< Ruth 2 >

1 Basi Naomi alikuwa na jamaa wa upande wa mume wake, kutoka ukoo wa Elimeleki, mtu maarufu ambaye aliitwa Boazi.
Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte.
2 Ruthu, Mmoabu, akamwambia Naomi, “Nitakwenda mashambani nikaokote mabaki ya nafaka nyuma ya yule nitakayepata kibali machoni pake.” Naomi akamwambia, “Nenda, binti yangu.”
Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen.
3 Basi akaenda, akaokota mabaki ya nafaka mashambani nyuma ya wavunaji. Ikatokea kwamba alijikuta anafanya kazi kwenye shamba lililokuwa mali ya Boazi, ambaye alitoka kwenye ukoo wa Elimeleki.
Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture.
4 Papo hapo Boazi akarudi kutoka Bethlehemu, akawasalimu wavunaji, akasema, “Bwana awe nanyi!” Nao wakamjibu, “Bwana akubariki.”
Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “Waaqayyo isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
5 Boazi akamuuliza msimamizi wa wavunaji, “Je, yule mwanamwali ni wa nani?”
Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.
6 Msimamizi akamjibu, “Ni yule Mmoabu aliyerudi kutoka nchi ya Moabu pamoja na Naomi.
Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte.
7 Yeye aliomba, ‘Tafadhali niruhusu niokote na kukusanya miongoni mwa miganda nyuma ya wavunaji.’ Naye ameshinda shambani tangu asubuhi pasipo kupumzika, isipokuwa kwa muda mfupi kivulini.”
Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.”
8 Kisha Boazi akamwambia Ruthu, “Binti yangu, nisikilize. Usiende kuokota mabaki ya mavuno katika shamba lingine, na usiondoke hapa. Kaa hapa na hawa watumishi wangu wa kike.
Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi.
9 Angalia shamba wanaume wanamovuna, ufuate nyuma yao. Nimewaamuru wanaume hawa wasikuguse. Wakati wowote ukiona kiu, nenda kwenye mitungi ukanywe maji waliyoyateka wanaume hawa.”
Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.”
10 Kwa ajili ya hili, akasujudu mpaka nchi, akamwambia, “Jinsi gani nimepata kibali machoni pako, hata ukanijali mimi mgeni?”
Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte.
11 Boazi akamjibu, “Nimeambiwa yote uliyomtendea mama mkwe wako tangu mume wako alipofariki, na jinsi ulivyomwacha baba yako na mama yako na nchi yako ulimozaliwa, ukaja kuishi na watu ambao hukuwafahamu awali.
Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera.
12 Bwana na akulipe kwa yale uliyoyatenda. Ubarikiwe kwa wingi na Bwana, Mungu wa Israeli, ambaye umekimbilia mabawani mwake.”
Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
13 Kisha Ruthu akasema, “Naomba niendelee kupata kibali machoni pako, bwana wangu. Kwa maana umenifariji na umezungumza kwa ukarimu na mjakazi wako, hata ingawa mimi si bora kama mmoja wa watumishi wako wa kike.”
Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.”
14 Wakati wa chakula, Boazi akamwambia Ruthu, “Karibia hapa. Kula mkate na uchovye ndani ya siki.” Alipoketi pamoja na wavunaji, akampa nafaka zilizookwa. Akala kiasi alichotaka na kusaza.
Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef.
15 Alipoinuka ili kuokota mabaki ya nafaka, Boazi akawaagiza watu wake, “Hata kama atakusanya kati ya miganda, msimzuie.
Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa.
16 Badala yake, toeni masuke katika miganda, mwachieni ayaokote, na msimkemee.”
Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.”
17 Basi Ruthu akaokota masazo shambani hata jioni. Akatwanga ile shayiri aliyokusanya, ikajaa efa moja.
Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii tokkoo taʼe.
18 Akaibeba na kuelekea mjini, naye mama mkwe wake akaona jinsi alivyoweza kuokota nafaka nyingi. Pia Ruthu akachukua kile alichobakiza baada ya kula na kushiba, akampa.
Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef.
19 Basi mkwewe akamuuliza, “Je, umeokota wapi leo? Umefanya kazi wapi? Abarikiwe mtu yule aliyekujali.” Ndipo Ruthu akamwambia mama mkwe wake juu ya yule ambaye yeye alikuwa amefanyia kazi katika shamba lake. Akasema, “Yule mtu niliyefanyia kazi kwake leo, anaitwa Boazi.”
Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette.
20 Naye Naomi akamwambia mkwewe, “Bwana ambariki! Hakuacha kuonyesha fadhili zake kwa walio hai na kwa waliokufa.” Pia akamwambia, “Huyo mtu ni mmoja wa jamaa yetu wa karibu anayestahili kutukomboa.”
Naaʼomiinis, “Waaqayyo inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette.
21 Kisha Ruthu, Mmoabu, akasema, “Hata aliniambia, ‘Kaa pamoja na watumishi wangu mpaka watakapomaliza kuvuna nafaka yangu yote.’”
Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen.
22 Kisha Naomi akamwambia Ruthu mkwewe, “Binti yangu, itakuwa vyema wewe ufuatane na wasichana wake, kwa sababu katika shamba la mtu mwingine wanaweza kukudhuru.”
Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette.
23 Kwa hivyo Ruthu akafuatana na watumishi wa kike wa Boazi, akaokota mpaka mwisho wa mavuno ya shayiri na ya ngano. Naye aliishi na mama mkwe wake.
Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte.

< Ruth 2 >