< Zaburi 119 >

1 Heri wale walio waadilifu katika njia zao, wanaoenenda katika sheria ya Bwana.
Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
2 Heri wale wanaozishika shuhuda zake, wamtafutao kwa moyo wao wote.
Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
3 Wasiofanya lolote lililo baya, wanaoenenda katika njia zake.
Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
4 Umetoa maagizo yako ili tuyatii kwa ukamilifu.
Akka Seerri kee amanamummaadhaan eegamuuf ati ajajjeerta.
5 Laiti mwenendo wangu ungekuwa imara katika kuyatii maagizo yako!
Akka ani ajaja kee eeguuf utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
6 Hivyo mimi sitaaibishwa ninapozingatia amri zako zote.
Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
7 Nitakusifu kwa moyo mnyofu ninapojifunza sheria zako za haki.
Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
8 Nitayatii maagizo yako; usiniache kabisa.
Ani sirna keetiif nan bula; ati gonkumaa na hin dhiisin.
9 Kijana aifanye njia yake kuwa safi jinsi gani? Ni kwa kutii, akilifuata neno lako.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
10 Ninakutafuta kwa moyo wangu wote, usiniache niende mbali na amri zako.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
11 Nimelificha neno lako moyoni mwangu ili nisikutende dhambi.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
12 Sifa ni zako, Ee Bwana, nifundishe maagizo yako.
Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu; sirna kee na barsiisi.
13 Kwa midomo yangu nitasimulia sheria zote zinazotoka katika kinywa chako.
Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
14 Ninafurahia kufuata sheria zako kama mtu afurahiaye mali nyingi.
Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
15 Ninatafakari maagizo yako na kuziangalia njia zako.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
16 Ninafurahia maagizo yako, wala sitalipuuza neno lako.
Ani sirna keetti nan gammada; dubbii kees hin dagadhu.
17 Mtendee mema mtumishi wako, nami nitaishi; nitalitii neno lako.
Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, garbicha keetiif waan gaarii godhi.
18 Yafungue macho yangu nipate kuona mambo ya ajabu katika sheria yako.
Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
19 Mimi ni mgeni duniani, usinifiche amri zako.
Ani lafa irratti keessummaa dha; ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
20 Nafsi yangu inataabika kwa shauku kubwa juu ya sheria zako wakati wote.
Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
21 Unawakemea wenye majivuno, waliolaaniwa waendao mbali na amri zako.
Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
22 Niondolee dharau na dhihaka, kwa kuwa ninazishika sheria zako.
Waan ani seera kee eeguuf, arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
23 Ingawa watawala huketi pamoja na kunisingizia, mtumishi wako atatafakari juu ya maagizo yako.
Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
24 Sheria zako ni furaha yangu, nazo ni washauri wangu.
Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis.
25 Nimelazwa chini mavumbini, yahifadhi maisha yangu sawasawa na neno lako.
Lubbuun koo biyyootti maxxante; ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
26 Nilikueleza njia zangu ukanijibu, nifundishe sheria zako.
Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
27 Nijulishe mafundisho ya mausia yako, nami nitatafakari maajabu yako.
Barsiisa seera keetii na hubachiisi; anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
28 Nafsi yangu imechakazwa kwa huzuni, uniimarishe sawasawa na neno lako.
Lubbuun koo gaddaan laafteerti; ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
29 Niepushe na njia za udanganyifu, kwa neema unifundishe sheria zako.
Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
30 Nimechagua njia ya kweli, nimekaza moyo wangu katika sheria zako.
Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
31 Nimengʼangʼania sheria zako, Ee Bwana, usiniache niaibishwe.
Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
32 Nakimbilia katika njia ya maagizo yako, kwa kuwa umeuweka moyo wangu huru.
Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
33 Ee Bwana, nifundishe kuyafuata maagizo yako, nami nitayashika mpaka mwisho.
Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; anis hamma dhumaatti isa nan eega.
34 Nipe ufahamu, nami nitaishika sheria yako na kuitii kwa moyo wangu wote.
Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
35 Niongoze kwenye njia ya amri zako, kwa kuwa huko napata furaha.
Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
36 Ugeuze moyo wangu kuelekea sheria zako, na siyo kwenye mambo ya ubinafsi.
Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi.
37 Geuza macho yangu kutoka kwenye mambo yasiyofaa, uyahifadhi maisha yangu sawasawa na neno lako.
Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
38 Mtimizie mtumishi wako ahadi yako, ili upate kuogopwa.
Ati akka sodaatamtuuf, waadaa kee garbicha keetiif guuti.
