< 1 Wakorintho 15 >
1 Sasa ninawakumbusha, akina kaka na akina dada, juu ya injili niliyowahubiria, ambayo mliipokea na kusimama kwayo.
Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.
2 Ni katika injili hii mmeokolewa, kama mkilishika imara neno nililowahubiri ninyi, isipokuwa mliamini bure.
Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.
3 Kama kwanza nilivyo ipokea kwa umuhimu niliileta kwenu kama ilivyo: kwamba kutokana na maandiko, Kristo alikufa kwa ajili ya dhambi zetu,
Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe;
4 kutokana na maandiko alizikwa, na kwamba alifufuka siku ya tatu.
ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
5 Na kwamba alimtokea Kefa, kisha kwa wale kumi na wawili.
Inni duraan dursee Keefaatti, ergasiis warra Kudha Lamaanitti mulʼate.
6 Kisha aliwatokea kwa wakati mmoja akina kaka na akina dada zaidi ya mia tano. Wengi wao bado wako hai, lakini baadhi yao wamelala usingizi.
Sana booddee yeroo tokkotti obboloota dhibba shanii ol taʼanitti mulʼate; isaan keessaas yoo muraasni boqotan iyyuu hedduun isaanii hamma ammaatti ni jiru.
7 Kisha alimtokea Yakobo, kisha mitume wote.
Ergasiis Yaaqoobitti, itti aansee ergamoota hundatti mulʼate;
8 Mwisho wa yote, alinitokea mimi, kama vile kwa mtoto aliye zaliwa katika wakati usio sahihi.
dhuma irratti immoo ana kan akka gatataatti dhalateetti lakkaaʼamutti mulʼate.
9 Kwa kuwa mimi ni mdogo kati ya mitume. Sistahili kuitwa mtume, kwa sababu nililitesa kanisa la Mungu.
Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii.
10 Lakini kwa neema ya Mungu nipo kama nilivyo, na neema yake kwangu haikuwa bure. Badala yake, nilifanya bidii kuliko wote. Lakini haikuwa mimi, bali neema ya Mungu iliyo ndani yangu.
Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete.
11 Kwa hiyo kama ni mimi au wao, tuna hubiri hivyo na tunaamini hivyo.
Egaa anas taʼu yookaan isaan, wanni nu lallabnu, wanni isin amantanis kanuma.
12 Sasa kama Kristo alihubiriwa kama aliyefufuka kwa wafu, iweje baadhi yenu mseme hakuna ufufuo wa wafu?
Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame erga lallabamee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jechuu dandaʼu ree?
13 Lakini kama hakuna ufufuo wa wafu, basi hata Kristo pia hakufufuka.
Erga duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jirre, Kiristoos iyyuu duʼaa hin kaafamne jechuudha kaa!
14 Na kama Kristo hakufufuka, hivyo mahubiri yetu ni bure, na imani yenu ni bure.
Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin immoo lallabni keenya faayidaa hin qabu; amantiin keessanis faayidaa hin qabu.
15 Na tumepatikana kuwa mashahidi wa uongo kumuhusu Mungu, kwa sababu tulimshushuhudia Mungu kinyume, kusema alimfufua Kristo, wakati hakumfufua.
Kana malees Waaqni Kiristoosin duʼaa kaaseera jennee waaʼee Waaqaa waan dhugaa baaneef, nu waaʼee Waaqaa dhuga baatota sobaa taanee argamneerra. Garuu erga warri duʼan hin kaafamin inni Kiristoosin hin kaafne jechuu dha.
16 Kama ikiwa wafu hawafufuliwi, Yesu pia hakufufuliwa.
Yoo warri duʼan kaafamuu baatan, Kiristoosis duʼaa hin kaafamneetii.
17 Na kama Kristo hakufufuliwa, imani yenu ni bure na bado mko kwenye dhambi zenu.
Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin amantiin keessan faayidaa hin qabu; isinis ammuma iyyuu cubbuu keessa jirtu.
18 Hivyo hata wale waliokufa katika Kristo pia wameangamia.
Yoos warri utuu Kiristoositti jiranuu boqotan baduu isaanii ti.
19 Ikiwa kwa maisha haya peke yake tunaujasiri kwa wakati ujao ndani ya Kristo, watu wote, sisi niwakuhurumiwa zaidi ya watu wote.
