< Zaburi 143 >

1 Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, sikia sala yangu, sikiliza kilio changu unihurumie; katika uaminifu na haki yako njoo unisaidie.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; amanamummaa fi qajeelummaa keetiin, na gargaari.
2 Usimhukumu mtumishi wako, kwa kuwa hakuna mtu anayeishi aliye mwenye haki mbele zako.
Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
3 Adui hunifuatilia, hunipondaponda chini; hunifanya niishi gizani kama wale waliokufa zamani.
Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; jireenya koos butuchee biyyootti make. Akkuma warra dur duʼaniittis dukkana keessa na jiraachiseera.
4 Kwa hiyo roho yangu inazimia ndani yangu, moyo wangu ndani yangu unakata tamaa.
Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti.
5 Nakumbuka siku za zamani; natafakari juu ya kazi zako zote, naangalia juu ya kazi ambazo mikono yako imezifanya.
Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
6 Nanyoosha mikono yangu kwako, nafsi yangu inakuonea kiu kama ardhi kame.
Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
7 Ee Bwana, unijibu haraka, roho yangu inazimia. Usinifiche uso wako, ama sivyo nitafanana na wale washukao shimoni.
Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni; hafuurri koo dadhabeera. Fuula kee na duraa hin dhoksin yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
8 Asubuhi uniletee neno la upendo wako usiokoma, kwa kuwa nimeweka tumaini langu kwako. Nionyeshe njia nitakayoiendea, kwa kuwa kwako nainua nafsi yangu.
Ani waanan si amanadheef, akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
9 Ee Bwana, uniokoe na adui zangu, kwa kuwa nimejificha kwako.
Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii, diinota koo jalaa na baasi.
10 Nifundishe kufanya mapenzi yako, kwa maana wewe ndiwe Mungu wangu, Roho wako mwema na aniongoze katika nchi tambarare.
Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
11 Ee Bwana, kwa ajili ya jina lako, hifadhi maisha yangu, kwa haki yako nitoe katika taabu.
Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
12 Kwa upendo wako usiokoma, nyamazisha adui zangu; waangamize watesi wangu wote, kwa kuwa mimi ni mtumishi wako.
Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; waan ani garbicha kee taʼeef, warra na cunqursan hunda barbadeessi.

< Zaburi 143 >