39 Niondolee aibu ninayoiogopa, kwa kuwa sheria zako ni njema.
Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; seerri kee gaariidhaatii.
40 Tazama jinsi ninavyoonea shauku mausia yako! Hifadhi maisha yangu katika haki yako.
Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
41 Ee Bwana, upendo wako usiokoma unijie, wokovu wako sawasawa na ahadi yako,
Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
42 ndipo nitakapomjibu anayenidhihaki, kwa kuwa ninalitumainia neno lako.
yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, warra na arrabsaniif deebii kenna.
43 Usilinyakue neno la kweli kutoka kinywani mwangu, kwa kuwa nimeweka tumaini langu katika amri zako.
Waan ani seera kee abdadheef, ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
44 Nitaitii amri yako daima, naam, milele na milele.
Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
45 Nitatembea nikiwa huru, kwa kuwa nimejifunza mausia yako.
Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
46 Nitasema sheria zako mbele za wafalme wala sitaaibishwa,
Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; hin qaaneffamus;
47 kwa kuwa ninazifurahia amri zako kwa sababu ninazipenda.
waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
48 Ninaziinulia amri zako ambazo ninazipenda mikono yangu, nami ninatafakari juu ya maagizo yako.
Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
49 Kumbuka neno lako kwa mtumishi wako, kwa sababu umenipa tumaini.
Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
50 Faraja yangu katika mateso yangu ni hii: Ahadi yako inahifadhi maisha yangu.
Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
51 Wenye majivuno wamenisimanga bila kuchoka, hata hivyo sitaiacha sheria yako.
Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
52 Ee Bwana, ninazikumbuka sheria zako za zamani, nazo zinanifariji.
Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha; isa keessattis jajjabina nan argadha.
53 Nimeshikwa sana na ghadhabu kwa ajili ya waovu, ambao wameacha sheria yako.
Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
54 Maagizo yako ni kiini cha nyimbo zangu popote ninapoishi.
Iddoo keessummummaa koo hundatti seerri kee faarfannaa koo ti.
55 Ee Bwana, wakati wa usiku ninalikumbuka jina lako, nami nitatii sheria yako.
Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; seera kees nan eega.
56 Hili limekuwa zoezi langu: nami ninayatii mausia yako.
Waan ani ajaja kee eegeef, kun naaf taʼeera.
57 Ee Bwana, wewe ni fungu langu, nimeahidi kuyatii maneno yako.
Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti; anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
58 Nimetafuta uso wako kwa moyo wangu wote, nihurumie sawasawa na ahadi yako.
Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
59 Nimezifikiri njia zangu na nimeelekeza hatua zangu katika mausia yako.
Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
60 Nitafanya haraka bila kuchelewa kuzitii amri zako.
Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
61 Hata waovu wanifunge kwa kamba, sitasahau sheria yako.
Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
62 Usiku wa manane ninaamka kukushukuru kwa sababu ya sheria zako za haki.
Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
63 Mimi ni rafiki kwa wale wote wakuchao, kwa wote wanaofuata mausia yako.
Ani warra si sodaatan hundaaf, warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
64 Ee Bwana, dunia imejaa upendo wako, nifundishe maagizo yako.
Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti; sirna kee na barsiisi.
65 Mtendee wema mtumishi wako Ee Bwana, sawasawa na neno lako.
Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti, tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
66 Nifundishe maarifa na uamuzi mzuri, kwa kuwa ninaamini amri zako.
Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
67 Kabla sijapata shida nilipotea njia, lakini sasa ninalitii neno lako.
Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
68 Wewe ni mwema, unalotenda ni jema, nifundishe maagizo yako.
Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.
69 Ingawa wenye majivuno wamenisingizia uongo, nitafuata mausia yako kwa moyo wangu wote.
Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
70 Mioyo yao ni katili na migumu, bali mimi napendezwa na sheria yako.
Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; ani garuu seera keetti nan gammada.
