< Ezekieli 10 >

1 Nilipokuwa nikingalia mbele ya anga ambalo liliyokuwa juu ya vichwa vya kerubi; kitu kikawatokea juu yao kama rangi ya samawati mwonekano wake ulikuwa kama kiti cha enzi.
Anis milʼadhee bantii samii gubbaatti mataa kiirubeeliitiin olitti fakkaattii teessoo sanpeer tokko nan arge.
2 Kisha Yahwe akaongea na yule mtu alikuwa maevaa nguo za kitani na kusema, “Nenda kati ya magurudumu chini ya kerubi, na jaza mikono yako yote na watawanye juu ya mji.” Kisha yule mtu akaenda ndani nikiwa natazama.
Waaqayyos namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaan akkana jedhe; “Geengoowwan kiirubeelii jalaan jiran gidduu seeni. Barbadaa cilee bobaʼuu kan kiirubeelii gidduu jiru sana irraa harka kee guuttadhuutii magaalattii keessa faffacaasi.” Innis utuma ani ilaaluu ol seene.
3 Kerubi likasimama juu ya upande wa kulia wa nyumba wakati yule mtu alipoingia, na wingu likaja a ndani ya uzio.
Yeroo namichi ol seenetti kiirubeeliin karaa kibba mana qulqullummaatiin dhaabatanii turan; duumessi oobdii gara keessaa guutee ture.
4 Utukufu wa Yahwe ukainuka kutoka kwenye kerubi na kusimama kwenye kizingiti cha nyumba. Ukaijaza nyumaba kwa wingu, na uzio ulikuwa umejaa nuru ya utukufu wa Yahwe.
Ulfinni Waaqayyoos kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Duumessis mana qulqullummaa guute; waltajjichis ifa ulfina Waaqayyootiin guutame.
5 Sauti ya mabawa ya kerubi ikasikika kwa mbali nje ya uzio, kama sauti ya Mungu mwenyezi wakati akiwa anaongea.
Sagaleen qoochoowwan kiirubeelii hamma oobdii gara alaatti akkuma sagalee yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu dubbatu dhagaʼamu sanaa fagootti dhagaʼama ture.
6 Ikawa kuhusu, Mungu alipoamwamuru yule mtu aliyekuwa amevaa nguo za kitani na kusema, “Chukua moto kutoka kwenye ya kerubi,” yule mtu akaenda na kusimama karibu na gurudumu.
Yeroo Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatu sanaan, “Geengoowwan gidduudhaa, kiirubeelii gidduudhaas ibidda fudhi” jedhee ajajetti namichi ol seenee geengoo bira dhaabate.
7 Kerubi akaunyoosha mkono wake kwenye kerubi kwenye moto uliokuwa miongoni mwa kerubi, na kuiacha juu na kuiweka kwenye mikono ya yule mtu aliyekuwa amevaa vazi la kitani. Yule mtu akaichukua na kurudi.
Ergasii kiirubeelii keessaa inni tokko harka isaa gara ibidda isaan gidduu jiruutti hiixate. Innis ibidda sana irraa xinnoo fuudhee harka namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaa keessa kaaʼe; namichis ibidda sana fudhatee baʼe.
8 Nikaona juu ya kerubi kitu kama mkono wa mtu juu ya mabawa yao.
Qoochoowwan kiirubeelii jalaanis wanni harka namaa fakkaatu tokko ni mulʼata ture.
9 Hivyo nikaona, na tazama! Magurudumu manne yalikuwa karibu na kerubi-gurudumu moja karibu na kila kerubi-na mwonekano wa hayo magurudumu ulikuwa kama jiwe la zabarajadi.
Anis milʼadhee geengoowwan afur kiirubeelii biratti nan arge; geengoowwan sunis tokkoo tokkoo kiirubeelii bira turan; geengoowwan sunis akka biiralee calaqqisu turan.
10 Mwonekano wake ulikuwa unaofanana kama wa wote wanne, kama gurudumu lililokuwa kwenye gurudumu lingine.
Bifti afranuu wal fakkaata ture; tokkoon tokkoon geengoo sanaa geengoo kaanitti waan dirame fakkaata ture.
11 wakati walipokuwa wakitembea, walienda katika pande zote nne bila kugeuka katika kwenye njia nyingine. Badala yake, popote kichwa kilipoelekea, walilifuata. Hawakugeuka kwenye njia yeyote nyingine walipokuwa wakienda.
Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kiirubeeliin itti gara galan kamiin iyyuu deeman; geengoowwanis yeroo kiirubeeliin deemanitti asii fi achi hin sochoʼan ture. Kiirubeeliin qixa mataan isaanii itti gara gale kamiin iyyuu utuu of irra hin milʼatin deeman.
12 Mwili wao wote-pamoja na migongo yao, mikono yao, na mabawa yao-vilikuwa vimefunikwa kwa macho, na macho kufunika magurudumu manne kuzunguka pote pia.
Dhagni isaanii guutuun, dugda isaanii, harka isaaniitii fi qoochoo isaanii dabalatee akkuma geengoowwan isaanii afran sanaatti akkuma jiraniin ijaan guutamanii turan.
13 Nilikuwa nasikia, magurudumu yalikuwa yakiita, “Kuzunguka.”
Geengoowwan sunis utuma ani dhagaʼuu, “Geengoowwan konkolaatan” jedhamanii waamaman.
14 Walikuwa na nyuso nne kila moja; uso wa kwanza ulikuwa uso wa kerubi, uso wa pili ulikuwa uso wa mtu, uso wa tatu ulikuwa uso wa simba, na uso wa nne ulikuwa uso wa malaika.
Tokkoon tokkoon kiirubeelii fuula afur afur qabu ture: fuulli tokkoffaan fuula kiirubeelii, fuulli lammaffaan fuula namaa, fuulli sadaffaan fuula leencaa, fuulli afuraffaan immoo fuula risaa ture.
15 Kisha makerubi-hawa walikuwa viumbe hai nilivyokuwa nimeviona karibu na Keberi Kanali-wakainuka juu.
Ergasiis kiirubeeliin ol baʼan; isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha.
16 Popote makerubi walipoenda, magurudumu yalienda karibu nao, na popote makerubi walipoinua juu mabawa yao kupaa juu kutoka kwenye nchi, magurudumu hayakugeuka. Yaliendelea kuwa karibu nao.
Yeroo kiirubeeliin deemanitti geengoowwan isaan cina jiranis ni deeman; yeroo kiirubeeliin lafa irraa ol kaʼuuf qoochoowwan isaanii diriirfatanitti geengoowwanis isaan biraa hin hafan ture.
17 Wakati makerubi waliposimama, magurudumu yalisimama pia, na wakati walipoinuka juu, magurudumu yaliinuka juu pamoja nao, kwa kuwa roho wa vile viumbe hai walikuwa kwenye magurudumu.
Yeroo kiirubeeliin dhaabatanitti isaanis ni dhaabatu turan; yeroo kiirubeeliin ol kaʼanittis isaanuma wajjin ol kaʼu turan; hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa isaan keessa tureetii.
18 Kisha utukufu wa Yahwe ukaja kutoka juu ya kizingiti cha nyumba na kusimama juu ya kerubi.
Ergasiis ulfinni Waaqayyoo gulantaa mana qulqullummaa irraa kaʼee kiirubeelii gubbaadhaan dhaabate.
19 Lile kerubi likaacha juu mabawa na kuinuka kutoka kwenye jicho langu wakati walipotoka nje, na yale magurudumu yakafanya vivyo hivyo karibu yao. Wakasimama upande wa mashariki kuingia kwenye nyumba ya Yahwe, na utukufu wa Mungu wa Israeili ukaja juu yao kutoka juu.
Kiirubeeliin utuma ani arguu qoochoowwan isaanii diriirffatanii lafaa ol kaʼan; yeroo isaan deemanittis geengoowwan isaan wajjin deeman. Isaan karra balbala mana Waaqayyoo kan karaa baʼaa irra dhaabatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaadhaan ture.
20 Hawa walikuwa viumbe hai ambao niliokuwa nimewaona chini ya Mungu wa Israeli karibu na Kebari Kanali, hivyo nilijua kwamba walikuwa makerubi!
Isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti argee turee dha; anis akka isaan kiirubeelii taʼan nan hubadhe.
21 Walikuwa na macho manne kila mmoja na mabawa manne, na mfanano wa nyuso zao zilikuwa na mfanano wa mikono ya mwanadamu chini ya mabawa yao,
Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur, qoochoowwan isaanii jalaan immoo waan harka namaa fakkaatu qabu ture.
22 na mfanano wa nyuso zao ulikuwa kama nyuso nilizokuwa nimeziona kwa maono huko Keberi Kanali, na kila mmoja wao alienda mbele.
Bifti fuula isaaniis akkuma bifa uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti arge sanaa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman.

< Ezekieli 10 >