< Torati 1 >

1 Haya ni maneno ambayo Musa aliyasema kwa Israeli wote ng'ambo ya jangwa la Yordani, katika tambarare ya mto wa Yordani juu ya Suph, katikati mwa Paran, Topheli, Laban, Hazeroth, na Di Zahab.
Dubbiin kun dubbii Museen yeroo isaan gammoojjii gama baʼa Yordaanositti, Arabbaa fuullee Suufitti argamu sana keessa, Phaaraanii fi Toofel, Laabaan, Haxerootii fi Diizaahaab gidduu turanitti Israaʼeloota hundatti dubbatee dha.
2 Ni safari ya siku kumi na moja toka Horabu kupitia njia ya mlima wa Seir kwenda Kadeshi Barnea.
Kooreebii karaa Tulluu Seeʼiiriin Qaadesh Barnee gaʼuuf guyyoota kudha tokko fudhata.
3 Ilitokea kwenye mwaka wa nne, mwezi wa kumi na moja, siku ya kwanza ya mwezi, Musa alizungumza kwa watu wa Israeli, kuambia yote yale Yahwe aliyomwamuru kuhusu wao.
Museenis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan Waaqayyo waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.
4 Hii ilikuwa baada ya Yahwe kumvamia Sihoni mfalme wa Amoria, ambaye aliishi huko Heshboni, na Ogi mfalme wa Bashani, ambaye aliishi huko Ashtarothi ya Edrei.
Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha.
5 Ng'ambo ya Yordani, katika nchi ya Moabu, Musa alianza kutangaza maelekezo haya, akisema,
Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Museen akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe:
6 “Yahwe Mungu wetu alisema nasi huko Horebu, akisema, umeishi vya kutosha katika milima ya nchi hii.
Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti akkana nuun jedhe; “Isin tulluu kana bira yeroo dheeraa turtaniirtu.
7 Geuka na uanze safari yako, na uende kwenye nchi ya milima ya Amorites, na kwenye maeneo yote karibu na tambarare ya mto Yordani, katika nchi ya milima, na nyanda za chini, huko Negev, na pwani - nchi ya Wakanani na huko Lebanoni mbali ya mto mkuu wa Euphratesi.
Qubata buqqisaa kaʼaatii gara biyya gaaraa Amoorotaatti deemsa keessan itti fufaa; ergasiis saboota naannoo Arabbaatti argaman hunda keessa, biyya tulluuwwanii keessa, biyyoota gama dhiʼaatiin cina tulluuwwaniitti argaman keessa, Negeebii fi qarqara galaanaa, biyya Kanaʼaanotaatii fi Libaanoon keessa hamma laga Efraaxiis guddichaatti argaman keessa deemaa.
8 Tazama, nimetenga nchi kwa ajili yako, nenda ndani na umiliki nchi ambayo Yahwe aliapa kwa baba zako, Ibrahimu, Isaka na Yakobo, kuwapa na uzao wao baada yao.
Kunoo, ani biyya kana isiniif kenneera. Biyya Waaqayyo abbootii keessaniif jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqiif, Yaaqoobii fi sanyii isaanii warra isaaniin duubaatiif kennuuf kakate sanatti galaatii dhaalaa.”
9 Nilisema nawe kwa wakati huo, nikisema, siwezi nikakubeba peke yangu,
Ani yeroo sanatti akkanan isiniin jedhe; “Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu.
10 Yahwe Mungu wako amekuzidisha, na tazama, leo umekuwa umati wa nyota angani.
Waaqayyo Waaqni keessan isin baayʼiseera; kunoo, isin harʼa akkuma urjiiwwan samii baayʼattaniirtu.
11 Yahwe aweza, Mungu wa baba zako, kukufanya wewe mara elfu moja zaidi ya ulivyo, na kukubariki, kama alivyokuahidi!
Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii yeroo kuma isin haa baayʼisu; akkuma abdii kenne sanattis isin haa eebbisu!
12 Lakini inawezekanaje mimi peke yangu kubeba shehena zako, mizigo yako, na migogoro yako?
Ani garuu akkamitti kophaa koo rakkina keessan, baʼaa keessanii fi wal mormii keessan baachuu dandaʼaa?
13 Chukua wanaume wa hekima, wanaume waelewa, na wanaume walio na sifa nzuri toka kila kabila, nitawafaya kuwa vichwa juu yenu.
