< 2 Wafalme 1 >
1 Moabu aliasi dhidi ya Israeli baada ya kifo cha Ahabu.
Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile.
2 Baada hapo Ahazi akaanguka chini ya dirisha lenye waya zinazikinzana kwenye chumba chake juu katika Samaria, na alikuwa amejeruhiwa. Kwa hiyo alituma wajumbe na kuwaambia, “Nendeni, muulizeni Baal Zebubu, mungu wa Ekroni, kama nitapona hili jeraha.”
Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge.
3 Lakini malaika wa Yahwe wakamwambia Eliya Mtishbi, “Inuka, nenda ukaonane na wajumbe wa mfalme wa Samaria, na uwaulize, 'Je ni kwasababu hakuna Mungu katika israeli ambaye mnayekwenda kuuliza pamoja na Zebebu, mungu wa Ekroni?
Ergamaan Waaqayyoo garuu Eeliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii?’
4 Kwa hiyo Yahwe anasema, “Hutaweza kushuka chini kutoka kwenye kitanda ambacho ulichokipanda; badala yake, utakufa hakika."”” Baada ya hapo Eliya akaondoka.
Kanaafuu Waaqayyo, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Eeliyaas kaʼee deeme.
5 wakati wale wajumbe waliporudi kwa Ahazia, akawaambia, “Kwa nini mmerudi?”
Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate.
6 Wakamwambia, “mtu amekuja kuonana na sisi ambaye ametuambia, 'Turudi kwa mfalme ambaye aliyewatuma, na mkamwambie, Yahwe amesema hivi: 'Je ni kwa sababu hakuna Mungu katika Israeli mpaka mmewatuma watu kwenda kumuuliza kwa Baal Zabubu, mungu wa Ekron? Kwa hiyo hutashuka kutoka kitanda ulichokipanda; badala yake, utakufa hakika."””
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’”
7 Ahazi akawaambia wajumbe wake, “'Alikuwa mtu wa aina gani, yule ambaye alikuja kuonana na ninyi na akasema haya maneno kwenu?”
Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate.
8 Wakamjibu, “Alikuwa amevaa kanzu yenye manyaya na alikuwa na mkanda wa ngozi kiunanoni kwake.'” Hivyo mfalme akajibu, '“Yule alikuwa Eliya Mtishbi.”
Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif. Mootichis, “Inni Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dha” jedhe.
9 Ndipo mfalme akatuma nahodha wa askari hamsini kwa Elya. Nahodha akaenda mpaka kwa Eliya ambapo alipokuwa amekaa juu ya mlima. Nahodha akamwambia Eliya, “Wewe, mtu wa Mungu, mfalme amesema, 'shuka chini.'”
Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Eeliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Waaqaa, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen.
10 Eliya akajibu na kusema kwa nahodha, “Kama mimi ni mtu wa Mungu, moto na ushuke chini kutoka mbinguni na kukula wewe na watu wako hamsini.” Kisha moto ukashuka chini kutoka mbinguni na kumla yeye na watu wake hamsini.
Eeliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi samii irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.
11 Tena Mfalme Ahazi akamtuma nahodha mwingine pamoja na maaskari wengine hamsini. Huyu nahodha pia akasema kwa Eliya, “Wewe, mtu wa Mungu, mfalme anasema, teremka chini haraka.”'
Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen.
12 Eliya akajibu na kuwaambia, “Kama mimi ni mtu wa Mungu, ngoja moto ushuke kutoka mbinguni na ukule wewe na watu wako hamsini.” Moto wa Mungu ukashuka chini tena kutoka mbinguni na kumla yeye na watu wake hamsini.
Eeliyaas garuu, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Waaqaas samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.
13 Bado tena mfalme alituma kundi la tatu la wapiganaji hamsini. Huyu nahodha akaenda, akaanguka mbele ya miguu ya Eliya, na kumsihi na kumwambia, “Wewe, mtu wa Mungu, Nakuomba, acha uzima wangu na uzima wa hawa watumishi wako hamsini uwe na thamani machoni kwako.
Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Eeliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Waaqaa, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin!
14 Ndipo, moto ukashuka chini kutoka mbinguni na kuwala wale manahodha wawili wa kwanza pamoja na watu wao, bali sasa acha uzima wangu uwe na thamani machoni kwako.”
Kunoo, ibiddi samii irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!”
15 Malaika wa Yahwe akamwambia Eliya, “'Nenda chini pamoja naye. Usimwogope.”' Hivyo Eliya akainuka na kwenda chini pamoja naye kwenda kwa mfalme.
Ergamaan Waaqayyoos Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.
16 Baadye Eliya akamwambia Ahazia, '“Hivi ndivyo Yahwe asemavyo, Umewatuma wajumbe kuzungumza pamoja na Baal-Zebubu, mungu wa Ekron. Je ni kwa sababu hakuna Mungu katika Israeli ambaye unayeweza kumuuliza habari? Kwa hiyo sasa, hutaweza kushuka chini kutoka kwenye kitanda ulichokipanda; utakufa hakika.'”
Innis akkana jedhee mootichatti hime; “Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!”
17 Hivyo Mfalme Ahazia alikufa kulingana na neno la Yahwe ambalo Eliya alilisema. Yoramu alianza kutawala katika eneo lake, katika mwaka wa pili Yoramu mwana wa Yohoshafati mfalme wa Yuda, kwa sababu Ahazia hakuwa na mtoto.
Kanaafuu inni akkuma dubbii Waaqayyoo kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe. Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe.
18 Kama mambo mengine yanayomuhusu Ahazia, je hayakuandikwa katika kitabu cha matukio ya wafalme wa Israeli?
Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?