< Wimbo wa Sulemani 5 >

1 Nimekuja kwenye bustani yangu, dada yangu, bibi arusi wangu; nimekusanya manemane yangu pamoja na kikolezo changu. Nimekula sega langu la asali na asali yangu; nimekunywa divai yangu na maziwa yangu. Marafiki Kuleni, enyi marafiki, mnywe; kunyweni ya kutosha, ee wapenzi.
Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera; ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. Michoota Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; jaalalas dhugaa quufaa.
2 Nililala lakini moyo wangu ulikuwa macho. Sikiliza! Mpenzi wangu anabisha: “Nifungulie, dada yangu, mpenzi wangu, hua wangu, asiye na hitilafu. Kichwa changu kimeloa umande, na nywele zangu manyunyu ya usiku.”
Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. Mataan koo fixeensaan, rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.”
3 Nimevua joho langu: je, ni lazima nivae tena? Nimenawa miguu yangu: je, ni lazima niichafue tena?
Ani uffata koo of irraa baaseera; akkamittan deebisee uffadha ree? Miilla koo dhiqadheera; akkamittan deebisee xureessa ree?
4 Mpenzi wangu aliweka mkono wake kwenye tundu la komeo; moyo wangu ulianza kugonga kwa ajili yake.
Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; lapheen koo isaaf ni dhaʼate.
5 Niliinuka kumfungulia mpenzi wangu, mikono yangu ikidondosha manemane, vidole vyangu vikitiririka manemane, penye vipini vya komeo.
Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe; qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin, quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe.
6 Nilimfungulia mpenzi wangu, lakini mpenzi wangu alishaondoka; alikuwa amekwenda zake. Moyo wangu ulishuka kwa kuondoka kwake. Nilimtafuta lakini sikumpata. Nilimwita lakini hakunijibu.
Ani michuu kootiif balbala nan bane; michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera. Deemuu isaattis garaan koo ni rifate. Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne. Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne.
7 Walinzi walinikuta walipokuwa wakifanya zamu za ulinzi mjini. Walinipiga, wakanijeruhi, wakaninyangʼanya joho langu, hao walinzi wa kuta!
Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan. Isaanis na reebanii na madeessan; warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan!
8 Enyi binti za Yerusalemu, ninawaagiza: kama mkimpata mpenzi wangu, mtamwambia nini? Mwambieni ninazimia kwa mapenzi.
Yaa intallan Yerusaalem, isin michuun koo yoo argitan jaalalaan dhukkubsachuu koo akka isatti naaf himtan isinan kakachiisa.
9 Je, mpendwa wako ni bora kuliko wengine namna gani, wewe uliye mzuri kupita wanawake wote? Je, mpendwa wako ni mzuri kuliko wengine, namna gani, hata unatuagiza hivyo?
Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee maaliin warra kaan caala? Ati kan akkas nu kakachiiftu, michuun kee maaliin warra kaan caala?
10 Mpenzi wangu anangʼaa, tena ni mwekundu, wa kuvutia miongoni mwa wanaume kumi elfu.
Michuun koo diimaa cululuqaa dha; inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata.
11 Kichwa chake ni dhahabu safi kuliko zote, nywele zake ni za mawimbi na ni nyeusi kama kunguru.
Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; rifeensi mataa isaa jigaa dha; akkuma arraagessaas gurraacha.
12 Macho yake ni kama ya hua kandokando ya vijito vya maji, aliyeogeshwa kwenye maziwa, yaliyopangwa kama vito vya thamani.
Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha.
13 Mashavu yake ni kama matuta ya vikolezo yakitoa manukato. Midomo yake ni kama yungiyungi inayodondosha manemane.
Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti.
14 Mikono yake ni fimbo za dhahabu iliyopambwa kwa krisolitho. Mwili wake ni kama pembe ya ndovu iliyongʼarishwa iliyopambwa na yakuti samawi.
Harki isaa ulee warqee kan biiraleedhaan faayeffamee dha. Dhagni isaa akkuma ilka arbaa kan sanpeeriin miidhagfamee dha.
15 Miguu yake ni nguzo za marmar zilizosimikwa katika vitako vya dhahabu safi. Sura yake ni kama Lebanoni, bora kama miti yake ya mierezi.
Miilli isaa utubaa dhagaa adii kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. Bifti isaa akkuma Libaanoon, akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha.
16 Kinywa chake chenyewe ni utamu, kwa ujumla yeye ni wa kupendeza. Huyu ndiye mpenzi wangu, huyu ndiye rafiki yangu, ee binti za Yerusalemu.
Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; inni guutumaan guutuutti namatti tola. Yaa intallan Yerusaalem, kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.

< Wimbo wa Sulemani 5 >