Tokkoo tokkoo gosoota keessanii keessaa namoota ogeeyyii, hubattootaa fi kabajamoo filadhaa; anis isin irratti bulchitoota isaan nan taasisa.”
14 Mlinijibu na kusema, 'Jambo ulilolisema ni zuri kwetu kufanya.'
Isinis, “Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha” jettanii naaf deebiftan.
15 Kwa hiyo nilichukua vichwa vya makabila yenu, wanaume wa hekima, na wanaume wenye sifa nzuri, na nikawafanya kuwa vichwa juu yenu, jemedari kwa elfu, jemedari kwa hamsini, jemedari kwa kumi, na maakida, kabila kwa kabila.
Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude.
16 Niliwaamuru waamuzi wenu kwa wakati huo, kusema, 'Zikiliza mabishano kati ya ndugu zenu, na muhukumu ya haki kati ya ndugu na ndugu zake, na mgeni aliye pamoja naye.
Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; “Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa.
17 Hamtaonesha upendeleo kwa yeyote katika mgogoro, mtasikia madogo na makubwa pia. Hamtaogopa uso wa mtu, kwa kuwa hukumu ni ya Mungu. Migogoro iliyo migumu kwenu, mtaniletea mimi, na mimi nitaisikiliza.
Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.”
18 Niliwaamuru kwa wakati huo mambo yote mtakayofanya.
Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera.
19 Tulisafiri toka Horebu na kwenda kupitia jangwa lile kubwa lote na lenye kutisha lile mliloliona, katika njia yetu kuelekea nchi ya milima huko Amorites, kama Yahwe Mungu wetu alivyotuamuru sisi, na tukaja Kadeshi ya Barnea.
Nus ergasii akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti Kooreebii kaanee gammoojjii guddaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa dabarree gara biyya gaaraa Amoorotaa dhaqne; akkasiinis Qaadesh Barnee geenye.
20 Niliwambia, mmekuja kwenye nchi ya milima ya Amorites, ambayo Yahwe Mungu wetu anatupa sisi.
Anis akkana isiniin jedhe; “Isin biyya gaaraa Amoorotaa kan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennu geessaniirtu.
21 Tazama, Yahwe Mungu wenu amekwisha weka nchi mbele yenu; nenda juu, muimiliki, kama Yahwe, Mungu wa baba zenu, amekwisha zungumza nanyi, msiogope wala kukata tamaa.
Kunoo, Waaqayyo Waaqni keessan biyyattii isiniif kenneera. Dhaqaatii akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinitti hime sanatti ishee dhaalaa; hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa.”
22 Kila moja wenu alikuja kwangu na kusema, 'Basi tutume watu mbele yetu, ili kwamba waweze kupepeleza nchi kwa ajili yetu, na kutuletea sisi neno kuhusiana na njia ya wapi tuvamie, na kuhusiana na miji tutakayoingia.
Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, “Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu” jettan.
23 Shauri hilo lilinibariki mimi, 'Nilichukua watu kumi na mbili kutoka kwenu, mtu moja kwa kila kabila.
Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe.
24 Waligeuka na kwenda juu ya nchi ya milima, kufika kwenye bonde la Eshcol na kufanya upepelezi wa kina.
Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan.
25 Walichukua baadhi ya mazao ya ardhi mikononi mwao na kuleta kwetu, Pia walileta neno na kusema, 'Ni nchi nzuri ambayo Yahweh Mungu wetu anatupa sisi'
Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, “Biyyi Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kennu kun gaarii dha” jedhanii nutti himan.
26 Bado mlikataa kushambulia, lakini mliasi dhidi ya amri ya Yahwe Mungu wenu.
Isin garuu dhaquu diddanii ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan.
27 Mlilalamika katika mahema yenu na kusema, “Ni kwa sababu Yahwe alituchukia sisi kwa kuwa ametutoa katika nchi ya Misri, kuteweka katika mikono ya Amorites kutuangamiza.
Dunkaana keessan keessattis akkana jettanii guungumtan; “Waaqayyo nu jibba; kanaafuu biyya Gibxiitii nu baasuun isaatuu akka isaan nu balleessaniif harka Amoorotaatti dabarsee nu kennuuf.
