< Zaburi 41 >
1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Heri mtu yule anayemjali mnyonge, Bwana atamwokoa wakati wa shida.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.
2 Bwana atamlinda na kuyahifadhi maisha yake, atambariki katika nchi na hatamwacha katika tamaa ya adui zake.
Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
3 Bwana atamtegemeza awapo mgonjwa kitandani, atamwinua kutoka kitandani mwake.
Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.
4 Nilisema, “Ee Bwana nihurumie, niponye, maana nimekutenda dhambi wewe.”
Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.
5 Adui zangu wanasema kwa hila, “Lini atakufa, na jina lake litokomee kabisa.”
Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
6 Kila anapokuja mtu kunitazama, huzungumza uongo, huku moyo wake hukusanya masingizio; kisha huondoka na kuyasambaza huku na huko.
Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.
7 Adui zangu wote hunongʼonezana dhidi yangu, hao huniwazia mabaya sana, wakisema,
Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.
8 “Ugonjwa mbaya sana umempata, kamwe hatainuka tena kitandani mwake.”
Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.
9 Hata rafiki yangu wa karibu niliyemwamini, yule aliyekula chakula changu ameniinulia kisigino chake.
Michuun koo inni natti dhiʼaatu, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate.
10 Lakini wewe, Ee Bwana, nihurumie, ukaniinue tena, ili niweze kuwalipiza kisasi.
Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.
11 Najua kwamba wapendezwa nami, kwa kuwa adui yangu hanishindi.
Akka ati natti gammaddu ani beeka; diinni koo narra hin aanuutii.
12 Katika uadilifu wangu unanitegemeza na kuniweka kwenye uwepo wako milele.
Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.
13 Msifuni Bwana, Mungu wa Israeli, tangu milele na hata milele.
Waaqayyo Waaqni Israaʼel, bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.