< Zaburi 17 >
1 Sala ya Daudi. Sikia, Ee Bwana, kusihi kwangu kwa haki, sikiliza kilio changu. Tega sikio kwa ombi langu, halitoki kwenye midomo ya udanganyifu.
Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; booʼicha koos dhaggeeffadhu. Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine keessaa baʼuufis gurra kenni.
2 Hukumu yangu na itoke kwako, macho yako na yaone yale yaliyo haki.
Murtiin koo si biraa haa dhufu; iji kees waan qajeelaa haa argu.
3 Ingawa unauchunguza moyo wangu na kunikagua usiku, ingawa umenijaribu, hutaona chochote. Nimeamua kwamba kinywa changu hakitatenda dhambi.
Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
4 Kuhusu matendo ya wanadamu: kwa neno la midomo yako, nimejiepusha na njia za wenye jeuri.
Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
5 Hatua zangu zimeshikamana na njia zako; nyayo zangu hazikuteleza.
Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; miilli koos hin mucucaanne.
6 Ee Mungu, ninakuita, kwa kuwa utanijibu, nitegee sikio lako na usikie ombi langu.
Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
7 Uonyeshe ajabu ya upendo wako mkuu, wewe uokoaye kwa mkono wako wa kuume wale wanaokukimbilia kutokana na adui zao.
Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan harka kee mirgaatiin oolchitu, ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
8 Nilinde kama mboni ya jicho lako, unifiche chini ya kivuli cha mbawa zako
Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
9 kutokana na waovu wanaonishambulia, kutokana na adui wauaji wanaonizunguka.
hamoota na dhiphisan jalaa, diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
10 Huifunga mioyo yao iliyo migumu, vinywa vyao hunena kwa majivuno.
Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
11 Wamenifuatia nyayo zangu, sasa wamenizingira, wakiwa macho, waniangushe chini.
Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
12 Wamefanana na simba mwenye njaa awindaye, kama simba mkubwa anyemeleaye mafichoni.
Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
13 Inuka, Ee Bwana, pambana nao, uwaangushe, niokoe kutokana na waovu kwa upanga wako.
Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
14 Ee Bwana, mkono wako uniokoe na watu wa jinsi hii, kutokana na watu wa ulimwengu huu ambao fungu lao liko katika maisha haya. Na wapate adhabu ya kuwatosha. Watoto wao na wapate zaidi ya hayo, hukumu na iendelee kwa watoto wa watoto wao.
Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa, namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari. Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
15 Na mimi katika haki nitauona uso wako, niamkapo, nitaridhika kwa kuona sura yako.
Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.