< Matendo 8 >
1 Sauli alikuwa kwenye makubaliano ya kifo chake. siku hiyo ndipo alipoanza kuwatesa kinyume cha kanisa lililokuwa Yerusalemu; na waaminio wote waliotawanyika katika majimbo ya Yudea na Samaria, isipokuwa mitume.
Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.
2 Watu wachamungu walimzika Stefano na kufanya maombolezo makubwa juu yake.
Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif.
3 Lakini Sauli alilidhuru sana kanisa. Alikwenda nyumba kwa nyumba na kuwaburuza nje wanawake na waume, na kuwatupia gerezani.
Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.
4 waaminio ambao walikuwa wametawanyika bado walilihubiri neno.
Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.
5 Filipo akashuka katika mji wa Samaria na akamtangaza Kristo huko.
Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe.
6 Baada ya makutano kusikia na kuona ishara alizofanya Filipo; wakaweka umakini juu ya kile alichosema.
Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan.
7 Kutoka hapo watu wengi waliosikia, pepo wachafu waliwatoka watu huku wakilia kwa sauti kubwa, na wengi waliopooza na viwete waliponywa.
Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.
8 Na kulikuwa na furaha kubwa katika mji.
Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.
9 Lakini palikuwa na mtu mmoja katika mji ule jina lake Simon, ambaye alikuwa akifanya uchawi; ambao aliutumia kuwashangaza watu wa taifa la Samaria, wakati akisema kuwa yeye ni mtu wa muhimu.
Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture.
10 Wasamaria wote tangu mdogo hata mkubwa, wakamsikiliza; wakasema;”mtu huyu ni ile nguvu ya Mungu ambayo ni kuu.”
Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan.
11 Wakamsikiliza, kwa maana amewashangaza muda mrefu kwa uchawi wake.
Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan.
12 Lakini wakati walipoamini kuwa Filipo alihubiri juu ya ufalme wa Mungu na juu ya jina la Yesu Kristo, walibatizwa, wanaume kwa wanawake.
Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman.
13 Na Simoni mwenyewe aliamini: baada ya kubatizwa, aliendelea kuwa na Filipo; alipoona ishara na miujiza iliyokuwa ikitendeka, alishangaa.
Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
14 Wakati mitume wa Yerusalemu waliposikia kuwa Samaria imepokea neno la Mungu, wakawatuma Petro na Yohana.
Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan.
15 Wakati walipokuwa wakishuka wakawaombea; kwamba wampokee Roho Mtakatifu.
Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif;
16 Mpaka muda huo, Roho Mtakatifu alikuwa hajawashukia hata mmoja wao; walikuwa tu wamebatizwa kwa jina la Bwana Yesu.
Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan.
17 Ndipo Petro na Yohana wakawawekea mikono, nao wakampokea Roho Mtakatifu.
Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.
18 Wakati Simoni alipoona kwamba Roho Mtakatifu ametolewa kupitia kuwekewa mikono na mitume; akataka kuwapa pesa,
Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee,
19 Akasema, “Nipeni hii nguvu, ili kila nitakayemwekea mikono apokee Roho Mtakatifu.”
“Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen.
20 Lakini Petro akamwambia; pesa yako pamoja na wewe ipotelee mbali, kwa sababu umedhani kuwa karama ya Mungu inapatikana kwa pesa.
Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!
21 Hauna sehemu katika jambo hili, kwa sababu moyo wako si mnyoofu mbele za Mungu.
Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu.
22 Hivyo basi tubu maovu yako na kumwomba Mungu labda utasamehewe fikra za moyo wako.
Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.
23 Kwa maana naona uko katika sumu ya uchungu na kifungo cha dhambi.”
Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.”
24 Simoni akajibu na kusema, “Mwombeni Bwana kwa ajili yangu, kwa kuwa mambo yote mliyozungumza yaweza kunitokea.
Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise.
25 Wakati Petro na Yohana walipokuwa wameshuhudia na kuhubiri neno la Bwana, walirudi Yerusalemu kwa njia hiyo; walihubiri injili katika vijiji vingi vya Wasamaria.
Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.
26 Basi malaika wa Bwana akanena na Filipo na kusema, “Angaza na uende kusini katika njia iendayo chini ya Yerusalemu kuelekea Gaza.” ( Njia hii iko katika jangwa).
Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.
27 Akaangaza na kwenda. Tazama, kulikuwa na mtu wa Ethiopia, towashi mwenye mamlaka kuu chini ya kandase; malkia wa Ethiopia. Aliyewekwa juu ya hazina yake yote; naye alikuwa amekwenda Yerusalemu kuabudu.
Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture.
28 Alikuwa akirejea ameketi garini mwake akisoma chuo cha nabii Isaya.
Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture.
29 Roho akasema na Filipo, “Sogea karibu na gari hili ukashikamane nalo.
Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.
30 “Hivyo Filipo akaenda mbio, akamsikia akisoma katika chuo cha nabii Isaya; akasema, Je unafahamu unachosoma?”
Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate.
31 Muethiopia akasema, “nitawezaje mtu asiponiongoza?” Akamsihi Filipo apande garini na kuketi pamoja naye.
Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.
32 Sasa fungu la maandiko alilokuwa akisoma Muethiopia ni hili; Aliongozwa kama kondoo kwenda machinjioni kuchinjwa; na kama kondoo alinyamaza kimya, hakufungua kinywa chake:
Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
33 Kwa kuhuzunishwa kwake hukumu yake iliondolewa: Nani ataeleza kizazi chake? maisha yake yameondolewa katika nchi.”
Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”
34 Hivyo towashi akamwuliza Filipo, na kusema, “nakuomba, ni nabii yupi ambaye anaongelewa habari zake, ni kuhusu yeye, au za mtu mwingine”?
Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate.
35 Filipo alianza kuongea, alianza kwa andiko hili la Isaya kumhubiria habari za Yesu.
Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.
36 Wakiwa njiani, wakafika penye maji,' towashi akasema, “Tazama, pana maji hapa nini kinazuia nisibatizwe?,
Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [
37 maneno haya, “Hivyo Muethiopia akajibu “naamini kwamba Yesu Kristo ni Mwana wa Mungu,” hayamo kwenyemaandiko ya kale). Ndipo Muethiopia akaamuru gari lisimame.
Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]
38 Walikwenda ndani ya maji, pamoja Filipo na towashi, Filipo akambatiza.
Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.
39 Wakati walipotoka kwenye maji, Roho wa Bwana ikampeleka Filipo mbali; towashi hakumwona, akaenda njia yake akishangilia.
Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.
40 Lakini Philipo akatokea Azoto. Alipita katika mkoa ule na kuhubiri injili katika miji yote mpaka alipofika Kaisaria.
Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe.