< Zaburi 69 >
1 Kwa mwimbishaji. Mtindo wa “Yungiyungi.” Zaburi ya Daudi. Ee Mungu, niokoe, kwa maana maji yamenifika shingoni.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, ati na baasi; bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
2 Ninazama kwenye vilindi vya matope, pasipo mahali pa kukanyaga, Nimefika kwenye maji makuu, mafuriko yamenigharikisha.
Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan hin jirre keessa seeneera. Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; lolaanis narra garagaleera.
3 Nimechoka kwa kuomba msaada, koo langu limekauka. Macho yangu yanafifia, nikimtafuta Mungu wangu.
Ani iyyuudhaan dadhabeera; laagaan koo babbaqaqeera; iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
4 Wale wanaonichukia bila sababu ni wengi kuliko nywele za kichwa changu; wengi ni adui kwangu bila sababu, wale wanaotafuta kuniangamiza. Ninalazimishwa kurudisha kitu ambacho sikuiba.
Warri lafumaa kaʼanii na jibban rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; warri na ajjeesuu barbaadan, warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. Ani akkan waan hin hatin deebisu dirqameera.
5 Ee Mungu, wewe unajua upumbavu wangu, wala hatia yangu haikufichika kwako.
Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
6 Ee Bwana, ewe Bwana Mwenye Nguvu Zote, wakutumainio wasiaibishwe kwa ajili yangu; wakutafutao wasifedheheshwe kwa ajili yangu, Ee Mungu wa Israeli.
Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, warri abdii sirra kaaʼatan, sababii kootiif hin qaanaʼin; yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, sababii kootiif hin qaaneffamin.
7 Kwa maana nimestahimili dharau kwa ajili yako, aibu imefunika uso wangu.
Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; qaaniinis fuula koo haguugeera.
8 Nimekuwa mgeni kwa ndugu zangu, mgeni kwa wana wa mama yangu mwenyewe.
Ani obboloota kootti keessummaa, ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
9 Kwa kuwa wivu wa nyumba yako unanila, matukano ya wale wanaokutukana yameniangukia.
Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
10 Ninapolia na kufunga, lazima nivumilie matusi.
Booʼuu fi soomuun koo, arrabsoo natti taʼe.
11 Ninapovaa nguo ya gunia, watu hunidharau.
Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, namoonni natti qoosu.
12 Wale wanaoketi mlangoni wananisimanga, nimekuwa wimbo wa walevi.
Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.
13 Lakini Ee Bwana, ninakuomba, kwa wakati ukupendezao; katika upendo wako mkuu, Ee Mungu, unijibu kwa wokovu wako wa hakika.
Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo ati filattutti sin kadhadha; yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
14 Uniokoe katika matope, usiniache nizame; niokoe na hao wanichukiao, kutoka kwenye vilindi vya maji.
Akka ani hin liqimfamneef, raaree keessaa na baasi; warra na jibban jalaa, bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
15 Usiache mafuriko yanigharikishe au vilindi vinimeze, au shimo lifumbe kinywa chake juu yangu.
Ati akka lolaan na hin fudhanne, akka tuujubni na hin liqimsine, akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
16 Ee Bwana, unijibu, kwa wema wa upendo wako; kwa huruma zako nyingi unigeukie.
Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.
17 Usimfiche mtumishi wako uso wako, uharakishe kunijibu, kwa sababu niko katika shida.
Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
18 Njoo karibu uniokoe, nikomboe kwa sababu ya adui zangu.
Natti dhiʼaadhuutii na furi; xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.
19 Unajua jinsi ninavyodharauliwa, kufedheheshwa na kuaibishwa, adui zangu wote unawajua.
Ati akka ani hammam tuffatamee, salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
20 Dharau zimenivunja moyo na nimekata tamaa, nimetafuta wa kunihurumia, lakini sikumpata, wa kunituliza, lakini sikumpata.
Arrabsoon garaa koo cabse; anis abdii kutadheera. Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.
21 Waliweka nyongo katika chakula changu na walinipa siki nilipokuwa na kiu.
Nyaata kootti hadhooftuu makan; akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.
22 Meza iliyoandaliwa mbele yao na iwe mtego, nayo iwe upatilizo na tanzi.
Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
23 Macho yao yatiwe giza ili wasiweze kuona, nayo migongo yao iinamishwe daima.
Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
24 Uwamwagie ghadhabu yako, hasira yako kali na iwapate.
Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
25 Mahali pao na pawe ukiwa, wala asiwepo yeyote atakayeishi katika mahema yao.
Qeʼeen isaanii haa onu; namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
26 Kwa kuwa wanawatesa wale uliowajeruhi, na kuzungumza juu ya maumivu ya wale uliowaumiza.
Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
27 Walipize uovu juu ya uovu, usiwaache washiriki katika wokovu wako.
Yakka irratti yakka isaanitti dabali; isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
28 Wafutwe kutoka kitabu cha uzima na wasiorodheshwe pamoja na wenye haki.
Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.
29 Mimi niko katika maumivu na dhiki; Ee Mungu, wokovu wako na unihifadhi.
Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.
30 Nitalisifu jina la Mungu kwa wimbo, nami nitamtukuza kwa kumtolea shukrani.
Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; galataanis ulfina nan kennaaf.
31 Hili litampendeza Bwana kuliko ngʼombe dume, zaidi ya fahali akiwa na pembe na kwato zake.
Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
32 Maskini wataona na kufurahi: ninyi mnaomtafuta Mungu, mioyo yenu na iishi!
Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
33 Bwana huwasikia wahitaji wala hadharau watu wake waliotekwa.
Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.
34 Mbingu na dunia zimsifu, bahari na vyote viendavyo ndani yake,
Samii fi lafti, galaanonnii fi wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
35 kwa maana Mungu ataiokoa Sayuni na kuijenga tena miji ya Yuda. Kisha watu watafanya makao yao humo na kuimiliki,
Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
36 watoto wa watumishi wake watairithi na wale wote walipendao jina lake wataishi humo.
Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.