< Zaburi 84 >

1 Kwa mwimbishaji. Mtindo wa gitithi. Zaburi ya wana wa Kora. Ee Bwana Mwenye Nguvu Zote, makao yako yapendeza kama nini!
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
2 Nafsi yangu inatamani sana, naam, hata kuona shauku, kwa ajili ya nyua za Bwana; moyo wangu na mwili wangu vinamlilia Mungu Aliye Hai.
Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
3 Hata shomoro amejipatia makao, mbayuwayu amejipatia kiota mahali awezapo kuweka makinda yake: mahali karibu na madhabahu yako, Ee Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mfalme wangu na Mungu wangu.
Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
4 Heri wale wanaokaa nyumbani mwako, wanaokusifu wewe daima.
Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
5 Heri wale ambao nguvu zao ziko kwako, na njia ziendazo Sayuni zimo mioyoni mwao.
Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
6 Wanapopita katika Bonde la Baka, hulifanya mahali pa chemchemi, pia mvua za vuli hulijaza kwa madimbwi.
Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
7 Huendelea toka nguvu hadi nguvu, hadi kila mmoja afikapo mbele za Mungu huko Sayuni.
Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
8 Ee Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote, sikia maombi yangu; nisikilize, Ee Mungu wa Yakobo.
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
9 Ee Mungu, uitazame ngao yetu, mtazame kwa wema mpakwa mafuta wako.
Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
10 Siku moja katika nyua zako ni bora kuliko siku elfu mahali pengine; afadhali ningekuwa bawabu katika nyumba ya Mungu wangu kuliko kukaa katika mahema ya waovu.
Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
11 Kwa kuwa Bwana ni jua na ngao, Bwana hutoa wema na heshima; hakuna kitu chema anachowanyima wale ambao hawana hatia.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
12 Ee Bwana Mwenye Nguvu Zote, heri ni mtu yule anayekutumaini wewe.
Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.

< Zaburi 84 >