< Kutoka 21 >

1 Sasa hizi ni amri utakazoweka kabla yao:
“Seerawwan ati isaan dura keessu kanneenii dha:
2 'kama mtanunua mtumishi wa kiebrania, atatumikia kwa miaka sita, na mwaka wa saba ataachiwa huru bila kilipwa chochote.
“Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu.
3 Kama alikuja mwenyewe, ataenda huru kwa ridhaa yake;
Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu.
4 kama bwana wake atampa mke na kumzalia mwana na binti, mke pamoja na watoto wake watabaki mali ya bwana wake, na ataenda zake huru.
Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu.
5 Lakini kama mtumishi atasema waziwazi, “Nampenda bwana wangu, mke wangu, na watoto; sitaenda nje,”
“Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe,
6 “kisha bwana wake atapaswa kumleta kwa Mungu. Bwana wake atapaswa kumleta katika mlango au katika muhimili wa mlango, na bwana wake atatoboa sikio lake na sindano. Kisha mtumishi wake atamtumikia kwa maisha yake yote.
gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila.
7 Kama mwanaume ata muuza binti wake kama mtumishi wa kike, ata weza kwenda huru kama watumishi wa kiume wanavyo enda.
“Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin.
8 Kama hamridhishi bwana wake, aliye mtenga kwa ajili yake, kisha lazima amnunue tena. Hana ruhusa ya kumuuza kwa watu wengine wa kigeni. Hana ruhusa hiyo, sababu amemtendea kwa hila.
Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu.
9 Ikiwa bwana wake atamposa awe mke wa mwanae, atamtendea kama desturi zipasavyo sawa na binti zake.
Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu.
10 Ikiwa atajitwalia mke mwingine, asimpunguzie huyo chakula chake, nguo na haki zake za unyumba.
Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin.
11 Lakini asipofanyiwa mambo haya matatu, basi anaweza kwenda bure pasipo kutolewa mali.
Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi.
12 Mtu awaye yote ampigaye mtu hata akafa, inampasa mtu huyo auawe pia.
“Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu.
13 Lakini kama hakumvizia, ila kwa bahati mbaya, basi nitamfanyia mahali pa kukimbilia.
Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqatu harka isaa buuse yoo taʼe garuu iddoo ani ramadutti haa baqatu.
14 Lakini mtu akimwendea mwenzake kwa kujikinai, kusudi apate kumwua kwa hila; huyo utamwondoa hata kama ni madhabahuni pangu, ili auawe.
Garuu yoo namni tokko ittuma yaadee dabaan nama ajjeese iddoo aarsaa koo biraa fuudhaatii ajjeesaa.
15 Yeyote atakaye mpiga baba au mama yake lazima auawe.
“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.
16 Yeyote atakaye mteka mtu na kumuuza, au mtu amekutwa kama mali yake, huyo mtekaji lazima auawe.
“Namni nama hatee yoo gurgurate yookaan namichi hatame sun harka isaatti yoo argame hattichi haa ajjeefamu.
17 Yeyote atakaye mlaani baba au mama yake lazima auawe.
“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.
18 Kama wanaume watapigana na mmoja akimpiga mwengine kwa jiwe au ngumi, na huyo mtu asife, lakini alazwe kitandani;
“Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe,
19 kisha akapona na anaweza kutembea kwa gongo lake, yeye aliye mpiga lazima alipe muda aliye mpotezea; na lazima alipe matibabu yake yote. Lakini huyo mtu hana hatia ya mauaji.
ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu.
20 Kama mwanaume akimpiga mtumishi wake wa kiume au wa kike kwa gongo, na kama mtumishi huyo akifa kwa madhara ya pigo, kisha huyo mtu lazima ahadhibiwe.
“Yoo namni tokko uleedhaan garbicha isaa yookaan garbittii isaa dhaʼee garbichi sunis harka isaatti duʼe namichi haa adabamu;
21 Walakini, mtumishi huyo akiishi siku moja au mbili, bwana aruhusiwi kuadhibiwa, kwa kuwa atateseka kupoteza mtumishi huyo.
garuu sababii garbichi sun qabeenya isaa taʼeef yoo garbichi sun bultii tokko yookaan bultii lama booddee kaʼe, namichi hin adabamu.