Yoo jireenya ammaa qofaaf Kiristoosin abdanne nu warra namni hundi naʼuuf taʼuu keenya.
20 Lakini sasa Kristo amefufuka kutoka kwa wafu, matunda ya kwanza ya wale waliokufa.
Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
21 Kwa kuwa kifo kilikuja kupitia mwanadamu, pia kupitia mwanadamu ufufuo wa wafu.
Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.
22 Kwa kuwa kama katika Adam wote wanakufa, hivyo pia katika Kristo wote watafanywa hai.
Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.
23 Lakini kila moja katika mpango wake: Kristo, matunda ya kwanza, na kisha wale walio wa Kristo watafanywa hai wakati wa kuja kwake.
Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan.
24 Ndipo utakuwa mwisho, pale Kristo atakapo kabidhi ufalme kwa Mungu Baba. Hii ni pale atakapo komesha utawala wote na mamlaka yote na nguvu.
Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa.
25 Kwa kuwa lazima atawale mpaka atakapoweka maadui zake wote chini ya nyayo zake.
Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
26 Adui wa mwisho kuharibiwa ni kifo.
Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
27 Kwa kuwa “ameweka kila kitu chini ya nyayo zake.” Lakini inaposema “ameweka kila kitu,” ni wazi kwamba hii haihusishi wale walioweka kila kitu chini yake mwenyewe.
Inni, “Waan hunda miilla isaa jala galcheeraatii.” Garuu “Wanni hundi” isa jala galfameera jechuun akka isa waan hunda isa jala galche sana hin dabalatin beekamaa dha.
28 Wakati vitu vyote vimewekwa chini yake, kisha Mwana mwenyewe atawekwa chini kwake Yeye ambaye aliviweka vitu vyote chini yake. Hii itatokea ili kwamba Mungu Baba awe yote katika vyote.
Erga waan kana godhee booddee akka Waaqni waan hundumaan hundumaa taʼuuf Ilmi mataan isaa iyyuu isa waan hundumaa miilla isaa jala galche sanaaf ni bula.
29 Au pia watafanya nini wale waliobatizwa kwa ajili ya wafu? Kama wafu hawafufuliwi kabisa, kwa nini tena wanabatizwa kwa ajili yao?
Yoo duʼaa kaʼuun jiraachuu baate namoonni warra duʼaniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti? Warri duʼanis yoo duʼaa hin kaafamin namoonni maaliif qooda isaanii cuuphamu ree?
30 Na kwa nini tuko katika hatari kila saa?
Nu maaliif saʼaatii hunda balaaf of saaxilla?
31 Kaka na dada zangu, kupitia kujisifu kwangu katika ninyi, ambayo ninayo katika Kristo Yesu Bwana wetu, natangaza hivi: nakufa kila siku.
Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha.
32 Inanifaidia nini, katika mtazamo wa wanadamu, kama nilipigana na wanyama wakali huko Efeso, kama wafu hawafufuliwi? “Acha basi tule na kunywa, kwa kuwa kesho tunakufa.”
Ani akka namaatti Efesoonitti bineensa wajjin wal loluun koo, erga warri duʼan hin kaafamnee, maal na fayyada? “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii.”
33 Msidanganywe: “Makundi mabaya huharibu tabia njema.
Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”
34 “Muwe na kiasi! muishi katika haki! msiendelee kutenda dhambi. Kwa kuwa baadhi yenu hamna maarifa ya Mungu. Nasema hivi kwa aibu yenu.
Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.
35 Lakini mtu mwingine atasema, “Jinsi gani wafu wanafufuliwa? Nao watakuja na aina gani ya mwili?”
Garuu namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaafamu? Dhagna akkamiitiin dhufu?” jedhee ni gaafata taʼa.
36 Wewe ni mjinga sana! Kile ulichopanda hakiwezi kuanza kukua isipokuwa kimekufa.
Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu.
37 Na kile unachopanda sio mwili ambao utakuwa, bali ni mbegu iliyochipua. Inaweza kuwa ngano au kitu kingine.
Wanni ati facaaftu sanyiidhuma, jechuunis sanyii qamadii yookaan sanyii midhaan biraati malee dhagna midhaan biqilee guddachuuf jiru sanaa miti.
