< 2 Samweli 14 >
1 Yoabu mwana wa Seruya akatambua kwamba moyo wa mfalme ulitamani kumwona Absalomu.
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa akka garaan mootichaa Abesaaloom itti deebiʼe beeke.
2 Hivyo Yoabu akatuma neno huko Tekoa kumleta kwake mwanamke mwelevu. Akamwambia, “Tafadhari, vaa mavazi ya uombolezaji ujifanye kuwa mwombolezaji. Usijipake mafuta, lakini uwe kama mwanamke ambaye ameomboleza kwa muda mrefu kwa ajili yake aliyekufa.
Kanaafuu Yooʼaab gara Teqooʼaatti nama ergee dubartii ogeettii tokko fichisiise. Innis akkana isheedhaan jedhe; “Sobiitii akka nama gadda keessa jiruu taʼi. Wayyaa gaddaa uffadhu; dibata kam iyyuu hin dibatin. Akka dubartii nama duʼe tokkoof guyyaa hedduu gaddite tokkoos taʼi.
3 Kisha ingia kwa mfalme na umwambiye maneno nitakayokueleza.” Hivyo Yoabu akamwambia maneno ambayo angeyasema kwa mfalme.
Mooticha bira dhaqiitii waan kana itti himi.” Yooʼaabis waan isheen dubbattu isheetti hime.
4 Wakati mwanamke kutoka Tekoa alipoongea na mfalme, aliinamisha uso wake chini na kusema,
Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette.
5 “Mfalme, anisaidie.” Mfalme akamwambia, “Shida yako ni nini?” Akajibu, Ukweli ni kwamba mimi ni mjane, mme wangu alikufa.
Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jette; “Sababii dhirsi koo duʼeef ani dhugumaan niitii dhirsa hin qabnee dha.
6 Mimi, mtumishi wako, nilikuwa na wana wawili, wakagombana shambani, na hakukuwa na wa kuwaachanisha. Mmoja wao akampiga mwenziwe na kumwua.
Ani garbittiin kee ilmaan lama qaban ture. Isaanis alatti wal lolan; sababii namni wal irraa isaan dhowwu tokko iyyuu achi hin turiniif inni tokko isa kaan dhaʼee ajjeese.
7 Na sasa ukoo wote umeinuka juu ya mtumishi wako, wanasema, 'Mtoe aliyempiga nduguye, ili tumwue kulipe uhai wa nduguye aliyeuawa.' Na hivyo watamwangamiza mrithi. Hivyo watalizima kaa liwakalo nililobakiwa, hata kumwondolea mme wangu jina na mzao juu ya uso wa nchi.”
Kunoo, gosti hundi ana garbittii keetti kaʼeera; isaanis, ‘Waan inni obboleessa ofii isaa ajjeeseef akka nu sababii lubbuu obboleessa isaa kan inni ajjeese sanaa isa ajjeefnuuf dabarsii nutti kenni; ergasii dhaaltuu isaa illee ni galaafanna’ jedhu. Isaanis akkasiin akka dhirsi koo maqaa yookaan sanyii lafa irraa hin qabaanneef ibsaa koo tokkicha hafe kana dhaamsu.”
8 Hivyo mfalme akamwambia mwanamke, “Nenda nyumbani kwako, nami nitaagiza jambo la kukufanyia.”
Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe.
9 Mwanamke kutoka Tekoa akamjibu mfalme, “Bwana wangu mfalme, hatia na iwe juu yangu na juu ya familia ya baba yangu. Mfalme na kiti chake cha enzi hawana hatia.”
Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette.
10 Mfalme akasema, “Yeyote atakayekwambia neno umlete kwangu, naye hatakugusa tena.”
Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe.
11 Kisha mwanamke akasema, “Tafadhari mfalme amkumbuke Yahwe Mungu wake, ili kwamba mlipa kisasi cha damu asiaribu zaidi, ili kwamba wasimwangamize mwanangu.” Mfalme akajibu, “Kama Mungu aishivyo, hakuna hata unywele mmoja wa mwanao utaanguka chini.”
Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi Waaqayyoon Waaqa isaa haa waammatu” jette. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi tokkittiin mataa ilma keetii irraa lafa hin buʼu” jedhe.
12 Kisha mwanamke akasema, “Tafadhari acha mtumishi wako anene neno moja zaidi kwa bwana wangu mfalme.” Akasema, “Sema.”
Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette. Innis, “Dubbadhu” jedhee deebise.
13 Hivyo mwanamke akasema, “Kwa nini basi umetenda kwa hila dhidi ya watu Mungu? Maana kwa kusema hivi, mfalme ni kama mtu mwenye hatia, kwa kuwa mfalme hamjamrudisha tena mwanaye aliyeondoka.
Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii?
14 Kwa maana sisi sote tutakufa, kwa kuwa tu kama maji yamwagwayo juu ya ardhi na kwamba hayawezi kukusanywa tena. Lakini Mungu hatachukua uhai; badala yake, utafuta njia kwa walio mbali kurejeshwa.
Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu.
15 Sasa basi, nimesema jambo hili kwa bwana wangu mfalme, kwa sababu watu wamenitisha. Hivyo mtumishi wako akajinenea nafsini mwake, 'Sasa nitaongea na mfalme. Huenda mfalme akampa mtumishi wake haja yake.
“Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa.
16 Kwa maana mfalme atanisikiliza, ili kwamba kumtoa mtumishi wake katika mikono ya mtu ambaye angeniangamiza mimi na mwanangu pamoja, tutoke katika urithi wa Mungu.
Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’
17 Kisha mtumishi wako akaomba, 'Yahwe, tafadhari ruhusu neno la bwana wangu mfalme linipe msaada, kwa maana bwana wangu mfalme ni kama malaika wa Mungu kwa kutofautisha wema na ubaya.' Yahwe, Mungu na awe pamoja nawe.”
“Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. Waaqayyo Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’”
18 Ndipo mfalme akajibu na kumwambia yule mwanamke, Tafadhari usinifiche neno lolote nikuulizalo.” Mwanamke akajibu, “Basi bwana wangu mfalme na aseme sasa.
Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe. Dubartittiinis, “Gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jette.
19 Mfalme akasema, Je siyo mkono wa Yoabu ulio pamoja nawe katika haya yote? Mwanamke akajibu na kusema, “Kama uishivyo bwana wangu mfalme, hakuna awezae kuelekea mkono wa kulia wala wa kushoto kwa yale bwana wangu mfalme aliyosema. Ni mtumishi wako Yoabu aliyeniambia na kuniagiza kusema kile mtumishi wako alichokisema.
Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate. Dubartiin sun immoo akkana jettee deebifte; “Yaa gooftaa koo mooticha, duʼa kee ti; dubbii gooftaan koo mootichi dubbatu irraa namni gara mirgaatti yookaan gara bitaatti goruu dandaʼu tokko illee hin jiru. Dhuguma namni akka ani waan kana dubbadhu na ajajee fi kan dubbii kana hundas afaan garbittii keetii keessa kaaʼe Yooʼaabuma garbicha kee ti.
20 Mtumishi wako Yoabu amefanya hivi ili kubadilisha hali ya kile kinachotendeka. Bwana wangu ni mwenye akili kama hekima ya malaika wa Mungu, ajuaye yote yatendekayo ndani ya nchi.”
Yooʼaab garbichi kee waan kana gochuun isaa haala yeroo ammaa jiru geeddaruuf. Gooftaan koo ogummaa akkuma ogummaa ergamaa Waaqayyoo qaba; inni waan lafa irratti taʼu hunda ni beeka.”
21 Hivyo mfalme akamwambia Yoabu, “Tazama, nitatenda jambo hili. Nenda na umrudishe huyo kijana Absalomu.”
Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe.
22 HivyoYoabu akainamisha uso wake chini juu ya ardhi katika heshima na shukurani kwa mfalme. Yoabu akasema, “Mtumishi wako amejua kwamba amepata neema mbele zako, bwana wangu, mfalme, kwa vile mfalme amempa mtumishi wake haja ya moyo wake.
Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe.
23 Hivyo Yoabu akainuka na kwenda Geshuri, akamrejesha Absalomu Yerusalemu tena.
Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide.
24 Mfalme akasema, “Na arudi nyumbani kwake, lakini hasinione uso wangu.” Hivyo Absalomu akarudi katika nyumba yake mwenyewe, na hakuweza kuuona uso wa mfalme.
Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine.
25 Hakukuwa na mtu katika Israeli aliyesifiwa kwa uzuri kama Absalomu. Kutoka katika wayo wa mguu wake hadi katika utosi wake hakuwa na waa lolote.
Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture.
26 Alipokata nywele za kichwa chake mwishoni mwa kila mwaka, kwa sababu zilikuwa nzito juu yake, alipima nywele zake zaidi ya shekeli mia mbili, kwa kiwango cha kipimo cha mfalme.
Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture.
27 Kwake Absalomu walizaliwa wana watatu na binti mmoja, jina lake Tamari. Alikuwa mwanamke mzuri.
Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte.
28 Absalomu akaishi Yerusalem miaka miwili pasipo kuona uso wa mfalme.
Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate.
29 Kisha Absalome akatuma neno kwa Yoabu ili ampeleke kwa mfalme, lakini Yoabu hakwenda kwake. Hivyo Absalomu akatuma neno mara ya pili, lakini Yoabu hakuja bado.
Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide.
30 Hivyo Absalomu akawambia watumishi wake, “Tazameni, shamba la Yoabu lipo karibu na langu, naye ana shayiri kule. Nendeni mkalichome moto” Hivyo watumishi wa Absalome wakalichoma moto lile shamba.
Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan.
31 Kisha Yoabu akainuka na kwenda nyumbani kwa Absalomu akamwambia, “Kwa nini watumishi wako wamelichoma moto shamba langu?
Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen.
32 Absalomu akamjibu Yoabu, “Tazama nilituma neno kwako kusema, 'Njoo ili nikutume kwa mfalme kusema, “Kwa nini nilikuja kutoka Geshuri? Ingekuwa heri kwangu kama ningesalia huko. Kwa hiyo sasa niache niuone uso wa mfalme na kama nina hatia basi na aniue.”
Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.”
33 Hivyo Yoabu akaenda kwa mfalme na kumwambia. Mfalme alipomwita, Absalomu alikuja kwa mfalme na akainama hadi juu ya uso nchi mbele ya mfalme na mfalme akambusu Absalomu.
Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate.