< Zaburi 10 >
1 Kwa nini, Ee Bwana, unasimama mbali? Kwa nini unajificha wakati wa shida?
Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
2 Katika kiburi chake, mwovu humtesa maskini, waovu na wanaswe katika hila wanazozitunga.
Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; inni maluma malatuun haa qabamu.
3 Hujivunia tamaa za moyo wake; humbariki mlafi na kumtukana Bwana.
Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
4 Katika kiburi chake, mwovu hamtafuti Mungu, katika mawazo yake yote hakuna nafasi ya Mungu.
Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
5 Njia zake daima hufanikiwa; hujivuna na amri zako ziko mbali naye, huwacheka kwa dharau adui zake wote.
Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
6 Anajisemea mwenyewe, “Hakuna kitakachonitikisa, daima nitakuwa na furaha, kamwe sitakuwa na shida.”
Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
7 Kinywa chake kimejaa laana, uongo na vitisho; shida na ubaya viko chini ya ulimi wake.
Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
8 Huvizia karibu na vijiji; kutoka mafichoni huwanasa wasio na hatia, akivizia wapitaji.
Inni gandoota keessatti riphee eeggata; iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
9 Huvizia kama simba aliye mawindoni; huvizia kumkamata mnyonge, huwakamata wanyonge na kuwaburuza katika wavu wake.
Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
10 Mateka wake hupondwa, huzimia; wanaanguka katika nguvu zake.
Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; humna nama hamaa jalattis ni kufa.
11 Anajisemea mwenyewe, “Mungu amesahau, huficha uso wake na haoni kabisa.”
Innis, “Waaqa irraanfateera; fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
12 Inuka Bwana! Inua mkono wako, Ee Mungu. Usiwasahau wanyonge.
Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. Rakkataas hin dagatin.
13 Kwa nini mtu mwovu anamtukana Mungu? Kwa nini anajiambia mwenyewe, “Hataniita nitoe hesabu?”
Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? Maaliifis garaa isaatti, “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
14 Lakini wewe, Ee Mungu, unaona shida na huzuni, umekubali kuyapokea mkononi mwako. Mhanga anajisalimisha kwako, wewe ni msaada wa yatima.
Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
15 Vunja mkono wa mtu mwovu na mbaya, mwite atoe hesabu ya maovu yake ambayo yasingejulikana.
Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, hammina isaatti isa gaafadhu.
16 Bwana ni Mfalme milele na milele, mataifa wataangamia watoke nchini mwake.
Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
17 Unasikia, Ee Bwana, shauku ya wanaoonewa, wewe huwatia moyo, na kusikiliza kilio chao,
Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
18 ukiwatetea yatima na walioonewa, ili mwanadamu, ambaye ni udongo, asiogopeshe tena.
kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.