< Mithali 29 >
1 Mtu anayeendelea kuwa na shingo ngumu baada ya maonyo mengi, ataangamia ghafula, wala hapati dawa.
Namni ifannaa baayʼee booddee mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
2 Wenye haki wanapostawi, watu hufurahi; waovu watawalapo, watu hulia kwa huzuni.
Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
3 Mtu apendaye hekima huleta furaha kwa baba yake, bali aambatanaye na makahaba hutapanya mali yake.
Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
4 Kwa haki mfalme huipa nchi uthabiti, bali mfalme aliye na tamaa ya rushwa huiangamiza.
Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
5 Yeyote amsifuye jirani yake isivyostahili, anautandaza wavu kuitega miguu yake.
Namni ollaa isaa jaju, miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
6 Mtu mbaya hutegwa na dhambi yake mwenyewe bali mwenye haki huweza kuimba na kufurahi.
Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama; qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
7 Mwenye haki hujali haki kwa ajili ya maskini, bali mwovu hajishughulishi na hilo.
Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
8 Wenye mzaha huuchochea mji, bali watu wenye hekima hugeuzia mbali hasira.
Qoostonni magaalaa jeequ; ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
9 Kama mwenye hekima akienda mahakamani na mpumbavu, mpumbavu hukasirika na kudhihaki, wala hakuna amani.
Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe, gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
10 Watu wamwagao damu humchukia mtu mwadilifu na hutafuta kumuua mtu mnyofu.
Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu; nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
11 Mpumbavu huonyesha hasira yake yote, bali mwenye hekima hujizuia.
Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.
12 Kama mtawala akisikiliza uongo, maafisa wake wote huwa waovu.
Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
13 Mtu maskini na mtu anayeonea wanafanana kwa jambo hili: Bwana hutia nuru macho yao wote wawili.
Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
14 Kama mfalme akiwaamua maskini kwa haki, kiti chake cha enzi kitakuwa thabiti siku zote.
Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
15 Fimbo ya maonyo hutia hekima, bali mtoto aliyeachiwa bila maonyo humwaibisha mama yake.
Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
16 Wakati waovu wanapostawi, pia dhambi vivyo hivyo, lakini wenye haki wataliona anguko lao.
Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata; qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
17 Mrudi mwanao, naye atakupa amani, atakufurahisha nafsi yako.
Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.
18 Mahali pasipo na ufunuo, watu kujizuia, bali ana heri mtu yule aishikaye sheria.
Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa; namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
19 Mtumishi hawezi kuonywa kwa maneno matupu, ajapoelewa, hataitikia.
Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu; inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
20 Je, unamwona mtu azungumzaye kwa haraka? Kuna matumaini zaidi kwa mpumbavu kuliko yeye.
Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
21 Kama mtu akimdekeza mtumishi wake tangu ujanani, atamletea sikitiko mwishoni.
Nama garbicha ofii isaa ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu, galgalli isaa rakkina.
22 Mtu mwenye hasira huchochea ugomvi, naye mtu mwenye hasira ya haraka hutenda dhambi nyingi.
Namni aaru lola kakaasa; kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
23 Kiburi cha mtu humshusha, bali mtu mwenye roho ya unyenyekevu hupata heshima.
Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
24 Anayekubaliana na mwizi ni adui wa nafsi yake mwenyewe; huapishwa lakini hathubutu kushuhudia.
Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
25 Kuwaogopa watu huwa ni mtego, bali yeyote amtumainiaye Bwana atakuwa salama.
Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
26 Wengi hutafuta kusikilizwa na mtawala, bali mtu hupata haki kutoka kwa Bwana.
Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
27 Mwenye haki huwachukia sana wasio waaminifu; waovu huwachukia sana wenye haki.
Qajeelaan sobduu xireeffata; hamaan immoo nama tolaa jibba.