< 1 Wafalme 5 >
1 Hiramu mfalme wa Tiro aliwatuma watumishi wake kwa Sulemani kwa kuwa alisikia kuwa walikuwa wamemtawaza kuwa mfalme mahali pa baba yake, kwani Hiramu alimpenda Daudi.
Hiiraam mootichi Xiiroos yommuu akka Solomoon abbaa isaa Daawitin iddoo buʼuuf dibame dhagaʼetti ergamoota isaa gara Solomoonitti erge; Hiiraam yeroo kam iyyuu michuu Daawit tureetii.
2 Sulemani akatuma ujumbe kwa Hiramu, akisema,
Solomoonis akkana jedhee Hiiraamiif ergaa kana deebisee erge:
3 “Unajua kuwa Daudi baba yangu hakujenga nyumba kwa jina la BWANA, Mungu wake kwa sababu ya vile vita vilivyomzunguka, kwa kuwa wakati wa uhai wake BWANA alikuwa akiweka maadui wake chini ya nyayo za miguu yake.
“Akka Abbaan koo Daawit sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Waaqayyo diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta.
4 Lakini sasa BWANA amenipa mimi pumziko toka pande zote. Hakuna maadui wala majanga.
Amma garuu Waaqayyo Waaqni koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru.
5 Kwa hiyo ninakusudia kujenga hekalu kwa jina la BWANA, Mungu wangu, kama BWANA alivyosema kwa Daudi baba yangu, akisema, 'Mwanao ambaye nitamweka kwenye kiti chako cha enzi mahali pako, ndiye atakayenijengea hekalu kwa jina langu.'
Kanaafuu ani amma akkuma Waaqayyo abbaa koo Daawitiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
6 Kwa hiyo sasa amuru wakate mierezi kutoka Lebanoni kwa ajili yangu. Watumishi wangu wataungana na watumishi wako, nami nitakulipa kwa ajili ya watumishi wako ili kwamba upate malipo mazuri kwa kila kitu utakchokubali kukifanya. Kwa kuwa unajua kuwa hakuna mtu mioingoni mwetu anayejua kukata miti kama Wasidoni.”
“Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.”
7 Hiramu aliposikia maneno ya Sulemani, akafurahi sana akasema, “BWANA na abarikiwe leo, ambaye amempa Daudi mwana wa hekiima juu ya kundi hili kubwa.”
Hiiraamis yommuu dhaamsa Solomoon sana dhagaʼetti akka malee gammadee, “Harʼa Waaqayyo haa eebbifamu; inni akka Solomoon saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawitiif kenneeraatii” jedhe.
8 Hiramu akatuma neno kwa Sulemani, akisema, “Nimeupata ujumbe ule ulionitumia. Nitatoa miti yote ya mierezi na miti ya miberoshi ambayo unahitaji.
Kanaafuu Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti ergaa erge: “Ani ergaa ati naa ergite argadheera; birbirsaa fi jirma birbirsaa dhiʼeessuudhaan waan ati barbaaddu hunda siifan godha.
9 Watumishi wangu wataileta miti kutoka Lebanoni hadi baharini, nami nitaiendesha baharini mpaka mahali utakaponielekeza. Nitaigawa pale, nawe utaichukua. Utafanya kile ninachohitaji kwa kuwapa chakula watumishi wangu.”
Namoonni koo Libaanoon irraa gara galaanaatti gad fidu; anis walitti hidhee lafa ati filattutti galaana irra siifan erga; achittis gargari nan hiika. Atis muka sana ni fudhatta; warra mana koo jiraataniif immoo nyaata dhiʼeessuudhaan fedhii koo guutta.”
10 Kwa hiyo Hiramu akampa Sulemani miti yote ya mierezi na miti ya miberoshi ambayo alihitaji.
Hiiroomis akkasiin birbirsaa fi jirma birbirsaa kan Solomooniif barbaachisu dhiʼeessaafii ture.
11 Sulemani akampa Hiramu kori ishirini elfu za ngano kwa ajili ya chakula cha watumishi wake na kori ishirii za mafuta safi. Sulemani akavitoa hivi kwa Hiramu mwaka baad ya mwaka.
Solomoonis akka warra mana Hiiraam jiraataniif nyaata taʼuuf qamadii safartuu qoroosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa kan cuunfame koorii kuma digdama kenne. Solomoon ittuma fufee wagguma waggaan waan kana Hiiraamiif kennaa ture.
12 BWANA akampa Sulemani hekima, kama alivyokuwa amemwahidi. Kulikuwa na amani kati ya Hiramu na Sulemani na wote wawili wakafanya agano.
Waaqayyos akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa ni kenne. Hiiraamii fi Solomoon gidduu walitti dhufeenya nagaatu ture; isaan lamaanuu walii galtee godhatan.
13 Mfalme Sulemani akaandaa wafanya kazi kutoka Israeli yote. Idadi ya watenda kazi walioandaliwa ilikuwa wanaume elfu thelathini.
Solomoon mootichis Israaʼel hunda keessaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti qabe.
14 Aliwatuma kwenda Lebanoni, aliwatuma kwa zamu ya watu elfu kumi kila mwezi. Kwa mwezi mmoja walienda Lebanoni na miezi miwili walikaa nyumbani. Adoniramu ndiye aliyekuwa msimamizi wa watenda kazi.
Innis akka isaan jiʼa tokko Libaanoon keessa, jiʼa lamaa immoo mana isaanii turaniif jedhee, jiʼa tokko tokkoof nama kuma kudhan qoodee Libaanoonitti erge. Adooniiraam immoo itti gaafatamaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetanii ture.
15 Sulemani alikuwa na watu elfu sabini waliokuwa wabeba mizigo na watu elfu themanini wa kukata mawe milimani,
Solomoon namoota baʼaa baatan kuma torbaatamaa fi warra dhagaa cabsan kuma saddeettama gaarran keessaa qaba ture;
16 zaidi ya hao, walikuwepo maakida 3, 300 ambao pia waliokuwa wakiisimamia hiyo kazi.
akkasumas namoota hojii hojjechiisanii hojjettoota illee toʼatan kuma sadii fi dhibba sadii qaba ture.
17 Kwa amri ya mfalme walileta mawe makubwa ya thamani kwa ajili ya kulaza kwenye msingi wa hekalu.
Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan.
18 Kwa hiyo wajenzi wa Sulemani na wajenzi wa Hiramu na Wagebaliti walifanya kazi ya kukata na kuandaa mbao kwa ajili ya ujenzi wa hekalu.
Ogeeyyiin hojii harkaa Solomoonii fi Hiiroom akkasumas namoonni Gebaal mana qulqullummaa ijaaruuf mukaa fi dhagaa cabsanii qopheessan.