< 1 Samweli 12 >
1 Samweli aksema na Israeli wote, “Nimesikia kila kitu mlichoniambia, na nimemweka mfalme juu yenu.
Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; “Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera.
2 Basi, yupo hapa mfalme aliyeko mbele yenu, mimi nimezeeka nakujaa mvi; na watoto wangu wako pamoja nanyi. Nimekuwa kiongozi wenu tangu ujana wangu hadi leo.
Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera.
3 Mimi niko hapa, Nishuhudieni mbele za BWANA na mbele za mtiwa mafuta wake. Nimechukua ng'ombe wa nani? Nimechukua punda wa nani? Ni nani nimemdhulumu? Nimemwonea nani? Nimepokea rushwa kutoka mikono ya nani inipofushe macho yangu? Nishuhudieni, nami nitawarudishia
Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.”
4 Nao wakasema, Haujatudanganya, kutuonea, au kuiba chochote kutoka mkono wa mtu yeyote.”
Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan.
5 Akawaambia, “BWANA ni shahidi juu yenu, na masihi wake leo ni shahidi, kwamba hamkuona kitu mkononi mwangu.” Na wao wakajibu, “BWANAni shahidi.”
Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan.
6 Samweli akawaambia watu, “BWANA ndiye aliyemteua Musa na Haruni, na ndiye aliyewatoa baba zenu kutoka nchi ya Misri.
Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; “Kan Musee fi Aroonin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase Waaqayyoo dha.
7 Basi sasa, jihudhurisheni, ili niweze kutoa utetezi juu yenu kwa BWANA kuhusu matendo yote ya haki ya BWANA, ambayo aliwafanyia ninyi na baba zenu.
Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula Waaqayyoo duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa.
8 Yakobo alipokuwa amefika Misri, na babu zenu walimlilia BWANA. BWANA alimtuma Musa na Haruni, waliowaongoza babu zenu kutoka Misri na wakaja kukaa sehemu hii.
“Yeroo Yaaqoob biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan Waaqayyootti iyyatan; Waaqayyos Musee fi Aroon warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge.
9 Lakini walimsahau BWANA Mungu wao; akawauza katika mkono wa Sisera, jemedari wa majeshi ya Hazori, katika mkono wa Wafilisti, na katika mkono wa mfalme wa Moabu; hawa wote walipigana na babu zenu.
“Isaan garuu Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan.
10 Wakamlilia BWANA mkasema, 'Tumefanya dhambi, kwa sababu tumemwacha BWANA na tumewatumikia Mabaali na Mashtorethi. Lakini sasa tuokoe kutoka mikono ya maadui zetu, na tutakutumikia.'
Isaanis Waaqayyotti iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; Waaqayyoon dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan.
11 Hivyo BWANA akawatuma Yerubu Baali, Bedani, Yefta na Samweli, na akawapa ushindi dhidi ya maadui zenu wote waliowazunguka, na kwamba mliishi kwa amani.
Waaqayyo Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase.
12 Mlipoona kwamba Nahashi mfalme wa watu wa Amoni amekuja dhidi yenu, mkaniambia, 'Hapana! Badala yake, mfalme awepo atawale juu yetu'- ingawa BWANA, Mungu wenu, alikuwa mfalme wenu.
“Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, Waaqayyo Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan.
13 Sasa yupo hapa mfalme ambaye mmemchagua, mliyemuomba na ambaye BWANA amemteua awe mfalme juu yenu.
Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! Waaqayyo mootii isin irratti moosiseera.
14 Ikiwa mnamhofu BWANA, mtumikieni, muitii sauti yake, msikaidi amri ya BWANA, basi wote wawili ninyi na mfalme anayewatawala mtakuwa wafuasi wa BWANA Mungu wenu.
Yoo isin Waaqayyoon sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun Waaqayyo Waaqa keessan faana buutan gaarii dha!
15 Kama hamtaitii sauti ya BWANA, mkaasi amri za BWANA, ndipo mkono wa BWANA utakuwa juu yenu, kama ulivyokuwa juu ya babu zenu.
Yoo isin Waaqayyoof ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
16 Hata sasa muwepo kabisa na muone jambo kubwa ambalo BWANA atalifanya mbele ya macho yenu.
“Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa Waaqayyo fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa!
17 Je, leo si mavuno ya ngano? Nitamwomba BWANA, naye ataleta ngurumo na mvua. Ndipo mtajua na kuona kwamba uovu wenu ni mwingi, mlioufanya machoni pa BWANA, kujiombea mfalme wenu ninyi wenyewe.”
Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf Waaqayyoon nan kadhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula Waaqayyoo duratti hojjettan ni hubattu.”
18 Hivyo Samweli akamwomba BWANA; na siku iyo hiyo BWANA akatuma ngurumo na mvua. Ndipo watu wote wakamwogopa sana BWANA pamoja na Samweli.
Kana irratti Saamuʼeel Waaqayyoon waammate; Waaqayyos yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus Waaqayyoo fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan.
19 Kisha watu wote wakamwambia Samweli, “Waombee watumishi wako kwa BWANA Mungu wako, ili tusife. Kwa maana tumeongeza uovu huu juu ya dhambi zetu tulipojiombea mfalme sisi wenyewe.”
Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef Waaqayyoon Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan.
20 Samweli akawajibu, “Msiogope. Mmefanya uovu wote huu, lakini msigeukie mbali na BWANA, bali mtumikieni BWANA kwa moyo wenu wote.
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa malee Waaqayyo irraa hin deebiʼinaa.
21 Wala msigeuke na kufuata mambo matupu yasiyo na faida au kuwaokoa, kwa sababu ni ubatili.
Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii.
22 Kwa ajili ya jina lake kuu, BWANA hatawakataa watu wake, kwa sababu imempendeza BWANA kuwafanya ninyi kuwa watu kwa ajili yake.
Waaqayyo sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; Waaqayyo kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii.
23 Kwangu mimi, iwe mbali nami kumtenda BWANA dhambi kwa kuacha kuwaombea ninyi. Badala yake, nitawafundisha njia iliyo njema na sahihi.
Akka yaada kootti ani isinii kadhachuu dhiisee Waaqayyotti yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa.
24 Mcheni BWANA tu na mtumikieni yeye katika kweli kwa moyo wenu wote. Tafakarini mambo makuu aliyowatendeeni.
Garuu Waaqayyoon sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa.
25 Lakini kama mtadumu kufanya uovu, ninyi wote na mfalme wenu mtaangamizwa.”
Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.”