< Zaburi 3 >
1 Zaburi ya Daudi. Alipomkimbia mwanawe Absalomu. Ee Bwana, tazama adui zangu walivyo wengi! Ni wengi kiasi gani wanaoinuka dhidi yangu!
Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
2 Wengi wanasema juu yangu, “Mungu hatamwokoa.”
Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
3 Lakini wewe, Ee Bwana, ni ngao pande zote; umeniwekea utukufu na kuinua kichwa changu.
Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
4 Ninamlilia Bwana kwa sauti kuu, naye ananijibu kutoka mlima wake mtakatifu.
Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
5 Ninajilaza na kupata usingizi; naamka tena, kwa maana Bwana hunitegemeza.
Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
6 Sitaogopa makumi elfu ya adui, wanaojipanga dhidi yangu kila upande.
Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
7 Ee Bwana, amka! Niokoe, Ee Mungu wangu! Wapige adui zangu wote kwenye taya, vunja meno ya waovu.
Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi.
8 Kwa maana wokovu watoka kwa Bwana. Baraka yako na iwe juu ya watu wako.
Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.