< 2 Nyakati 35 >
1 Yosia asherehekea Pasaka kwa ajili ya Yahwe katika Yerusalemu, na wakachinja wanakondoo katika siku ya kumi na nne ya mwezi wa kwanza.
Yosiyaas Yerusaalemitti Waaqayyoof Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame.
2 Akawaweka makauhuni katika nafasi zao na akawatia moyo katika hudumza za nyumba ya Yahwe.
Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilan isaan jajjabeesse.
3 Akasema kwa Walawi waliowafundisha Israeli wote na waliokuwa wamewekwa wakifu kwa Yahwe. “Liwekeni sanduka takatifu katika nyumba ambayo Selemani mwana wa Daudi, mfalme wa Israeli aliijenga. Msilibebe kuzunguka nalo tena mabegani mwenu. Sasa mwabuduni Yahwe Mungu wenu, na watumikieni watu wake Israeli.
Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi Waaqayyoof qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; “Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Solomoon ilmi Daawit mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma Waaqayyo Waaqa keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa.
4 Jikusanyeni wenyewe kwa majina ya nyumba za babu zenu na zamu zenu, mkifuata maelekezo ya Daudi, mfalme wa Israeli, na yale ya Selemani, mwaye.
Akkuma qajeelfama Daawit mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Solomooniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa.
5 Simeni katika sehemu takatifu, mkichukua nafasi zenu kwa zamu zenu ndani ya nyumba za mababu wa bdugu zenu, uzao wa watu, na mchukue sehemu zenu kwa zamu zenu ndani ya nyumba za mababu wa Walawi.
“Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa.
6 Chinjeni wanakondoo wa Paska, jitakaseni wenyewe, andaeni wankondoo kwa ajili ya ndugu zenu, kufanya sawa sawa na neno la Yahwe ambalo lilitolewa kwa mkono wa Musa”.
Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti godhaa.”
7 Yosia akawapa watu wote wanakondoo elfu thelathini na wanambuzi kutoka katika makundi kwa ajili ya sadaka za Pasaka kwa wote walikuwepo. Pia akatoa ng'ombe dume elfu tatu; hawa walikuwa kutoka katika mali ya mfalame.
Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne.
8 Viongozi wake wakatoa sadaka za hiari kwa watu, makuhani, na Walawi. Hilki, Zekaria, na Yeieli, viongozi wasimamizi wa nyumba ya Mungu, wakawapa makuhani ndama 2, 600 na maksai mia tatu kwa ajili ya matoleo ya Paska.
Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan.
9 Pia Konania, Shemaya na Nethaneli, ndugu zake, na Hashabia, Yeieli, na Yazabadi, mkuu wa Walawi, akawapa Walawi ndama elfu tano kwa ajili ya matoleo ya Pasaka.
Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan.
10 Kwa hiyo huduma iliandaliwa, na makuhani wakasimama katika sehemu zao, pamoja na Walawi kwa zamu zao, kwa mjibu wa agizo la mfalme.
Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan.
11 Wakawachinja wanakondoo wa Pasaka, na makuhani wakainyunyiza damu waliyoipokea kutoka kwenye mikono ya Walawi, na Walawi wakawachuna wanakondoo.
Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan.
12 Wakaziondoa sadaka za kuteketezwa, ili kuzisambaza katika makundi ya nyumba za mababu wa watu, ili wamtolee Yahwe, kama ilivyoandikwa katika Kitabu cha Musa. Wakafanya vile vile kwa wale ng'ombe dume.
Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffame sanatti Waaqayyoof dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan.
13 Wakawaoka kwa moto wanakondoo wa Pasaka wakifuata maelekezo, kuhusu sadaka takatifu, walizichemsha kwenye vyungu, masufuria na makaangoni, na haraka wayapeleka kwa watu.
Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan.
