< Ezekieli 3 >

1 Akanambia, “Mwanadamu, kile ulichokikuta, kula. Kula hili gombo, kisha nenda kaongee na nyumba ya Israeli.”
Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe.
2 Basi nikafungua kinywa changu, na akanilisha hilo gombo.
Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne.
3 Akanambia, “Mwana wa adamu, lisha tumbo lako na jaza tumbo lako kwa hili gombo ambalo nimekupa!” Basi nikalila, na lilikuwa tamu kama asali kwenye mdomo wangu.
Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.
4 Kisha akanambia, “Mwana wa adamu, nenda kwenye nyumba ya Israeli na ongea maneno yangu kwao.
Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi.
5 Kwa kuwa hujatumwa kwa watu wenye maneno ya kushangaza au lugha ngumu, lakini kwa nyumba ya Israeli-
Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne;
6 sio kwa taifa lenye nguvu ya maneno ya ajabu au lugha ngumu ambao maneno yao hutaweza kuyaelewa! Kama nikikutuma kwao, watakusikiliza.
ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture.
7 Lakini nyumba ya Israeli haitakuwa tayari kukusikiliza, kwa kuwa hawako tayari kunisikiliza mimi. Hivyo nyumba yote ya Israeli ni paji gumu na moyo mgumu.
Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii.
8 Kumbe nimeufanya uso wako kama kaidi kama nyuso zao na paji lako kuwa gumu kama mapaji yao.
Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera.
9 Nimekufanya paji lako kama almasi, gumu kuliko jiwe la kiberiti! Usiwaogope wala kufadhaika kwa nyuso zao, kwa kuwa ni nyumba ya uasi.”
Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.”
10 Kisha akanambia, “Mwana wa adamu, maneno yote niliyokutangazia-yachukue kwenye moyo wako na wasikize kwa sikio lako!
Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu.
11 Kisha nenda kwa watumwa, kwa watu wako, na uzungumze nao. Waambie, 'Hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo; iwapo watasikia au hapana.”
Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.”
12 Kisha Roho akaniinua juu, na nikasikia nyuma yangu sauti yenye tetemeko la aridhi: “Ubarikiwe utukufu wa Yahwe kutoka mahali pake!”
Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni Waaqayyoo iddoo jireenya isaatti haa eebbifamu!” jedhu tokko of duubaan nan dhagaʼe.
13 Ilikuwa sauti ya mabawa ya viumbe hai vilipokuwa vikigusana kila kimoja, na sauti ya magurudumu ambayo yalikuwa pamoja na hivyo viumbe, na sauti ya tetemeko kubwa arithi.
Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture.
14 Roho akaniinua juu na kunichukua, Nikaenda kwa uchungu katika hasira kali rohoni mwangu, kwa kuwa mkono wa Yahwe ulikuwa na nguvu ukigandamiza juu yangu!
Hafuurris ol na kaasee na fudhatee deeme; anis hadheeffadhee utuma hafuurri koo aaree gubatuu nan deeme; harki Waaqayyoo jabaan sunis ana irra ture.
15 Hivyo nikaenda kwa watumwa huko Tel Abibu waliokuwa wakiishi karibu na Kebari Kanali, na niliishi miongoni mwao huko kwa mda wa miaka saba, kushinda kabisa katika mshangao.
Anis gara boojiʼamtoota Teel Abiib keessa Laga Kebaar bira jiraatan sanaan dhufe. Achittis waanan godhu wallaalee guyyaa torba isaan gidduu nan taaʼe.
16 Kisha ikatokea baada ya siku saba kwamba neno la Yahwe likanijia, likisema,
Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
17 “Mwana wa adamu, nimekufanya uwe mwangalizi kwa ajili ya nyumba ya Israeli, hivyo sikiliza neno kutoka kinywani mwangu, na uwapatie onyo langu.
“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
18 Nitakaposema kwa waovu, 'Utakufa hakika' na usimuonye au kuzungumza onyo kwa waovu kuhusu matendo yao maovu hivyo anaweza kuishi-yule muovu atakufa kwa ajili ya dhambi yake, lakini nitaitaka damu yake kutoka kwenye mkono wako.
Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
19 Lakini kama ukimuonya muovo, na asiuache uovu wake au kutoka matendo yake maovu, kisha atakufa kwa dhambi yake, lakini utaokoa maisha yako mwenyewe.
Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta.
20 Kama mwenye haki ataicha haki yake na kutenda yasiyohaki, na nikaweka kizuizi mbele yake, atakufa. Kwasababu hukumuonya, atakufa katika dhambi yake, na sintokumbuka matendo ya haki aliyoyafanya, lakini nitaitaka damu yake kutoka kwenye mkono wako.
“Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha.
21 Lakini kama ukimuonya mwenye mtu mwenye haki kuacha kufanya dhambi halafu akaacha kutenda dhambi, ataishi hakika tangu alipo unywa; na utakuwa umeokoa maisha yako mwenyewe.”
Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”
22 Hivyo mkono wa Yahwe ulikuwa juu yangu huko, akanambia, “Inuka! nenda uwandani, na nitaongea na wewe huko!”
Achittis harki Waaqayyoo narra ture; innis, “Kaʼiitii gara dirreetti baʼi; anis achitti sitti nan dubbadhaa” naan jedhe.
23 Nikainuka na kwenda uwandani, na huko utukufu wa Yahwe ulisimama, kama utukufu ambao niliokuwa nimeuona karibu na Kebari Kanali; hivyo nikaanguka kifudifudi.
Kanaafuu ani kaʼee gara dirreetti nan baʼe. Ulfinni Waaqayyoos achi dhaabatee ture; innis ulfina ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
24 Roho akaja kwangu na kusimama juu ya miguu yangu; akaongea na mimi, na kunambia, “Nenda na jifungie mwenyewe kwenye nyumba yako,
Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi.
25 kwa sasa, mwana wa adamu, wataweka kamba juu yako na kukufunga ili usiweze kutoka nje miongoni mwao.
Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta.
26 Nitaufanya ulimi wako ugandamane na paa ya mdomo wako, ili kwamba uwe kimya, na hutaweza kuwakemea, kwa kuwa ni nyumba ya waasi.
Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa.
27 Lakini nitakapozungumza na wewe, nitafungua mdomo wako hivyo utawaambia, 'Hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.' Yeye asikiaye na asikie; yeye asiyesikia na asisikie, kwa kuwa wao ni nyumba ya kuasi!”
Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ isaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii.

< Ezekieli 3 >