< Zaburi 22 >
1 Kwa mwimbishaji. Mtindo wa utenzi wa “Kulungu wa Alfajiri.” Zaburi ya Daudi. Mungu wangu, Mungu wangu, mbona umeniacha? Kwa nini uko mbali hivyo kuniokoa? Mbali hivyo na maneno ya kuugua kwangu?
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
2 Ee Mungu wangu, ninalia mchana, lakini hunijibu, hata usiku, sinyamazi.
Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu.
3 Hata hivyo umesimikwa katika kiti cha enzi kama Uliye Mtakatifu; wewe ni sifa ya Israeli.
Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.
4 Kwako wewe baba zetu waliweka tumaini lao, walikutumaini nawe ukawaokoa.
Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
5 Walikulilia wewe na ukawaokoa, walikutegemea wewe nao hawakuaibika.
Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
6 Mimi ni mnyoo wala si mwanadamu, wanaume wamenibeza, na watu wamenidharau.
Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
7 Wote wanionao hunidhihaki, hunivurumishia matusi, wakitikisa vichwa vyao:
Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu.
8 Husema, “Anamtegemea Bwana, basi Bwana na amwokoe. Amkomboe basi, kwa maana anapendezwa naye.”
Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”
9 Hata hivyo ulinitoa tumboni, ukanifanya nikutegemee, hata nilipokuwa ninanyonya matiti ya mama yangu.
Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
10 Nimekabidhiwa kwako tangu kuzaliwa, toka tumboni mwa mama yangu umekuwa Mungu wangu.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
11 Usiwe mbali nami, kwa maana shida iko karibu na hakuna wa kunisaidia.
Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru.
12 Mafahali wengi wamenizunguka, mafahali wa Bashani wenye nguvu wamenizingira.
Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
13 Simba wangurumao wanaorarua mawindo yao hupanua vinywa vyao dhidi yangu.
Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
14 Nimemiminwa kama maji, mifupa yangu yote imetoka katika viungo vyake. Moyo wangu umegeuka kuwa nta, umeyeyuka ndani yangu.
Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe.
15 Nguvu zangu zimekauka kama kigae, ulimi wangu umegandamana na kaakaa la kinywa changu, kwa sababu umenilaza katika mavumbi ya kifo.
Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
16 Mbwa wamenizunguka, kundi la watu waovu limenizingira, wametoboa mikono yangu na miguu yangu.
Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
17 Naweza kuhesabu mifupa yangu yote, watu wananikodolea macho na kunisimanga.
Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
18 Wanagawana nguo zangu wao kwa wao, na vazi langu wanalipigia kura.
Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan.
19 Lakini wewe, Ee Bwana, usiwe mbali. Ee Nguvu yangu, uje haraka unisaidie.
Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
20 Okoa maisha yangu na upanga, uhai wangu wa thamani kutoka nguvu za mbwa.
Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
21 Niokoe kutoka kinywani mwa simba, niokoe kutoka pembe za mafahali mwitu.
Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.
22 Nitalitangaza jina lako kwa ndugu zangu, katika kusanyiko nitakusifu wewe.
Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.
23 Ninyi ambao mnamcha Bwana, msifuni! Ninyi nyote wazao wote wa Yakobo, mheshimuni yeye! Mcheni yeye, ninyi wazao wote wa Israeli!
Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
24 Kwa maana hakupuuza wala kudharau mateso ya aliyeonewa; hakumficha uso wake bali alisikiliza kilio chake ili amsaidie.
Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.
25 Kwako wewe hutoka kiini cha sifa zangu katika kusanyiko kubwa, nitatimiza nadhiri zangu mbele ya wale wakuchao wewe.
Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
26 Maskini watakula na kushiba, wale wamtafutao Bwana watamsifu: mioyo yenu na iishi milele!
Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
27 Miisho yote ya dunia itakumbuka na kumgeukia Bwana, nazo jamaa zote za mataifa watasujudu mbele zake,
Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;
28 kwa maana ufalme ni wa Bwana naye hutawala juu ya mataifa.
mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.
29 Matajiri wote wa dunia watasherehekea na kuabudu. Wote waendao mavumbini watapiga magoti mbele yake, wote ambao hawawezi kudumisha uhai wao.
Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
30 Wazao wa baadaye watamtumikia yeye; vizazi vijavyo vitajulishwa habari za Bwana.
Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
31 Watatangaza haki yake kwa watu ambao hawajazaliwa bado, kwa maana yeye ametenda hili.
Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.