< Matendo 28 >

1 Tulipofikishwa salama, tulitambua kwamba kisiwa kinaitwa Malta.
Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne.
2 Watu wenyeji wa pale si tu kwamba walitupa ukarimu wa kawaida, bali waliwasha moto na kutukaribisha sote, kwa sababu ya mvua na baridi iliyokuwa ikiendelea.
Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan.
3 Lakini Paulo alipokuwa amekusanya mzigo wa kuni na kuuweka motoni, nyoka mdogo mwenye sumu akatoka kwenye zile kuni kwa sababu ya lile joto, na akajizungusha kwenye mkono wake.
Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde.
4 Watu wenyeji wa pale walipoona mnyama ananing'inia kutoka kwenye mkono wake, wakasemezana wao kwa wao, “Mtu huyu hakika ni muuaji ambaye ametoroka baharini, lakini haki haimuruhusu kuishi.”
Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan.
5 Lakini yeye akamtupia huyo mnyama katika moto na hakupata madhara yoyote.
Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe.
6 Wao walimngojea avimbe kwa homa au aanguke ghafla na kufa. Lakini baada ya kumwangalia kwa muda mrefu na kuona kwamba hakuna jambo ambalo si la kawaida kwake, walibadilisha mawazo yao na kusema alikuwa mungu.
Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
7 Basi mahali pale karibu palikuwa na ardhi ambayo ilikuwa mali ya mkuu wa kisiwa, mtu aliyeitwa Pablio. Alitukaribisha na kutukarimu kwa siku tatu.
Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise.
8 Ilitokea kwamba baba wa Pablio alishikwa na homa na ugonjwa wa kuhara. Na Paulo alipomwendea, aliomba, akaweka mikono juu yake, na kumponya.
Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise.
9 Baada ya hili kutokea, watu wengine pale kisiwani waliokuwa wanaumwa pia walikwenda na waliponywa.
Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan.
10 Watu wakatuheshimu kwa heshima nyingi. Tulipokuwa tunajiandaa kusafiri, walitupa vile tulivyovihitaji.
Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
11 Baada ya miezi mitatu, tulisafiri ndani ya meli ya Iskanda ambayo ilikuwa imepigwa baridi hapo kisiwani, ambayo viongozi wake walikuwa ndugu wawili mapacha.
Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture.
12 Baada ya kuwa tumetua katika mji wa Sirakusa, tulikaa pale siku tatu.
Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre.
13 Kutokea pale tulisafiri tukafika katika mji wa Regio. Baada ya siku moja upepo wa kusini ulitokea ghafla, na baada ya siku mbili tukafika katika mji wa Putoli.
Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye.
14 Huko tuliwakuta baadhi ya ndugu na tulikaribishwa kukaa nao kwa siku saba. Kwa njia hii tukaja Rumi.
Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle.
15 Kutoka huko wale ndugu, baada ya kuwa wamesikia habari zetu, walikuja kutupokea huko soko la Apias na Hotel tatu. Paulo alipowaona wale ndugu alimshukuru Mungu akajitia ujasiri.
Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate.
16 Tulipoingia Roma, Paulo aliruhusiwa kuishi peke yake pamoja na yule askari aliyekuwa akimlinda.
Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
17 Basi ilikuwa baada ya siku tatu Paulo aliwaita pamoja wale wanume waliokuwa viongozi kati ya Wayahudi. Walipokuja pamoja, alisema kwao, “Ndugu, pamoja na kwamba sijafanya kosa lolote kwa watu hawa au kufanya kinyume na taratibu za mababa zetu waliotutangulia, nilitolewa kama mfungwa kutoka Yerusalemu hadi kwenye mikono ya Warumi.
Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera.
18 Baada ya kunihoji, walitamani kuniacha huru, kwa sababu kulikuwa hakuna sababu kwangu mimi ya kustahili adhabu ya kifo.
Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan.
19 Lakini wale Wayahudi walipoongea kinyume cha shauku yao, nililazimika kukata rufaa kwa Kaisaria, japokuwa haikuwa kana kwamba naleta mashtaka juu ya taifa langu.
Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
20 Kwa sababu ya kukata kwangu rufaa, hivyo, niliomba kuwaona na kuongea nanyi. Ni kwa sababu ya kile ambacho Israel anaujasiri kwacho, nimefungwa na kifungo hiki.
Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
21 Kisha wakamwambia, “Hatujawahi kupokea barua kutoka Yudea kukuhusu wewe, wala hakuna ndugu aliyekuja na kutoa taarifa au kusema neno lolote baya kuhusu wewe.
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne.
22 Lakini tunataka kusikia kutoka kwako unafikiri nini kuhusu hili kundi la watu hawa, kwa sababu inajulikana kwetu kwamba linaongea kinyume kila mahali.”
Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
23 Walipokuwa wametenga siku kwa ajili yake, watu wengi zaidi walimwijia mahali alipokuwa anaishi. Alisema lile jambo kwao na kushuhudia kuhusu ufalme wa Mungu. Alijaribu kuwashawishi kuhusu Yesu, kwa namna zote mbili kutoka katika sheria za Musa na kutoka kwa manabii, kuanzia asubuhi hadi jioni.
Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture.
24 Baadhi yao walishawishika kuhusu mambo yale yaliyosemwa, wakati wengine hawakuamini.
Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan.
25 Waliposhindwa kukubaliana wao kwa wao, waliondoka baada ya Paulo kulisema jambo hili moja, “Roho Mtakatifu alisema vyema kupitia Isaya nabii kwa baba zenu.
Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
26 Alisema, 'Nenda kwa watu hawa useme, “Kwa masikio yenu mtasikia, lakini hamtaelewa; Na kwa macho yenu mtaona lakini hamtatambua.
“‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.”
27 Kwa ajili ya mioyo ya watu hawa imekuwa dhaifu, masikio yao yamesikia kwa taabu, wamefumba macho yao; ili kwamba wasijekutambua kwa macho yao, na kusikia kwa masikio yao, na kuelewa kwa mioyo yao, na kugeuka tena, na ningeliwaponya.”'
Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru; utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii, ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
28 Kwa hiyo, mnapaswa kujua kwamba huu wokovu wa Mungu umepelekwa kwa watu wa Mataifa, na watasikiliza.” (Zingatia: Mstari huu
“Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
29 “Wakati alipokuwa amesema mambo haya, wayahudi waliondoka, wakiwa na mashindano makubwa kati yao.,” haumo kwenye nakala bora za kale).
Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
30 Paulo alikaa katika nyumba yake ya kupanga kwa miaka yote miwili, na aliwakaribisha wote waliokuja kwake.
Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture.
31 Alikuwa akihubiri ufalme wa Mungu na alikuwa akifundisha mambo juu ya Bwana Yesu Kristo kwa ujasiri wote. Hakuna aliyemzuia.
Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.

< Matendo 28 >