< Esta 6 >

1 Usiku ule mfalme hakupata usingizi. Akaagiza vitabu vya kumbukumbu vya matukio ya ufalme wake viletwe na visomwe mbele zake. Vitabu visomwa kwa sauti mbele ya mfalme.
Halkan sana mootichi rafuu hin dandeenye; kanaafuu inni akka isaan kitaaba seenaa kan waaʼee mootummaa isaa barreeffame isaaf dubbisan ni ajaje.
2 Ikakutwa kuwa Modekai alikuwa ametoa taarifa kuhusu Bighana na Tereshi, walinzi walio linda lango, waliokuwa wamepanga kumuangamiza Mfalme Ahusiero.
Kitaaba sana keessattis Mordekaayi akka Bigtaanaa fi Tereshi xuʼaashiiwwan balbala eegan kanneen Ahashweroos Mooticha ajjeesuuf mariʼatan sana lamaan saaxilee ture barreeffamee argame.
3 Kisha mfalme akauliza, Modekai alifanyiwa nini cha heshima kwa kwa taarifa aliyoitoa? Ndipo watumishi wa mfalme wakamwambia, “Hakufanyiwa kitu chochote.”
Mootichis, “Yoos Mordekaayi sababii waan kanaatiif ulfina yookaan kabaja maalii argate ree?” jedhee gaafate. Tajaajiltoonni isaa immoo, “Wanni tokko iyyuu hin godhamneef” jedhanii deebisan.
4 Kisha mfalme akauliza, “Ni nani aliye ndani ya ua.” Na Hamani alikuwa ameingia katika ua wa mfalme ili amwombe mfalme atoe kibali ili Modekai atundikwe kwenye mti aliouandaa.
Mootichis, “Eenyutu oobdii kana keessa jira?” jedhee gaafate. Yeroo sana Haamaan waaʼee Mordekaayiin muka dhaabe sana irratti fannisuu mootichatti himuuf jedhee oobdii masaraa mootummaa isa gara alaa seenee ture.
5 Watumishi wakamjibu, “Hamani amesimama katika ua ya mfalme.” Mfalme akasema, “Mwambieni aingie ndani.”
Tajaajiltoonni mootichaa, “Haamaanitu oobdii keessa dhaabatee jira” jedhanii deebisan. Mootichis, “Isa ol galchaa” jedhee ajaje.
6 Mara tu Hamani alipoingia, mfalme akamuuliza, afanyiewe nini mtu yule ambaye mfalme anampenda na kumheshimu?” Hamani akafikiri moyoni mwake, “Ni nani ambaye mfalme ampenda na kumuheshimu zaidi yangu?
Mootichis yeroo Haamaan ol galetti, “Nama mootichi kabajuu barbaaduuf maaltu godhamuufii qaba?” jedhee isa gaafate. Haamaanis, “Namni mootichi na caalchisee kabaju eenyu?” jedhee ofi keessatti yaade.
7 Hamani amjibu mfame, Kwa mtu yule ambaye mfalme ampenda na kumuheshimu,
Kanaafuu Haamaan akkana jedhee mootichaaf deebise; “Nama mootichi kabajuu jaallatuuf,
8 avikwe nguo za kifalme, mavazi ambayo mfalme amekwisha yavaa na farasi ambaye ametumiwa na mfalme na ambaye ana taji ya kifalme kichwani mwake.
uffata mootummaa kan mootichi uffatuu fi farda mootummaa kan mootichi yaabbatu haa fidan; fardi gonfoon mootii mataatti kaaʼameef haa dhufuuf.
9 Nguo hizo na farasi apewe msimamizi bora kuliko wote. Na wamvike yule ambaye mfalme ampenda na kumuheshimu, na wampandishe juu ya farasi na kumpitisha katika mitaa yote ya mji. Na watangaze mbele yake, “Hivi ndivyo alivyofanyiwa mtu yule ambaye mfalme ampenda na kumuheshimu!”
Ergasii uffannii fi fardi sun qondaaltota mootichaa kanneen qondaaltota hunda caalaa beekamoo taʼan keessaa isa tokkotti imaanaan haa kennamuuf; isaan immoo nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uffata sana haa uffisan; farda yaabbachiisaniis, ‘Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kana!’ jedhanii labsaa daandiiwwan magaalattii irra fuula isaa dura haa deeman.”
10 Kisha mfalme akamwambia, Hamani “fanya hima, mvike Modekai nguo na umpandishe kwenye farasi, na lisipungue hata jambo moja katika hayo uliyo yasema.”
Mootichis akkana jedhee Haamaanin ajaje; “Dafii dhaqii uffataa fi farda sana fuudhiitii akkuma jette sana Mordekaayi Yihuudicha karra mootii dura taaʼu sanaaf godhi. Waan jette sana keessaa tokko illee hin hambisin.”
11 Kisha Hamani akachukua mavazi na farasi. Akamvika Modekai na akampandisha kwenye farasi na kumpitisha katika mitaa yote ya mji. Akatangaza mbele zake, “Hii imefanyika kwa mtu ambaye mfalme anampenda na kumuheshimu!”
Kanaafuu Haamaan dhaqee uffataa fi farda sana fuudhe. Innis uffata sana Mordekaayiitti uffisee fardas yaabbachiisee, “Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kanaa dha!” jedhee labsaa daandii magaalaa irra fuula isaa dura deeme.
12 Baada ya hayo Modekai alirudi kwenye lango la mfalme. Huku Hamani akarudi kwa haraka nyumbani kwake, huku akiomboleza, na akiwa ameinamisha kichwa chake.
Ergasii Mordekaayi gara karra mootichaatti deebiʼe. Haamaan garuu gaddaan mataa haguuggatee ariitiidhaan manatti gale;
13 Akawaeleza rafiki zake pamoja na Zereshi mkewe. Kisha rafiki zake wenye hekima pamoja na Zereshi mkewe. Kama Modekai, ambaye umeanza kuanguka mbele zake ni wa uzao wa Wayahudi, hautamshinda, bali utandelea kuanguka mbele zake.”
waan isa irra gaʼe hundas niitii isaa Zeresh fi michoota isaa hundatti hime. Gorsitoonni isaatii fi niitiin isaa Zosaaraan, “Sababii Mordekaayi inni kufaatiin kee fuula isaa duratti jalqabe sun sanyii Yihuudaa taʼeef ati isaan mormuu hin dandeessu; ati dhugumaan ni badda!” jedhaniin.
14 Walipokuwa wakiendelea na maongezi, wasimamizi wa mfalme wakamjia Hamani ili aende kwenye karamu aliyoiandaa Esta.
Utuma isaan isa wajjin dubbachaa jiranuu xuʼaashiiwwan mootichaa dhufanii gara cidha Asteer qopheessitee turte sanaatti Haamaan ariifachiisan.

< Esta 6 >