28 Tuende wapi sasa? Ndugu zetu wamefanya mioyo yetu kuyeyuka, kusema, Hao watu ni wakubwa na warefu zaidi yetu, miji yao ni mikubwa na imeimarishwa kwenda mbinguni; zaidi ya yote, tumewaona wana wa Anakim huko”
Egaa nu eessa dhaquu dandeenya? Obboloonni keenya, ‘Jarri nu caalaa jajjaboo fi hojjaan isaanii dhedheeraa dha; magaalaawwan isaaniis gurguddaa fi dallaawwan samii gaʼaniin marfamaniiru; kana biratti immoo ilmaan Anaaq argineerra’ jedhanii nu sodaachisan.”
29 Kisha nikasema nao, msitishwe wala msiwaogope.
Anis akkanan isiniin jedhe; “Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa.
30 Yahwe Mungu wenu, ambaye aenda mbele yenu, atawapigania, kama yote aliyofanya kwa ajili yenu huko Misri mbele ya macho yenu,
Waaqayyo Waaqni keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola;
31 na pia katika jangwa, ambapo mmekwisha muona Yahwe Mungu wenu jinsi alivyowabeba, kama mtu abebavyo mtoto wake, kokote mlikoenda mpaka kufika hapa.'
gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka Waaqayyo Waaqni keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu.”
32 Bado licha ya neno hili hakumwamini Yahwe Mungu wenu,
Taʼus isin Waaqayyo Waaqa keessan
33 aliyeenda mbele yenu kwenye njia kutafuta eneo kwa ajili yenu kuweka kambi, katika moto kwa usiku, katika mawingu kwa mchana.
isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne.
34 Yahwe alisikia sauti ya maneno yenu na alikasirika; aliapa na kusema,
Waaqayyos yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate:
35 Hakika hakuna mmoja ya hawa watu wa kizazi hiki kiovu wataona nchi nzuri ambayo niliapa kuwapa babu zao,
“Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu;
36 kasoro Kalebu mwana wa Jephuneeh; yeye ataiona. Yeye nitampa nchi ambayo amekwisha kuikanyanga, na watoto wake, kwa sababu alimfuata Yahwe kwa ukamilifu.'
Kaaleb ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna.”
37 Pia Yahweh alinikasirikia mimi kwa sababu yenu, kusema, 'Wewe pia hautaingia huko,
Sababii keessaniif Waaqayyo natti illee dheekkamee akkana jedhe; “Ati iyyuu itti hin galtu.
38 Yoshua mwana wa Nuh, ambaye amesimama mbele yako, yeye ataingia, mtie moyo, kwani yeye atawaongoza Israeli kuimiliki.
Gargaaraan kee Iyyaasuun ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi.
39 Zaidi ya yote, watoto wenu wadogo, ambao mlisema watakuwa waathirika, ambao leo hawana elimu ya uzuri au ubaya-wataenda ndani huko. Wao nitawapa nchi hiyo, na wataimiliki.
Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu.
40 Lakini ninyi, geuka na muuanza safari kwenda jangwani kwa kuambaa njia ya bahari ya mianzi'.
Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa.”
41 Kisha mlinijibu na kusema kwangu, 'Tumetenda dhambi dhidi ya Yahwe, tutaenda juu na kupigana, tutafuata yote ambayo Yahwe Mungu wetu ametuamuru sisi kufanya'. Kila mtu miongoni mwenu aliweka silaha za vita, na mlikuwa tayari kuvamia nchi ya milima.
Isinis, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti lolla” jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan.
42 Yahwe alisema nami, 'Waambie, msivamie na kupigana, kwa kuwa sitakuwa pamoja nanyi, na mtashindwa na adui zenu'.
Waaqayyo garuu, “‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi” naan jedhe.
43 Nilizungumza nanyi kwa njia hii, lakini hamkunisikiliza, Mliasi dhidi ya amri ya Yahwe, mlikuwa wenye kiburi na mlivamia nchi ya milima.
Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja Waaqayyootti finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan.
44 Lakini Amorites, ambayo waliishi katika nchi hiyo ya milima, walitoka dhidi yenu na kuwafukuza kama nyuki, na kuwapiga chini huko Seir, mbali kama Hormah.
Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan.
45 Mlirudi na kulia mbele ya Yahwe; lakini Yahwe hakusikiliza sauti zenu, wala hakuwa makini kwenu.
Isin deebitanii dhuftanii fuula Waaqayyoo duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine.
46 Kwa hiyo mlibaki Kadeshi siku nyingi, siku zote mlibaki huko.
Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha.

< Torati 1 >