< Zaburi 71 >
1 Ee Bwana, nimekukimbilia wewe, usiache nikaaibika kamwe.
Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin.
2 Kwa haki yako uniponye na kuniokoa, unitegee sikio lako uniokoe.
Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis; gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
3 Uwe kwangu mwamba wa kimbilio, mahali nitakapokimbilia kila wakati; toa amri ya kuniokoa, kwa kuwa wewe ni mwamba wangu na ngome yangu.
Ati kattaa ani kooluu itti galu, iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi; ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, na baraaruuf ajaja kenni.
4 Ee Mungu wangu uniokoe kutoka kwenye mkono wa mwovu, kutoka kwenye makucha ya watu wabaya na wakatili.
Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa, qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
5 Kwa kuwa umekuwa tumaini langu, Ee Bwana Mwenyezi, tegemeo langu tangu ujana wangu.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii; ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.
6 Tangu kuzaliwa nimekutegemea wewe, ulinitoa tumboni mwa mama yangu. Nitakusifu wewe daima.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
7 Nimekuwa kama kioja kwa wengi, lakini wewe ni kimbilio langu imara.
Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera; ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
8 Kinywa changu kimejazwa sifa zako, nikitangaza utukufu wako mchana kutwa.
Afaan koo guyyaa guutuu, galataa fi ulfina keetiin guutama.
9 Usinitupe wakati wa uzee, wala usiniache nguvu zangu zinapopungua.
Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin; yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
10 Kwa maana adui zangu wananisengenya, wale wanaonivizia kuniua wafanya hila.
Diinonni koo natti mariʼatuutii; warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
11 Wanasema, “Mungu amemwacha, mkimbilieni mkamkamate, kwani hakuna wa kumwokoa.”
Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera; namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii faana buʼaatii qabaa” jedhu.
12 Ee Mungu, usiwe mbali nami, njoo haraka kunisaidia, Ee Mungu wangu.
Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin; yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.
13 Washtaki wangu na waangamie kwa aibu, wale wanaotaka kunidhuru na wafunikwe kwa dharau na fedheha.
Warri na himatan qaanaʼanii haa badan; warri na miidhuu barbaadanis tuffii fi salphina haa uffatan.
14 Lakini mimi, nitatumaini siku zote, nitakusifu zaidi na zaidi.
Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba; ittuma caalchisees sin galateeffadha.
15 Kinywa changu kitasimulia haki yako, wokovu wako mchana kutwa, ingawa sifahamu kipimo chake.
Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee, afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
16 Ee Bwana Mwenyezi, nitakuja na kutangaza matendo yako makuu, nitatangaza haki yako, yako peke yako.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa; ani qajeelummaa kee qofa labsa.
17 Ee Mungu, umenifundisha tangu ujana wangu, hadi leo ninatangaza matendo yako ya ajabu.
Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta; anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
18 Ee Mungu, usiniache, hata niwapo mzee wa mvi, mpaka nitangaze uwezo wako kwa kizazi kijacho, nguvu zako kwa wote watakaokuja baadaye.
Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee, hamma ani humna kee dhaloota kanatti, jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti, ati na hin dhiisin.
19 Ee Mungu, haki yako imefika juu katika mbingu, wewe ambaye umefanya mambo makuu. Ee Mungu, ni nani aliye kama wewe?
Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa; ati waan gurguddaa hojjetteerta; yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?
20 Ingawa umenifanya nipate taabu, nyingi na chungu, utanihuisha tena, kutoka vilindi vya dunia utaniinua tena.
Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta; taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita, qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
21 Utaongeza heshima yangu na kunifariji tena.
Ulfina koo ni guddifta; amma illee na jajjabeessita.
22 Ee Mungu wangu, nitakusifu kwa kinubi kwa ajili ya uaminifu wako; Ee Uliye Mtakatifu wa Israeli, nitakuimbia sifa kwa zeze.
Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif, kiraaraan sin faarfadha; Yaa Qulqullicha Israaʼel ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
23 Midomo yangu itapaza sauti kwa furaha ninapokuimbia sifa, mimi, ambaye umenikomboa.
Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo, lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
24 Ulimi wangu utasimulia matendo yako ya haki mchana kutwa, kwa maana wale waliotaka kunidhuru, wameaibishwa na kufadhaishwa.
Warri na miidhuu barbaadan, waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif arrabni koo guyyaa guutuu qajeelummaa kee odeessa.