< Zaburi 65 >
1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Wimbo. Ee Mungu, sifa zakungojea katika Sayuni; kwako wewe nadhiri zetu zitatimizwa.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama.
2 Ewe usikiaye maombi, kwako wewe watu wote watakuja.
Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa.
3 Tulipokuwa tumefunikwa kabisa na dhambi, wewe ulisamehe makosa yetu.
Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
4 Heri wale uliowachagua na kuwaleta karibu ili waishi katika nyua zako! Tunashibishwa kwa mema ya nyumba yako, mema ya Hekalu lako takatifu.
Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
5 Unatujibu kwa matendo ya kushangaza ya haki, Ee Mungu Mwokozi wetu, tumaini la miisho yote ya duniani na la bahari zilizo mbali sana,
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
6 uliyeumba milima kwa uwezo wako, ukiwa umejivika nguvu,
ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
7 uliyenyamazisha dhoruba za bahari, ngurumo za mawimbi yake, na ghasia za mataifa.
ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte.
8 Wale wanaoishi mbali sana wanaogopa maajabu yako, kule asubuhi ipambazukiapo na kule jioni inakofifilia umeziita nyimbo za furaha.
Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
9 Waitunza nchi na kuinyeshea, waitajirisha kwa wingi. Vijito vya Mungu vimejaa maji ili kuwapa watu nafaka, kwa maana wewe umeviamuru.
Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
10 Umeilowesha mifereji yake na kusawazisha kingo zake; umeilainisha kwa manyunyu na kuibariki mimea yake.
Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta.
11 Umeuvika mwaka taji ya baraka, magari yako yanafurika kwa wingi.
Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu.
12 Mbuga za majani za jangwani umezineemesha; vilima vimevikwa furaha.
Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu.
13 Penye nyanda za malisho pamejaa makundi ya wanyama, na mabonde yamepambwa kwa mavuno; vyote vinashangilia kwa furaha na kuimba.
Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.