nitaiharibu mifugo yote kutoka karibu na maji mengi; na mguu wa mtu hautayatibua tena, wala kwato za wanyama hazitayatibua.
Bishaanota baayʼee biraa loon ishee hunda nan fixa; siʼachi miilli namaa hin booressu yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
14 Kisha nitayafanya maji yao kuwa matulivu na kufanya mito yao kukimbia kama mafuta-hivi ndivyo asemavyo Bwana Yahwe.
Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 Wakati nitakapoifanya nchi ya Misri sehemu iliyojitenga, wakati nchi iliyopungukiwa na vitu viijazavyo, wakati nitakapo washambulia wakaao ndani yake, watajua yakwamba mimi ni Yahwe.
Gaafa ani biyya Gibxi onsee biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
16 Kutakuwa na maombolezo; binti za mataifa wataomboleza juu yake; wataomboleza juu ya Misri, juu ya watu wake wote wataomboleza-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.”'
“Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
17 Kisha ikawa katika mwaka wa kumi na mbili, siku ya kumi na tano ya mwezi, lile neno la Yahwe likanijia, kusema,
Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 “Mwanadamu, omboleza kwa ajili watu wa misri na walete chini-yeye na binti za mataifa mashuhuri-hata chini ya dunia pamoja na wale walioshuka chini kwenye shimo.
“Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.
19 'Je! wewe ni mzuri zaidi kuliko mtu mwingine yeyote? Nenda chini na lala chini pamoja na wasiotahiriwa.'
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’
20 Wataanguka miongoni mwao waliokuwa wameuawa kwa upanga. Upanga ulikuwa umewekwa! Alikuwa amepatiwa upanga; watamkamata na watu wake.
Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.
21 Hodari wa wapiganaji katika Sheoli atasema kuhusu Misri na rafiki zake, 'Wameshuka chini hapa! Watalala pamoja na wasiotahiriwa, pamoja na wale waliokuwa wameuawa kwa upanga.' (Sheol h7585)
Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu. (Sheol h7585)
22 Ashuru yupo huko pamoja na kusanyiko lake. Makaburi yake yamemzunguka; wote waliuawa kwa upanga.
“Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.
23 Wale ambao makaburi yao yamewekwa katika maficho ya mashimo yaliyo huko, pamoja na kusanyiko lake. Makaburi yake yakiwazunguka wote waliokuwa wameuawa, walioanguka kwa upanga, wale walioleta hofu juu ya nchi ya walio hai.
Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
24 Elamu yupo huko pamoja na watu wake wote. Makaburi yake yamemzunguka; wote walikuwa wameuawa. Wale walioawa kwa upanga, walioshuka chini wasiotahiriwa hata sehemu ya chini kabisa ya dunia, waliowatia hofu juu ya nchi ya walio hai na wale waliobeba aibu yao wenyewe, pamoja na wale washukao chini kwenye shimo.
“Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.
25 Wamemuwekea kitanda kwa ajili ya Elamu na watu wake wote kati ya wachinjaji; kaburi lake limemzunguka. Wote hawajatahiriwa, kukatwa vipande kwa upanga, kwa sababu waliwaleta mashujaa wao juu ya nchi ya walio hai. Hivyo wamechukua aibu yao wenyewe, pamoja na wale washukao kwenye shimo miongoni mwa wote waliouawa, wale washukao kwenda shimoni. Elamu yu miongoni mwa wale waliokuwa wameuawa.
Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
26 Mesheki, Tubali, na watu wake wote wako huko! Makaburi yao yamewazunguka. Wote hawajatahiriwa, wameuawa kwa upanga, kwa sababu walileta utiisho wao juu ya nchi ya walio hai.
“Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.
27 Wasilale pamoja mashujaa walioanguka wa wasiotahiriwa walioshuka chini kwa Sheoli pamoja na silaha zao zote za vita, na pamoja na panga zao zote walizoziweka chini ya vichwa vyao na maovu yao juu ya mifupa yao. Kwa kuwa walikuwa tishio kwa mashujaa katika nchi ya walio hai. (Sheol h7585)
Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe. (Sheol h7585)
28 Basi wewe, Misri, utavunjika kati yao wasiotahiriwa! Utalala karibu nao waliokuwa wamekatwa vipande vipande kwa upanga.
“Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
29 Edomu yuko huko na wafalme na viongozi wake wote. Walikuwa wamehifadhiwa katika uwezo wao pamoja na wale walioawa kwa upanga. Pamoja na wasiotahiriwa wamelala, pamoja na wale walioshuka kwenye shimo.
“Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
30 Wakuu wa kaskazini wako huko-wote na Wasidoni wote walioshuka chini pamoja na hao waliokuwa wamekatwa vipande vipande. Walikuwa na nguvu na kuwafanya wengine kuogopa, lakini sasa wako huko kwa aibu, wasiotahiriwa pamoja na wale waliokatwa vipande vipande kwa upanga. Wamebeba aibu yao wenyewe, pamoja nao waendao kwenye shimo.
“Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
31 Farao ataona na kupata faraja kuhusu kundi lake waliokatwa vipande vipande kwa upanga -Farao na jeshi lake lote-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
“Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
32 Natamuweka kama utiisho wangu katika nchi ya walio hai, lakini atakuwa amelazwa chini katikati yao wasiotahiriwa, miongoni mwa wale walio katwa vipande kwa upanga, Farao na makundi yake yote-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Ezekieli 32 >