< Zaburi 46 >
1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya wana wa Kora. Mtindo wa alamothi. Mungu kwetu sisi ni kimbilio na nguvu, msaada utakaoonekana tele wakati wa mateso.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
2 Kwa hiyo hatutaogopa, hata kama dunia ikiondolewa nayo milima ikiangukia moyoni mwa bahari.
Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
3 Hata kama maji yake yatanguruma na kuumuka, milima nayo ikitetemeka kwa mawimbi yake.
Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
4 Kuna mto ambao vijito vyake vinaufurahisha mji wa Mungu, mahali patakatifu ambako Aliye Juu Sana anaishi.
Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
5 Mungu yuko katikati yake, hautaanguka, Mungu atausaidia asubuhi na mapema.
Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; ganama barii Waaqni ishee gargaara.
6 Mataifa yanafanya ghasia, falme zinaanguka, Yeye huinua sauti yake, dunia ikayeyuka.
Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
7 Bwana Mwenye Nguvu Zote yu pamoja nasi, Mungu wa Yakobo ni ngome yetu.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
8 Njooni mkaone kazi za Bwana jinsi alivyofanya ukiwa katika nchi.
Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa; badiisa inni lafa irratti fides argaa.
9 Anakomesha vita hata miisho ya dunia, anakata upinde na kuvunjavunja mkuki, anateketeza ngao kwa moto.
Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; gaachanas ibiddaan guba.
10 “Tulieni, mjue ya kwamba mimi ndimi Mungu; nitatukuzwa katikati ya mataifa, nitatukuzwa katika dunia.”
“Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; lafa irrattis ol ol nan jedha.”
11 Bwana Mwenye Nguvu Zote yu pamoja nasi; Mungu wa Yakobo ni ngome yetu.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.