< Zaburi 31 >
1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, nimekukimbilia wewe, usiache nikaaibika kamwe, kwa haki yako uniokoe.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin; qajeelummaa keetiin na oolchi.
2 Nitegee sikio lako, uje uniokoe haraka; uwe kwangu mwamba wa kimbilio, ngome imara ya kuniokoa.
Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
3 Kwa kuwa wewe ni mwamba wangu na ngome yangu, uniongoze na kunilinda kwa ajili ya jina lako.
Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
4 Uniepushe na mtego niliotegewa, maana wewe ndiwe kimbilio langu.
Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef, kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
5 Ninaikabidhi roho yangu mikononi mwako, unikomboe Ee Bwana, uliye Mungu wa kweli.
Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.
6 Ninawachukia wale wanaongʼangʼania sanamu batili; mimi ninamtumaini Bwana.
Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba; Waaqayyoon garuu nan amanadha.
7 Nitafurahia na kushangilia upendo wako, kwa kuwa uliona mateso yangu na ulijua maumivu ya nafsi yangu.
Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas; ati dhiphina koo argiteertaatii; rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
8 Hukunikabidhi kwa adui yangu bali umeiweka miguu yangu mahali penye nafasi.
Ati dabarsitee diinatti na hin kennine; miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
9 Ee Bwana unihurumie, kwa kuwa niko kwenye shida; macho yangu yanafifia kwa huzuni, nafsi yangu na mwili wangu kwa sikitiko.
Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
10 Maisha yangu yamedhoofika kwa majonzi, naam, miaka yangu kwa kulia kwa maumivu makali; nguvu zangu zinaisha kwa ajili ya mateso, na mifupa yangu inachakaa.
Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera; jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera; lafeen koos xuuxameera.
11 Kwa sababu ya adui zangu wote, nimedharauliwa kabisa na jirani zangu, hata kwa rafiki zangu nimekuwa tisho, wale wanionao barabarani hunikimbia.
Sababii diinota koo hundaatiif, ani olloota koo biratti waan sodaachisaa, michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera; warri karaa irratti na arganis na baqatu.
12 Nimesahaulika miongoni mwao kama mtu aliyekufa, nimekuwa kama chombo cha mfinyanzi kilichovunjika.
Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera; akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
13 Kwa maana nimesikia maneno niliyosingiziwa na wengi; vitisho viko pande zote; kwa kuwa wamefanya mashauri dhidi yangu, na kula njama kuniua.
Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii; kallattii hundaan sodaatu jira! Isaan natti malatanii lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
14 Lakini mimi ninakutumaini wewe peke yako, Ee Bwana; nimesema, “Wewe ndiwe Mungu wangu.”
Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha; “Ati Waaqa koo ti” nan jedha.
15 Siku za maisha yangu ziko mikononi mwako, uniokoe mikononi mwa adui zangu na wale wanifuatiao.
Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, warra na ariʼatan harkaas na baasi.
16 Mwangazie mtumishi wako uso wako, uniokoe kwa ajili ya upendo wako usiokoma.
Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu; jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
17 Usiniache niaibike, Ee Bwana, kwa maana nimekulilia wewe, bali waovu waaibishwe na kunyamazishwa Kuzimu. (Sheol )
Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin; ani si waammadheeraatii; warri hamoon garuu haa qaaneffaman; calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan. (Sheol )
18 Midomo yao isemayo uongo na inyamazishwe, kwa maana kwa kiburi na dharau wao husema kwa majivuno dhidi ya wenye haki.
Afaan soba dubbatu, kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
19 Tazama jinsi ulivyo mkuu wema wako, uliowawekea akiba wakuchao, ambao huwapa wale wakukimbiliao machoni pa watu.
Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, kan ati fuula namootaa duratti warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
20 Unawahifadhi katika uvuli wa uwepo wako kutokana na hila za wanadamu; katika makao yako huwaweka salama kutokana na ndimi za mashtaka.
Daʼoo fuula keetiitiin, waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
21 Atukuzwe Bwana, kwa kuwa amenionyesha upendo wake wa ajabu nilipokuwa katika mji uliozingirwa.
Waaqayyo haa eebbifamu; inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti, jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
22 Katika hofu yangu nilisema, “Nimekatiliwa mbali na macho yako!” Hata hivyo ulisikia kilio changu ukanihurumia nilipokuita unisaidie.
Ani yeroon akka malee dhiphadhetti, “Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture. Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti, kadhannaa koo naa dhageesse.
23 Mpendeni Bwana ninyi watakatifu wake wote! Bwana huwahifadhi waaminifu, lakini wenye kiburi huwalipiza kikamilifu.
Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo amanamoota ni eega; of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
24 Kuweni hodari na mjipe moyo, ninyi nyote mnaomtumaini Bwana.
Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa; garaan keessan hin sodaatin.