< Wimbo wa Sulemani 3 >

1 Usiku kucha kwenye kitanda changu nilimtafuta yule moyo wangu umpendaye; nilimtafuta, lakini sikumpata.
Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
2 Sasa nitaondoka na kuzunguka mjini, katika barabara zake na viwanja; nitamtafuta yule moyo wangu umpendaye. Kwa hiyo nilimtafuta lakini sikumpata.
Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. Kanaafuu ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
3 Walinzi walinikuta walipokuwa wakizunguka mji. Nikawauliza, “Je, mmemwona yule moyo wangu umpendaye?”
Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; anis, “Michuu koo argitanii?” jedheen isaan gaafadhe.
4 Kitambo kidogo tu baada ya kuwapita nilimpata yule moyo wangu umpendaye. Nilimshika na sikumwachia aende mpaka nilipomleta katika nyumba ya mama yangu, katika chumba cha yule aliyenichukua mimba.
Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti ol galchutti gad isa hin dhiisne.
5 Binti za Yerusalemu, ninawaagiza kwa paa na kwa ayala wa shambani: Msichochee wala kuamsha mapenzi hata yatakapotaka yenyewe.
Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
6 Ni nani huyu anayekuja kutoka jangwani kama nguzo ya moshi, anayenukia manemane na uvumba iliyotengenezwa kwa vikolezo vyote vya mfanyabiashara?
Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
7 Tazama! Ni gari la Solomoni lisindikizwalo na mashujaa sitini, walio wakuu sana wa Israeli,
Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
8 wote wamevaa panga, wote wazoefu katika vita, kila mmoja na upanga wake pajani, wamejiandaa kwa ajili ya hofu za usiku.
Hundi isaanii goraadee hidhatu; hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
9 Mfalme Solomoni alijitengenezea gari; alilitengeneza kwa mbao kutoka Lebanoni.
Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; innis muka Libaanoon irraa tolfate.
10 Nguzo zake alizitengeneza kwa fedha, kitako chake kwa dhahabu. Kiti chake kilipambwa kwa zambarau, gari lake likanakshiwa njumu kwa upendo na binti za Yerusalemu.
Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
11 Tokeni nje, ninyi binti za Sayuni, mkamtazame Mfalme Solomoni akiwa amevaa taji, taji ambalo mama yake alimvika siku ya arusi yake, siku ambayo moyo wake ulishangilia.
Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.

< Wimbo wa Sulemani 3 >