38 Lakini Mungu ataipa mwili kama apendavyo, na katika kila mbengu mwili wake mwenyewe.
Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna.
39 Miili yote haifanani. Isipokuwa, kuna mwili mmoja wa wanadamu, na mwili mwingine wa wanyama, na wili mwingine wa ndege, na mwingine kwa ajili ya samaki.
Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
40 Pia kuna miili ya mbinguni na miili ya duniani. Lakini utukufu wa miili ya mbinguni ni aina moja na utukufu wa duniani ni mwingine.
Akkasuma immoo dhagnawwan samii irraa ni jiru; dhagnawwan lafa irraas ni jiru; garuu ulfinni dhagnawwan samii irraa gosa tokko; ulfinni dhagnawwan lafa irraa immoo gosa biraa ti.
41 Kuna utukufu mmoja wa jua, na utukufu mwingine wa mwezi, na utukufu mwingine wa nyota. Kwa kuwa nyota moja inatofautiana na nyota nyingine katika utukufu.
Aduun ulfina gosa tokkoo qabdi; jiʼis ulfina gosa biraa, urjiiwwanis ulfina gosa biraa qabu; urjiin tokko ulfinaan urjii biraatiin addaatii.
42 Hivyo ndivyo ulivyo pia ufufuo wa wafu. Kinacho pandwa kinaharibika, na kinacho ota hakiharibiki.
Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama.
43 Kimepandwa katika matumizi ya kawaida, kinaoteshwa katika utukufu. Kimepandwa katika udhaifu, kinaoteshwa katika nguvu.
Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama;
44 Kimepandwa katika mwili wa asili, kinaoteshwa katika mwili wa kiroho. Kama kuna mwili wa asili, kuna mwili wa kiroho pia.
dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira.
45 Hivyo pia imeandikwa, “Mtu wa kwanza Adamu alifanyika roho inayo ishi.” Adamu wa mwisho alifanyika roho itoayo uhai.
Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe.
46 Lakini wa kiroho hakuja kwanza bali wa asili, na kisha wa kiroho.
Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe.
47 Mtu wa kwanza ni wa dunia, alitengenezwa kwa mavumbi. Mtu wa pili anatoka mbinguni.
Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe.
48 Kama vile yule aliyetengenezwa kwa mavumbi, hivyo pia wale waliotengenezwa kwa mavumbi. Kama vile mtu wa mbinguni alivyo, hivyo pia wale wa mbinguni.
Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti.
49 Kama ambavyo tumebeba mfano wa mtu wa mavumbi, tutabeba pia mfano wa mtu wa mbinguni.
Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna.
50 Sasa nawaambia, kaka na dada zangu, kwamba mwili na damu haviwezi kuurithi ufalme wa Mungu. Wala wakuharibika kurithi wakutoharibika.
Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima.
51 Tazama! Nawaambia ninyi siri ya kweli: Hatutakufa wote, bali wote tutabadilishwa.
Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna;
52 Tutabadilishwa katika wakati, katika kufumba na kufumbua kwa jicho, katika tarumbeta ya mwisho. Kwa kuwa tarumbeta italia, na wafu watafufuliwa na hali ya kutoharibika, na tutabadilishwa.
kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.
53 Kwani huu wa kuharibika lazima uvae wa kutoharibika, na huu wa kufa lazima uvae wa kutokufa.
Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii.
54 Lakini wakati huu wa kuharibika ukivikwa wa kutokuharibika, na huu wa kufa ukivaa wa kutokufa, ndipo utakuja msemo ambao umeandikwa, “Kifo kimemezwa katika ushindi.”
Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas,
55 “Kifo, ushindi wako uko wapi? Kifo, uko wapi uchungu wako?” (Hadēs )
“Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?” (Hadēs )
56 Uchungu wa kifo ni dhambi, na nguvu ya dhambi ni sheria.
Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
57 Lakini shukurani kwa Mungu, atupaye sisi ushindi kupitia Bwana wetu Yesu Kristo!
Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
58 Kwa hiyo, wapendwa kaka na dada zangu, iweni imara na msitikisike. Daima itendeni kazi ya Bwana, kwa sababu mnajua kuwa kazi yenu katika Bwana siyo bure.
Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.