14 Baadaye waliandaa sadaka kwa ajili yao wenyewe na kwa ajili ya makuhani, kwa sababu makuhani, uzao wa Haruni, walikuwa wametingwa katika kazi ya kutoa sadaka za kuteketezwa na za mafuta hadi usiku ulipoingia, kwa hiyo Walawi wakaandaa sadaka kwa ajili yao wenyewe na kwa ajili ya makuhani, wana wa Haruni.
Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Aroon hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Aroon taʼaniif qopheessan.
15 Waimbaji, wana wa Asafu, walikuwa katika nafasi zao, kama ilivyoagiwa na Daudi, Asafu, Hemani, na Yeduthuni, mwonaji wa mfalme, na walinzi walikuwa katika kila lango. Hawakutakiwa kuviacha vituo vyao, kwa sababu ndugu zao Walawi walifanya maandalizi kwa ajili yao.
Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawit, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne.
16 Kwa hiyo, wakati huo huduma yote ya Yahwe ilifanyika kwa ajili ya kusherekea Pasaka na kutoa sadaka za kuteketezwa juu ya madhabahu ya Yahwe, Kama alivyoamuru mfalme Yosia.
Kanaafuu tajaajilli Waaqayyoo hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe.
17 Watu wa Israeli ambao walikuwepo wakaishika Sabato wakati huo, na kisha Sikukuu ya Mikate isiyochachwa kwa siku saba.
Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan.
18 Pasika kama hiyo haijafanyika tena katika Israeli tangu siku za nabii Samweli, wala hakuna mfalme yeyote miongoni mwa wafalme wa Israeli ambaye amewahi kusherekea Pasaka kama Yosia alivyofanya, pamoja na makuhani, Walawi, na watu wote wa Yuda na Israeli waliokuwepo, na wakaaji wote wa Yerusalemu.
Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne.
19 Pasaka hii ilitunzwa ndani ya miaka kumi na nane ya utawala wa Yosia.
Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
20 Baada ya haya yote, baada ya Yosia kuliweka hekalu katika utaratibu, Neko, mfalme wa Misiri, akaenda juu kupigana dhidi ya Karkemist karibu na mto Frati, na Yosia akaenda kupigana juu yake.
Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe.
21 Lakini Niko akatuma wajumbe kwake, akisema, “Nikufanye nini, mfalme wa Yuda? Leo siji kinyume nawe, lakini dhidi ya nyumba ambayo nafanya vita nayo. Mungu ameniamuru kuwahi, hivyo acha kumwingilia Mungu, ambaye yuko pamoja nami, la sivyo atakuangamiza.”
Nekkoon garuu, “Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Waaqni akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Waaqa na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii” jedhee namoota itti erge.
22 Hata hivyo, Yosia alipuuzia kurudi nyuma. Akajibadili ili apigane naye. Hakusikiliza maneno ya Neko ambayo yalikuja kutoka kwenye kinywa cha Mungu; hivyo akaenda kupigana kataika bonde la Megido.
Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Waaqaan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe.
23 Wapiga upinde wakampiga Mfalme Yosia, na mfalme akawaambia watumishi wake, “Niondoeni hapa, kwa maana nimejeruhiwa vibaya.”
Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, “Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii” jedhe.
24 Kwa hiyo watumishi wake wakamtoa nje ya gari, na kumuweka katika gari lake la tahadhari. Wakampeleka Yerusalemu, ambako alikufa. Alzikwa katika makaburi ya babu zake. Yuda wote na Yerusalemu wakamwomboleza.
Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan.
25 Yeremia akamwomboleza Yosia; waimbaji wote wa kiume na wa kike wakaomboleza kuhusu Yosia hata leo. Nyimbo hizi zikawa desturi katika Israeli; tazama, zimeandikwa katika nyimbo za maombolezo.
Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame.
26 Kwa mambao mengine kuhusu Yosia, na matendo yake mema aliyoyafanya katika utii kwa kile kilichoandikwa katika sheria ya Yahwe—
Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanaatti,
27 na matendo yake, kutoka mwanzo hadi mwisho, yameandikwa katika kitabu cha wafalme wa Yuda na Israeli.
seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera.