< Zaburi 116 >

1 Ninampenda Bwana kwa maana amesikia sauti yangu; amesikia kilio changu ili anihurumie.
Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.
2 Kwa sababu amenitegea sikio lake, nitamwita siku zote za maisha yangu.
Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.
3 Kamba za mauti zilinizunguka, maumivu makuu ya kuzimu yalinipata, nikalemewa na taabu na huzuni. (Sheol h7585)
Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. (Sheol h7585)
4 Ndipo nikaliitia jina la Bwana: “Ee Bwana, niokoe!”
Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
5 Bwana ni mwenye neema na haki, Mungu wetu ni mwingi wa huruma.
Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.
6 Bwana huwalinda wanyenyekevu, nilipokuwa katika shida kubwa, aliniokoa.
Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
7 Ee nafsi yangu, tulia tena, kwa kuwa Bwana amekuwa mwema kwako.
Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
8 Kwa kuwa wewe, Ee Bwana, umeniokoa nafsi yangu na mauti, macho yangu kutokana na machozi, miguu yangu kutokana na kujikwaa,
Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
9 ili niweze kutembea mbele za Bwana, katika nchi ya walio hai.
ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.
10 Niliamini, kwa hiyo nilisema, “Mimi nimeteseka sana.”
Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.
11 Katika taabu yangu nilisema, “Wanadamu wote ni waongo.”
Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.
12 Nimrudishie Bwana nini kwa wema wake wote alionitendea?
Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?
13 Nitakiinua kikombe cha wokovu na kulitangaza jina la Bwana.
Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.
14 Nitazitimiza nadhiri zangu kwa Bwana mbele za watu wake wote.
Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.
15 Kifo cha watakatifu kina thamani machoni pa Bwana.
Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.
16 Ee Bwana, hakika mimi ni mtumishi wako, mimi ni mtumishi wako, mwana wa mjakazi wako; umeniweka huru toka katika minyororo yangu.
Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.
17 Nitakutolea dhabihu ya kukushukuru na kuliita jina la Bwana.
Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
18 Nitazitimiza nadhiri zangu kwa Bwana mbele za watu wake wote,
Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;
19 katika nyua za nyumba ya Bwana, katikati yako, ee Yerusalemu. Msifuni Bwana.
yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.

< Zaburi 116 >