< 1 Nyakati 15 >

1 Daudi akajingea nyumba zake katika mji wa Daudi. Akaanda sehemu kwa ajili ya sanduku la Mungu na hema lake.
Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe.
2 Kisha Daudi akasema, “Walawi pekee ndio watabeba sanduku la Mungu, kwa kuwa walichaguliwa na Yahweh kubeba sanduku la Yahweh, na kumtumikia milele.”
Ergasiis Daawit, “Waan Waaqayyo akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Waaqayyoo hin baatin” jedhee ajaje.
3 Kisha Daudi akakusanya Israeli yote Yerusalemu, kuleta sanduku la Yahweh sehemu aliyo iandaa.
Daawitis taabota Waaqayyoo iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.
4 Daudi akakusanya uzao wa Aruni na Walawi pamoja.
Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis:
5 Kutoka uzao wa Kohathi, palikuwa na Urieli kiongozi na ndugu zake, wanaume 120.
Ilmaan Qohaati keessaa, Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;
6 Kutoka uzao wa Merari, palikuwa na Asaia kiongozi na ndugu zake, wanaume 220.
ilmaan Meraarii keessaa, Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;
7 Kutoka uzao wa Gerishomu, palikuwa na Yoeli kiongozi na ndugu zake, wanaume 130.
ilmaan Geershoom keessaa, Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;
8 Kutoka uzao wa Elizafani, palikuwa na Shemaia kiongozi na ndugu zake, wanaume 200.
ilmaan Eliisaafaan keessaa, Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;
9 Kutoka uzao wa Hebroni, palikuwa na Elieli kiongozi na ndugu zake, wanaume themanini.
ilmaan Kebroon keessaa, Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;
10 Kutoka uzao wa Uzieli, palikuwa na Aminadabu kiongozi na ndugu zake, wanaume 112.
ilmaan Uziiʼeel keessaa, Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.
11 Daudi akaagiza Zadoki kuitwa na Abiathari kuhuani, na Walawi Urieli, Asaia, Yoeli, Shemaia, Elieli, na Aminadabu.
Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame;
12 Akasema, “Nyinyi ni viongozi wa familia za Kilawi. Jiwekeni wakfu, nyie na ndugu zenu, ilikwamba mlete sanduku la Yahweh, Mungu wa Israeli, kwenye sehemu niliyo iandaa.
akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa.
13 Mara ya kwanza hamkubeba. Ndio maana Yahweh Mungu wetu akawa na hasira kwetu, kwa kuwa hatuku mtafuta wala kutii amri yake.”
Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Waaqayyo Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.”
14 Hivyo makuhani na Walawi waka jiweka wakfu iliwaweze kuleta sanduku la Yahweh, Mungu wa Israeli.
Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan.
15 Walawi wakabeba sanduku la Mungu katika mabega yao na nguzo, kama Musa alivyo amuru-kwa kufuata sheria zilizo tolewa na Yahweh.
Lewwonni akkuma kan Museen dubbii Waaqayyootiin ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.
16 Daudi akazungumza na viongozi wa Walawi kuwapangia ndugu zao kuwa wana muziki wenye vyombo vya muziki, vyombo vya uzi, vinubi na upatu, kwa kupiga kwa sauti na furaha wakipaza sauti zao.
Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.
17 Hivyo Walawi wakamchagua Hemani mwana wa Yoeli na mmoja wa kaka zake, Asafu mwana wa Berekia. Pia walimchagua ndugu wa uzao wa Merari na Ethani mwana wa Kushaia.
Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan;
18 Pamoja nao walikuwa ndugu wa daraja la pili: Zekarai, Yaazieli, Shemiramothi, Yehieli, Uni, Eliabu, Benaia, Maasaeia, Matithia, Elifelehu, Mikineaia, Obedi Edomu, na Yeieli, mlinzi wa lango.
isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.
19 Wanamuziki Hemani, Asafu, na Ethani walichaguliwa kupiga upatu wa shaba.
Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman;
20 Zekaria, Azieli, Shemiramothi, Yehieli, Uni Eliabu, Maaseia, na Benaia walicheza vyombo vya uzi.
Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti kiraaraan faarfatu ture;
21 Matithia, Elifelehu, Mikineia, Obedi Edomu, Yeieli, na Azazia waliongoza njia na vinubi.
akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti baganaa taphatu ture.
22 Kenania, kiongozi wa Walawi, aliongoza uimbaji sababu alikuwa mwalimu wa muziki.
Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.
23 Berekia na Elikana walikuwa walinzi wa sanduku.
Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan.
24 Shebania, Yoshafati, Nethanieli, Amasai, Zekaria, Benaia, na Eliezeri, makuhani, walikuwa wa kupuliza matarumbeta mbele ya sanduku la Mungu. Obedi Edomu na Yehia walikuwa walinzi wa sanduku.
Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.
25 Hivyo Daudi, wazee wa Israeli, na wakuu wa maelfu wakaenda kuchukua sanduku la agano la Yahweh kutoka nyumba ya Obedi Edomu kwa shangwe.
Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Waaqayyoo sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan.
26 Wakati Mungu alipo wasaidia Walawi kubeba sanduku la agano la Yahweh, walitoa ng'ombe saba na mbuzi
Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan.
27 Daudi alivishwa joho safi la maridadi, pamoja na Walawi walio beba sanduku, waimbaji, na Kenania, kiongozi wa nyimbo na waimbaji. Daudi alivaa juu ya joho lake naivera.
Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture.
28 Hivyo Israeli yote wakaleta sanduku la agano la Yahweh na kelele za shangwe, na sauti za tarumbeta, ngoma za saani, na vyombo vya uzi na vinubi.
Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Waaqayyoo sana ni fidan.
29 Lakini sanduku la Yahweh lilivyokuja kwa mji wa Daudi, Mikali binti wa Sauli, alitazama nje ya dirisha, Akamuona Mfalme Daudi akicheza na kusherehekea. Kisha akamdharau moyoni mwake.
Yeroo taabonni kakuu Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.

< 1 Nyakati 15 >