< Zaburi 105 >
1 Mshukuruni Bwana, liitieni jina lake, wajulisheni mataifa yale aliyoyatenda.
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
2 Mwimbieni yeye, mwimbieni yeye sifa, waambieni matendo yake yote ya ajabu.
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
3 Lishangilieni jina lake takatifu, mioyo ya wale wamtafutao Bwana na ifurahi.
Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
4 Mtafuteni Bwana na nguvu zake, utafuteni uso wake siku zote.
Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
5 Kumbuka matendo ya ajabu aliyoyafanya, miujiza yake na hukumu alizozitamka,
Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
6 enyi wazao wa Abrahamu mtumishi wake, enyi wana wa Yakobo, wateule wake.
isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
7 Yeye ndiye Bwana Mungu wetu, hukumu zake zimo duniani pote.
Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
8 Hulikumbuka agano lake milele, neno ambalo aliamuru, kwa vizazi elfu,
Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
9 agano alilolifanya na Abrahamu, kiapo alichomwapia Isaki.
inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
10 Alilithibitisha kwa Yakobo kuwa amri, kwa Israeli liwe agano la milele:
Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
11 “Nitakupa wewe nchi ya Kanaani kuwa sehemu utakayoirithi.”
“Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
12 Walipokuwa wachache kwa idadi, wachache sana na wageni ndani yake,
Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
13 walitangatanga kutoka taifa moja hadi jingine, kutoka ufalme mmoja hadi mwingine.
sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
14 Hakuruhusu mtu yeyote awaonee; kwa ajili yao aliwakemea wafalme, akisema:
Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
15 “Msiwaguse niliowatia mafuta; msiwadhuru manabii wangu.”
“Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
16 Akaiita njaa juu ya nchi na kuharibu chakula chao chote,
Inni beela biyyattiitti waame; midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
17 naye akatuma mtu mbele yao, Yosefu, aliyeuzwa kama mtumwa.
innis Yoosef namicha akka garbaatti gurgurame tokko isaan dura erge.
18 Walichubua miguu yake kwa minyororo, shingo yake ilifungwa kwa chuma,
Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; mormi isaas sibiila keessa galfame;
19 hadi yale aliyotangulia kusema yalipotimia, hadi neno la Bwana lilipomthibitisha.
hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti dubbiin Waaqayyoo isa qore.
20 Mfalme alituma watu wakamfungua, mtawala wa watu alimwachia huru.
Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; bulchaan sabaa isa hiiksise.
21 Alimfanya mkuu wa nyumba yake, mtawala juu ya vyote alivyokuwa navyo,
Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
22 kuwaelekeza wakuu wa mfalme apendavyo na kuwafundisha wazee wake hekima.
kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
23 Kisha Israeli akaingia Misri, Yakobo akaishi kama mgeni katika nchi ya Hamu.
Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
24 Bwana aliwafanya watu wake kuzaana sana, akawafanya kuwa wengi sana kuliko adui zao,
Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise; akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
25 ndiye aliigeuza mioyo yao iwachukie watu wake, wakatenda hila dhidi ya watumishi wake.
innis akka isaan saba isaa jibbanii fi akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
26 Akamtuma Mose mtumishi wake, pamoja na Aroni, aliyemchagua.
Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi Aroon filatamaa isaa erge.
27 Walifanya ishara zake za ajabu miongoni mwao, miujiza yake katika nchi ya Hamu.
Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
28 Alituma giza na nchi ikajaa giza, kwani si walikuwa wameyaasi maneno yake?
Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
29 Aligeuza maji yao kuwa damu, ikasababisha samaki wao kufa.
Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
30 Nchi yao ilijaa vyura tele, ambao waliingia hadi kwenye vyumba vya kulala vya watawala wao.
Fatteen biyya isaanii guutee diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
31 Alisema, yakaja makundi ya mainzi, na viroboto katika nchi yao yote.
Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
32 Alibadilisha mvua yao ikawa mvua ya mawe, yenye umeme wa radi nchini yao yote,
Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; bakakkaas biyya isaaniitti erge;
33 akaharibu mizabibu yao na miti ya tini, na akaangamiza miti ya nchi yao.
wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
34 Alisema, nzige wakaja, tunutu wasio na idadi,
Inni dubbannaan hawwaannisnii fi korophisni hedduun dhufan;
35 wakala kila jani katika nchi yao, wakala mazao ya ardhi yao.
isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; waan lafti isaanii baases ni fixan.
36 Kisha akawaua wazaliwa wote wa kwanza katika nchi yao, matunda ya kwanza ya ujana wao wote.
Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
37 Akawatoa Israeli katika nchi wakiwa na fedha na dhahabu nyingi, wala hakuna hata mmoja kutoka kabila zao aliyejikwaa.
Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
38 Misri ilifurahi walipoondoka, kwa sababu hofu ya Israeli ilikuwa imewaangukia.
Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
39 Alitandaza wingu kama kifuniko, na moto kuwamulikia usiku.
Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
40 Waliomba, naye akawaletea kware, akawashibisha kwa mkate wa mbinguni.
Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; buddeena samiitiinis isaan quufse.
41 Alipasua mwamba, maji yakabubujika, yakatiririka jangwani kama mto.
Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
42 Kwa maana alikumbuka ahadi yake takatifu, aliyompa Abrahamu mtumishi wake.
Inni waadaa isaa qulqulluu, kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
43 Aliwatoa watu wake kwa furaha, wateule wake kwa kelele za shangwe,
Inni saba isaa gammachuun, warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
44 akawapa nchi za mataifa, wakawa warithi wa mali wengine walikuwa wameitaabikia:
inni biyya ormootaa isaaniif kenne; isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
45 alifanya haya ili wayashike mausia yake na kuzitii sheria zake. Msifuni Bwana.
kanas akka isaan sirna isaa eeganii seera isaatiif bulaniif godhe. Haalleluuyaa.