< Matendo 12 >
1 Wakati huo mfalme Herode akanyosha mkono wake kwa baadhi ya wale wanaotoka kwenye kusanyiko ili kuwatesa.
Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe.
2 Akamwuua Yakobo nduguye Yohana kwa upanga.
Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese.
3 Baada ya kuona kuwa inawapendeza Wayahudi, akamkamata na Petro tena. Hii ilikuwa wakati wa mikate isiyochachwa.
Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe.
4 Alipomkamata, akamweka gerezani na akaweka vikosi vinne vya askari ili kumlinda, alikuwa akitarajia kumpeleka kwa watu baada ya Pasaka.
Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe.
5 Petro akawekwa gerezani, lakini maombi yakafanywa kwa bidii na kusanyiko kwa ajili yake kwa Mungu.
Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
6 Siku kabla Herode hajaenda kumtoa, Usiku huo Petro alikuwa amelala katikati ya maaskari wawili, akiwa amefungwa na minyororo miwili, na walinzi mbele ya mlango walikuwa wakilinda gereza.
Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan.
7 Tazama, malaika wa Bwana ghafla akamtokea na nuru ikang'aa ndani. Akampiga Petro ubavuni na kumwamsha akisema, “Amka haraka.”ndipo minyororo aliyokuwa amefungwa ikafunguka kutoka mikononi mwake.
Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.
8 Malaika akamwambia, “Vaa nguo zako na vaa viatu vyako.” Petro akafanya hivyo. Malaika akamwambia, “Vaa vazi lako na unifuate.”
Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen.
9 Hivyo Petro akamfuata Malaika na akatoka nje. Hakuamini kilichofanywa na malaika kama ni cha kweli. Alidhani anaona maono.
Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne.
10 Baada ya kupita lindo la kwanza na la pili, wakafika kwenye geti la chuma la kuingilia kwenda mjini, likafunguka lenyewe kwa ajili yao. Wakatoka nje wakashuka kwenye mtaa, mara Malaika akamwacha.
Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke.
11 Petro alipojitambua, akasema, “Sasa nimeamini kuwa Bwana alimtuma Malaika wake ili kunitoa katika mikono ya Herode, na kwa matarajio ya watu wote wa uyahudi.”
Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe.
12 Baada ya kujua haya, akaja kwenye nyumba ya Mariamu mama yake Yohana ambaye ni Marko; Wakristo wengi walikusanyika wakiomba.
Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe.
13 Alipobisha kwenye mlango wa kizuizi, mtumishi mmoja msichana anayeitwa Roda akaja kufungua.
Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte.
14 Alipotambua ni sauti ya Petro, kwa furaha akashindwa kuufungua mlango; badala yake, akakimbia ndani ya chumba; na kuwajulisha kuwa Petro amesimama mbele ya Mlango.
Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte.
15 Hivyo, Wakasema kwake, “Wewe ni mwendawazimu” lakini alikazia kuwa ni kweli ni yeye. Wakasema “Huyo ni malaika wake.”
Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan.
16 Lakini Petro aliendelea kubisha, na walipofungua mlango, wakamwona na wakashangaa sana. Petro akawanyamazisha kwa mkono kimya kimya na akawaambia jinsi Bwana alivyomtoa kutoka Gerezani. akasema,
Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan.
17 “Wajulishe haya mambo Yakobo na ndugu zake.” Kisha akaondoka akaenda sehemu nyingine.
Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe.
18 Kulipokuwa mchana, kukawa na huzuni kubwa kati ya askari, kuhusiana na kilichotokea kwa Petro.
Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan.
19 Baada ya Herode kumtafuta na hakumwona akawauliza walinzi na akaamuru wauawe. Akaenda kutoka uyahudi mpaka Kaisaria na kukaa huko.
Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje. Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate.
20 Herode alikuwa na hasira juu ya watu wa Tiro na Sidoni. Wakaenda kwa pamoja kwake. Wakawa na urafiki na Blasto msaidizi wa mfalme, ili awasaidie. Kisha wakaomba amani, kwa sababu nchi yao ilipokea chakula kutoka katika nchi ya mfalme.
Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii.
21 Siku iliyokusudiwa Herode alivaa mavazi ya kifalme na kukaa kwenye kiti chake cha kifalme, na akawahutubia.
Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate.
22 Watu wakapiga kelele, “Hii ni sauti ya mungu wala si sauti ya mwanadamu!”
Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan.
23 Mara ghafla malaika akampiga, kwa sababu alikuwa hakumpa Mungu utukufu; akaliwa na chango na akafa
Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
24 Lakini neno la Mungu likakua na kusambaa.
Dubbiin Waaqaa garuu ittuma fufee guddachaa, babalʼachaas deeme.
25 Baada ya Barnaba na Sauli kukamilisha huduma yao wakatoka pale wakarejea Yerusalemu, wakamchukua na Yohana ambaye jina la kuzaliwa ni Marko.
Barnaabaasii fi Saaʼol erga ergama isaanii fixatanii booddee Yohannis isa Maarqos jedhamu sana fudhatanii Yerusaalemii deebiʼan.