22 Kama wanaume wakipigana pamoja na wakamuumiza wanamke mwenye mimba na kuiharibu, lakini hakuna majeraha mengine kwake, kisha huyo mwanaume mwenye hatia lazima alipe kama mme wa mwanamke anavyo taka kwake, na kulipa kama hakimu anavyo kusudia.
“Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba.
23 Lakini kama kuna majeraha makubwa, lazima utoe uhai kwa uhai, jicho kwa jicho,
Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu;
24 jino kwa jino, mkono kwa mkono, mguu kwa mguu,
qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla;
25 kuchoma kwa kuchoma, jeraha kwa jeraha, au mkwaruzo kwa mkwaruzo.
qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda buruqsuu, buruqsuu baafta.
26 Kama mwanaume akipiga jicho la mtumishi wake kiume au mtumishi wake wa kike na kuliharibu, kisha lazima amuache mtumishi aende pasipo fidia ya jicho.
“Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu.
27 Kama akitoa jino la mtumishi wake wa kiume au mtumishi wake wa kike, lazima amuache mtumishi kwenda huru kama fidia ya jino.
Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu.
28 Kama ng'ombe akimpiga mwanaume au mwanamke akafa, ng'ombe lazima apigwe mawe, na nyama yake hairuhusiwi kuliwa; lakini mmiliki wa ng'ombe lazima awe huru kwa hatia.
“Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu.
29 Lakini kama ng'ombe alikuwa na tabia ya kupiga hapo awali, na mmiliki wake alionywa lakini hakumzuia, na ng'ombe ameua mwanaume au mwanamke, huyo ng'ombe lazima apigwe mawe, na mmiliki wake lazima auawe pia.
Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu.
30 Kama malipo ya uhai yanaitajika, lazima alipe chochote anachotakiwa kulipa.
Taʼus inni yoo gumaa gaafatame waan gaafatame hunda kaffalee lubbuu isaa haa oolfatu.
31 Kama ng'ombe amempiga mwana wa mwanaume au binti wake, mmiliki wa ng'ombe anapaswa kufanya kama masharti yanavyo mlazimu.
Yoo qotiyyoon sun ilma yookaan intala tokko waraane illee seeruma kanatu hojjeta.
32 Kama ng'ombe akimpiga mtumishi wa kiume au wakike, mmiliki wa ngombe lazima alipe shekeli thelathini za fedha, na ng'ombe lazima apigwe mawe.
Yoo qotiyyoon sun garbicha yookaan garbittii waraane abbaan qotiyyoo sanaa gooftaa garba sanaatiif meetii saqilii soddoma haa kaffalu; qotiyyoon sunis dhagaan rukutamee haa ajjeefamu.
33 Kama mwanaume akifungua shimo, au kama mwanume akichimba shimo na asifunike, na ng'ombe au punda akaanguka ndani,
“Namni tokko yoo boolla afaan banaa dhiise yookaan yoo boolla qotee utuu hin duuchin dhiisee sangaan yookaan harreen boolla sana keessa buʼe,
34 mmiliki wa shimo lazima alipe madhara. Lazima atoe hela kwa mmiliki wa mnyama aliye kufa, na mnyama aliye kufa atakuwa wake.
abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
35 Kama ng'ombe wa mwanaume akimuumiza ng'ombe wa mwanume mwengine hadi kufa, kisha lazima wamuuze ng'ombe aliye hai na kugawana gharama, na pia lazima wagawane ng'ombe aliye kufa.
“Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani.
36 Lakini kama ilijulikana kama ng'ombe alikuwa na tabia ya kupiga hapo awali, na mmiliki wake hakumfunga ndani, hakika lazima alipe ng'ombe kwa ng'ombe, na mnyama aliye kufa atakuwa wake.
Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.

< Kutoka 21 >