71 Ilikuwa vyema mimi kupata shida ili nipate kujifunza maagizo yako.
Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
72 Sheria inayotoka kinywani mwako ina thamani kubwa kwangu kuliko maelfu ya vipande vya fedha na dhahabu.
Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
73 Mikono yako ilinifanya na kuniumba, nipe ufahamu niweze kujifunza amri zako.
Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
74 Wakuchao wafurahie wanaponiona, kwa kuwa nimeweka tumaini langu katika neno lako.
Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
75 Ee Bwana, ninajua kwamba sheria zako ni za haki, katika uaminifu wako umeniadhibu.
Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
76 Upendo wako usiokoma uwe faraja yangu, sawasawa na ahadi yako kwa mtumishi wako.
Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
77 Huruma yako na inijie ili nipate kuishi, kwa kuwa naifurahia sheria yako.
Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; seerri kee gammachuu kootii.
78 Wenye majivuno na waaibishwe kwa kunikosea mimi bila sababu, lakini mimi nitatafakari juu ya mausia yako.
Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
79 Wale wakuchao na wanigeukie mimi, hao ambao wanazielewa sheria zako.
Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan gara kootti haa deebiʼan.
80 Moyo wangu usiwe na lawama katika kutii maagizo yako, ili nisiaibishwe.
Akka ani hin qaanofneef garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
81 Nafsi yangu inazimia kwa kutamani wokovu wako, lakini nimeweka tumaini langu katika neno lako.
Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; ani garuu dubbii kee nan abdadha.
82 Macho yangu yamefifia, nikingoja ahadi yako; ninasema, “Utanifajiri lini?”
Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
83 Ingawa nimekuwa kama kiriba kwenye moshi, bado sijasahau maagizo yako.
Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
84 Mtumishi wako itampasa angoje mpaka lini? Ni lini utawaadhibu washtaki wangu?
Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
85 Wenye majivuno wananichimbia mashimo, kinyume na sheria yako.
Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, boolla naa qotaniiru.
86 Amri zako zote ni za kuaminika; unisaidie, kwa sababu watu wananishtaki bila sababu.
Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
87 Walikaribia kabisa kunifuta kutoka uso wa dunia, lakini sijaacha mausia yako.
Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; ani garuu sirna kee hin dhiifne.
88 Yahifadhi maisha yangu sawasawa na upendo wako, nami nitatii sheria za kinywa chako.
Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
89 Ee Bwana, neno lako ni la milele, linasimama imara mbinguni.
Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
90 Uaminifu wako unaendelea kwa vizazi vyote, umeiumba dunia, nayo inadumu.
Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
91 Sheria zako zinadumu hadi leo, kwa kuwa vitu vyote vinakutumikia.
Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
92 Kama nisingefurahia sheria yako, ningeangamia katika taabu zangu.
Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
93 Sitasahau mausia yako kamwe, kwa maana kwayo umehifadhi maisha yangu.
Sababii ati isaan na jiraachifteef, ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
94 Uniokoe, kwa maana mimi ni wako, kwa kuwa nimetafuta mausia yako.
Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; anis sirna kee barbaadeera.
95 Waovu wanangojea kuniangamiza, bali mimi ninatafakari sheria zako.
Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
96 Katika ukamilifu wote ninaona mna kikomo, lakini amri zako hazina mpaka.
Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
97 Aha! Tazama, sheria yako naipenda mno ajabu. Ninaitafakari mchana kutwa.
Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
98 Amri zako zimenipa hekima zaidi kuliko adui zangu, kwa kuwa nimezishika daima.
Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
99 Nina akili zaidi kuliko walimu wangu wote, kwa kuwa ninatafakari juu ya sheria zako.
Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
100 Nina ufahamu zaidi kuliko wazee, kwa kuwa ninayatii mausia yako.
Ani sababiin ajaja kee eeguuf, maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
101 Nimezuia miguu yangu isiende kwenye kila njia mbaya, ili niweze kutii neno lako.
Ani akkan dubbii kee eeguuf, karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
102 Sijaziacha sheria zako, kwa kuwa umenifundisha wewe mwenyewe.
Waan ati mataan kee na barsiifteef, ani seera kee irraa hin fagaanne.
103 Tazama jinsi maneno yako yalivyo matamu kwangu, matamu kuliko asali katika kinywa changu!
Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
104 Ninapata ufahamu kutoka mausia yako, kwa hiyo ninachukia kila njia ya upotovu.
Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
105 Neno lako ni taa ya miguu yangu na mwanga katika njia yangu.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
106 Nimeapa na nimethibitisha, kwamba nitafuata sheria zako za haki.
Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; kanas mirkaneesseera.
