< Ezekieli 29 >
1 Katika siku ya kumi, katika mwezi wa kumi siku ya kumi na moja ya mwezi, neno la Yahwe likanijia, kusema,
Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Mwanadamu, weka uso wako juu ya Farao, mfalme wa Misri; toa unabii juu yake na juu ya Israeli yote.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.
3 Nena na sema, 'Bwana Yahwe asema hivi: Tazama! Ni juu yako, Farao, mfalme wa Misri. Wewe joka kubwa ambaye ujifichaye kati ya mto, husema, “Mto wangu ni wangu mwenyewe. Nimeufanya kwa ajili yangu mwenyewe.”
Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
4 Kwa kuwa nitaweka kalabu katika taya zako, nasamaki za mto wako zitashikamana na magamba yako; nitakuinua juu kutoka kati ya mto wako karibu na samaki zote za mto walioshikamana na maganda yako.
Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
5 Nitakutupa chini kwenye jangwa, wewe pamoja na samaki wako wote kutoka kwenye mto wako. Utaanguka kwenye shamba la wazi; hutakusanya wala kuinua. Nitakupatia kama chakula kwa viumbe hai vya dunia na kwenye ndege wa angani.
Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda gammoojjiitti nan gata. Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif nyaata godheen si kenna.
6 Kisha wote wakaao Misri watajua kwamba mimi Yahwe, kwa sababu wamekuwa mwanzi wa kutegemewa hata kwenye nyumba ya Israeli.
Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta.
7 Wakati watakapokushika kwa mkono wao, ulivunjika na kurarua wazi mabega yao; na watakapojifunza juu yako, ulivunjika, na kusababisha miguu yao kutokuwa imara.
Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
8 Kwa hiyo Bwana Yahwe asema hivi: Tazama! nitaleta upanga juu yako. Nitawakatilia mbali wote mwanadamu na mnyama mbali nawe.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.
9 Hivyo nchi ya Misri itakuwa ukiwa na jangwa. Ndipo watakapojua kwamba mimi ni Yahwe, kwa sababu jitu la kutisha liliseama, “Huu mto ni wangu, kwa kuwa nimeufanya mimi.”
Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii;
10 Kwa hiyo, tazama! Ni juu yako na juu ya mto wako, hivyo nitaitoa nchi ya Misri juu ya ukiwa na jangwa, na utakuwa nchi yenye jangwa kutoka Migdoli hata Sewene na mipaka ya Kushi.
kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.
11 Hakutakuwa na mguu wa mtu kupitia, na hakuna mguu wa wanyama pori watakao upitia. Haitakuwa makao kwa miaka arobaini.
Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.
12 Kwa kuwa nitaifanya nchi ya Misri kuwa ukiwa kati ya nchi zilizoharibiwa, na miji yake kati ya miji isiyotumika itakuwa ukiwa kwa miaka arobaini; kisha nitaitawanya Misri miongoni mwa mataifa, nitawatapanya kati ya nchi mbali mbali.
Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
13 Kwa kuwa Bwana Yahwe asema hivi: Mwisho wa miaka arobaini nitaikusanya Misri kutoka kwa watu miongoni mwao wale waliokuwa wametawanyika.
“‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.
14 Nitawarudisha wageni wa Misri na kuwarudisha hata mkoa wa Pathrosi, hata kwenye nchi ya asili yao. Kisha huko watakuwa ufalme wa chini.
Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.
15 Utakuwa chini ya falme, na hautajiinua tena juu ya mataifa. Nitawapunguza hivyo hawatatawala tena juu ya mataifa.
Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.
16 Wamisri hawatakuwa sababu kwa ajili ya imani kwa ajili ya nyumba ya Israeli. Badala yake, watakuwa kumbusho la uovu ambao Israeli umeufanya walipogeukia Misri kwa ajili ya msaada. Kisha watajua kwamba mimi ni Bwana Yahwe.”'
Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’”
17 Kisha ikawa katika mwaka wa ishirini na saba siku ya kwanza ya mwezi, lile neno la Yahwe likanijia, kusema,
Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 “Mwanadamu, Nebukadreza mfalme wa Babeli amelinda jeshi lake kufanya kazi ngumu juu ya Tiro. Kila kichwa kilitiwa upara, na kila bega lilifanywa mali ghafi. Kisha yeye na jeshi lake hawakupokea malipo kutoka Tiro kwa kazi ngumu aliyokuwa ameimaliza dhidi yake.
“Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.
19 Kwa hiyo Bwana Mungu asema hivi, 'Tazama! ninawapatia Nebukadreza nchi ya Misri mfalme wa Babeli, na atachukua utajiri wake, kuziteka nyara milki zake, na kuchukua yote atakayoyakuta huko; nayo yatakuwa mshahara wa jeshi lake.
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.
20 Nimempatia nchi ya Misri kama mshahara kwa ajili ya kazi waliyonifanyia-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
21 siku hiyo nitachipusha pembe kwa ajili ya nyumba ya Israeli, na nitakufanya uzungumze kati yao, ili kwamba wajue yakwamba mimi ni Yahwe.”'
“Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”