< Mithali 31 >

1 Misemo ya Mfalme Lemueli, usia wa mama yake aliyomfundisha:
Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
2 “Ee mwanangu, ee mwana wa tumbo langu, ee mwana wa nadhiri zangu,
“Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
3 Usitumie nguvu zako kwa wanawake, uhodari wako kwa wale wanaowaharibu wafalme.
humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
4 “Ee Lemueli, haifai wafalme, haifai wafalme kunywa mvinyo, haifai watawala kutamani sana kileo,
“Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
5 wasije wakanywa na kusahau vile sheria inavyoamuru na kuwanyima haki zao wote walioonewa.
kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
6 Wape kileo wale wanaoangamia, mvinyo wale walio na uchungu,
Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
7 Wanywe na kusahau umaskini wao na wasikumbuke taabu yao tena.
isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
8 “Sema kwa ajili ya wale wasioweza kujisemea, kwa ajili ya haki za wote walioachwa ukiwa.
“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
9 Sema na uamue kwa haki, tetea haki za maskini na wahitaji.”
Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
10 Mke mwenye sifa nzuri, ni nani awezaye kumpata? Yeye ni wa thamani sana kuliko marijani.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
11 Mume wake anamwamini kikamilifu wala hakosi kitu chochote cha thamani.
Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
12 Humtendea mumewe mema, wala si mabaya, siku zote za maisha yake.
Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
13 Huchagua sufu na kitani naye hufanya kazi kwa mikono yenye bidii.
Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
14 Yeye ni kama meli za biashara akileta chakula chake kutoka mbali.
Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
15 Yeye huamka kungali bado giza huwapa jamaa yake chakula na mafungu kwa watumishi wake wa kike.
Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
16 Huangalia shamba na kulinunua, kutokana na mapato yake hupanda shamba la mizabibu.
Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
17 Hufanya kazi zake kwa nguvu, mikono yake ina nguvu kwa ajili ya kazi zake.
Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
18 Huona kwamba biashara yake ina faida, wala taa yake haizimiki usiku.
Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
19 Huweka mikono yake kwenye pia, navyo vidole vyake hushikilia kijiti chenye uzi.
Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
20 Huwanyooshea maskini mikono yake na kuwakunjulia wahitaji vitanga vyake.
Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
21 Theluji ishukapo, hana hofu kwa ajili ya watu wa nyumbani mwake, kwa maana wote wamevikwa nguo za kutia joto.
Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
22 Hutengeneza mazulia ya urembo ya kufunika kitanda chake, yeye huvaa kitani safi na urujuani.
Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
23 Mume wake anaheshimiwa kwenye lango la mji, aketipo miongoni mwa wazee wa nchi.
Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
24 Hutengeneza mavazi ya kitani na kuyauza, naye huwauzia wafanyabiashara mishipi.
Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
25 Amevikwa nguvu na heshima, anaweza kucheka bila kuwa na hofu kwa siku zijazo.
Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
26 Huzungumza kwa hekima na mafundisho ya kuaminika yapo ulimini mwake.
Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
27 Huangalia mambo ya nyumbani mwake wala hali chakula cha uvivu.
Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
28 Watoto wake huamka na kumwita aliyebarikiwa, mumewe pia humsifu, akisema:
Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
29 “Wanawake wengi hufanya vitu vyenye sifa nzuri, lakini wewe umewapita wote.”
“Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
30 Kujipamba ili kuvutia ni udanganyifu na uzuri unapita upesi, bali mwanamke anayemcha Bwana atasifiwa.
Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
31 Mpe thawabu anayostahili, nazo kazi zake na zimletee sifa kwenye lango la mji.
Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.

< Mithali 31 >