107 Nimeteseka sana, uhifadhi maisha yangu, Ee Bwana, sawasawa na neno lako.
Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
108 Ee Bwana, pokea sifa za hiari za kinywa changu, nifundishe sheria zako.
Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; seera kees na barsiisi.
109 Ingawa maisha yangu yako hatarini siku zote, sitasahau sheria yako.
Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
110 Waovu wamenitegea mtego, lakini sijayakiuka maagizo yako.
Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
111 Sheria zako ni urithi wangu milele, naam ni furaha ya moyo wangu.
Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.
112 Nimekusudia moyoni mwangu kuyafuata maagizo yako mpaka mwisho.
Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
113 Ninachukia watu wa nia mbili, lakini ninapenda sheria yako.
Ani nama yaada lamaa nan jibba; seera kee garuu nan jaalladha.
114 Wewe ni kimbilio langu na ngao yangu, nimeweka tumaini langu katika neno lako.
Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; ani dubbii kee abdadheera.
115 Ondokeni kwangu, ninyi mtendao mabaya, ili niweze kushika amri za Mungu wangu!
Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
116 Nihifadhi sawasawa na ahadi yako, nami nitaishi; usiache matumaini yangu yakavunjwa.
Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha; akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
117 Nitegemeze, nami nitaokolewa, nami daima nitayaheshimu maagizo yako.
Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; yeroo hunda seera kee nan kabaja.
118 Unawakataa wote wanaoyaasi maagizo yako, kwa maana udanganyifu wao ni bure.
Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
119 Waovu wa nchi unawatupa kama takataka, kwa hivyo nazipenda sheria zako.
Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
120 Mwili wangu unatetemeka kwa kukuogopa wewe, ninaziogopa sheria zako.
Foon koo si sodaachuudhaan hollata; anis murtii kee nan sodaadha.
121 Nimetenda yaliyo haki na sawa, usiniache mikononi mwa watesi wangu.
Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
122 Mhakikishie mtumishi wako usalama, usiache wenye kiburi wanionee.
Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
123 Macho yangu yamefifia, yakitazamia wokovu wako, na kuitazamia ahadi yako ya kweli.
Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
124 Mfanyie mtumishi wako kulingana na upendo wako na unifundishe maagizo yako.
Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; seera kees na barsiisi.
125 Mimi ni mtumishi wako; nipe ufahamu ili niweze kuelewa sheria zako.
Ani tajaajilaa kee ti; akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
126 Ee Bwana, wakati wako wa kutenda umewadia, kwa kuwa sheria yako inavunjwa.
Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
127 Kwa sababu nazipenda amri zako zaidi ya dhahabu, naam, zaidi ya dhahabu safi,
Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
128 na kwa sababu naona maagizo yako yote ni adili, nachukia kila njia potovu.
ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; daandii sobaa hundas nan jibba.
129 Sheria zako ni za ajabu, hivyo ninazitii.
Sirni kee dinqisiisaa dha; kanaafuu ani isa nan eega.
130 Kuingia kwa maneno yako kunaleta nuru, kunampa mjinga ufahamu.
Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.
131 Nimefungua kinywa changu na kuhema, nikitamani amri zako.
Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.
132 Nigeukie na unihurumie, kama uwafanyiavyo siku zote wale wanaolipenda jina lako.
Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, gara kootti garagalii na maari.
133 Ongoza hatua zangu kulingana na neno lako, usiache dhambi yoyote initawale.
Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
134 Niokoe na uonevu wa wanadamu, ili niweze kutii mausia yako.
Akka ani ajaja kee eeguuf hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
135 Mwangazie mtumishi wako uso wako na unifundishe amri zako.
Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; sirna kees na barsiisi.
136 Chemchemi za machozi zinatiririka kutoka machoni yangu, kwa kuwa sheria yako haifuatwi.
Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
137 Ee Bwana, wewe ni mwenye haki, sheria zako ni sahihi.
Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; murtiin kees qajeelaa dha.
138 Sheria ulizoziweka ni za haki, ni za kuaminika kikamilifu.
Seerri ati kennite qajeelaa dha; guutummaattis amanamaa dha.
139 Jitihada yangu imenidhoofisha, kwa kuwa adui zangu wanayapuuza maneno yako.
Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
140 Ahadi zako zimejaribiwa kikamilifu, mtumishi wako anazipenda.
Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; tajaajilaan kees isa jaallata.
141 Ingawa ni mdogo na ninadharauliwa, sisahau mausia yako.
Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
142 Haki yako ni ya milele, na sheria yako ni kweli.
Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
143 Shida na dhiki zimenipata, lakini amri zako ni furaha yangu.
Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
144 Sheria zako ni sahihi milele, hunipa ufahamu ili nipate kuishi.
Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
145 Ee Bwana, ninakuita kwa moyo wangu wote, nami nitayatii maagizo yako.
Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
146 Ninakuita; niokoe nami nitazishika sheria zako.
Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; seera kees nan eega.
147 Ninaamka asubuhi na mapema na kukuomba msaada; nimeweka tumaini langu katika neno lako.
Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; ani dubbii kee abdadheera.
148 Sikufumba macho yangu usiku kucha, ili niweze kutafakari juu ya ahadi zako.
Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
149 Usikie sauti yangu sawasawa na upendo wako, Ee Bwana, uyahifadhi maisha yangu, sawasawa na sheria zako.
Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
150 Wale wanaopanga mipango miovu wako karibu nami, lakini wako mbali na sheria yako.
Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; seera kee irraa garuu fagoo jiru.
151 Ee Bwana, hata hivyo wewe u karibu, na amri zako zote ni za kweli.
Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta; ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
152 Tangu zamani nimejifunza kutoka shuhuda zako kwamba umezithibitisha ili zidumu milele.
Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
153 Yaangalie mateso yangu, uniokoe, kwa kuwa sijasahau sheria yako.
Dhiphina koo argiitii na oolchi; ani seera kee hin daganneetii.
154 Nitetee katika hali hii yangu na unikomboe, uyahifadhi maisha yangu sawasawa na ahadi yako.
Dubbii koo naa falmi; na furis; akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
155 Wokovu uko mbali na waovu, kwa kuwa hawatafuti maagizo yako.
Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, fayyinni hamoota irraa fagaateera.
156 Ee Bwana, huruma zako ni kuu, uyahifadhi maisha yangu sawasawa na sheria zako.
Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha; akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
157 Adui wanaonitesa ni wengi, lakini mimi sitaziacha sheria zako.
Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
158 Ninawatazama wasioamini kwa chuki, kwa kuwa hawalitii neno lako.
Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
159 Tazama jinsi ninavyopenda mausia yako; Ee Bwana, uyahifadhi maisha yangu, sawasawa na upendo wako.
Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
160 Maneno yako yote ni kweli, sheria zako zote za haki ni za milele.
Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
161 Watawala wamenitesa bila sababu, lakini moyo wangu unatetemeka kwa neno lako.
Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
162 Nafurahia ahadi zako kama mtu aliyepata mateka mengi.
Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
163 Ninachukia na kuchukizwa sana na uongo, lakini napenda sheria yako.
Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.
164 Ninakusifu mara saba kwa siku, kwa ajili ya sheria zako za haki.
Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
165 Wanaopenda sheria yako wana amani tele, wala hakuna kitu kinachoweza kuwakwaza.
Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
166 Ee Bwana, ninangojea wokovu wako, nami ninafuata amri zako,
Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha; ajaja kee duukaas nan buʼa.
167 Ninazitii sheria zako, kwa sababu ninazipenda mno.
Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, ajaja kee nan eega.
168 Nimetii mausia yako na sheria zako, kwa kuwa njia zangu zote zinajulikana kwako.
Ati karaa koo hunda waan beektuuf, ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
169 Ee Bwana, kilio changu na kifike mbele zako, nipe ufahamu sawasawa na neno lako.
Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
170 Maombi yangu na yafike mbele zako, niokoe sawasawa na ahadi yako.
Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; akkuma waadaa keetiitti na baasi.
171 Midomo yangu na ibubujike sifa, kwa kuwa unanifundisha maagizo yako.
Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
172 Ulimi wangu na uimbe kuhusu neno lako, kwa kuwa amri zako zote ni za haki.
Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
173 Mkono wako uwe tayari kunisaidia, kwa kuwa nimechagua mausia yako.
Waan ani sirna kee filadheef, harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
174 Ee Bwana, ninatamani wokovu wako, na sheria yako ni furaha yangu.
Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
175 Nijalie kuishi ili nipate kukusifu, na sheria zako zinitegemeze.
Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; seerri kees na haa gargaaru.
176 Nimetangatanga kama kondoo aliyepotea. Mtafute mtumishi wako, kwa kuwa sijasahau amri zako.
Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, tajaajilaa kee barbaadi.

< Zaburi 119 >