< Mithali 27 >
1 Usijisifu kwa ajili ya kesho, kwa kuwa hujui ni nini kitakachozaliwa kwa siku moja.
Ati waaʼee boriitiin hin boonin; waan guyyaan fidu hin beektuutii.
2 Mwache mwingine akusifu, wala si kinywa chako mwenyewe; mtu mwingine afanye hivyo na si midomo yako mwenyewe.
Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
3 Jiwe ni zito na mchanga ni mzigo, lakini kukasirishwa na mpumbavu ni kuzito kuliko vyote viwili.
Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
4 Hasira ni ukatili na ghadhabu kali ni gharika, lakini ni nani awezaye kusimama mbele ya wivu?
Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
5 Afadhali karipio la wazi kuliko upendo uliofichika.
Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya.
6 Majeraha kutoka kwa rafiki yaonyesha uaminifu, bali kubusu kwa adui ni kwingi sana.
Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
7 Yeye aliyeshiba huchukia kabisa asali, bali kwa mwenye njaa hata kile kilicho kichungu kwake ni kitamu.
Namni quufe damma illee ni balfa; kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
8 Kama ndege atangatangavyo mbali na kiota chake, ndivyo alivyo mtu atangatangaye mbali na nyumbani mwake.
Namni mana isaatii badu tokko, akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
9 Manukato na uvumba huleta furaha moyoni, nao uzuri wa rafiki huchipuka kutoka kwenye ushauri wake wa uaminifu.
Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
10 Usimwache rafiki yako wala rafiki wa baba yako, tena usiende nyumbani mwa ndugu yako wakati umepatwa na maafa. Bora jirani wa karibu kuliko ndugu aliye mbali.
Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
11 Mwanangu, uwe na hekima, nawe ulete furaha moyoni mwangu, ndipo nitakapoweza kumjibu yeyote anitendaye kwa dharau.
Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
12 Mtu mwenye busara huona hatari na kujificha, bali mjinga huendelea mbele nayo ikamtesa.
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
13 Chukua vazi la yule awekaye dhamana kwa ajili ya mgeni; lishikilie iwe dhamana kama anafanya hivyo kwa ajili ya mwanamke mpotovu.
Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
14 Kama mtu akimbariki jirani yake kwa sauti kuu asubuhi na mapema, itahesabiwa kama ni laana.
Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
15 Mke mgomvi ni kama matone yasiyokoma ya siku ya mvua.
Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
16 Kumzuia yeye ni kama kuuzuia upepo au kukamata mafuta kwa kiganja cha mkono.
ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
17 Kama vile chuma kinoavyo chuma, ndivyo mtu amnoavyo mwenzake.
Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.
18 Yeye autunzaye mtini atakula tunda lake, naye amtunzaye bwana wake ataheshimiwa.
Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
19 Kama uso uonekanavyo kwenye maji, ndivyo hivyo moyo wa mtu humwonyesha alivyo.
Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
20 Kuzimu na Uharibifu havishibi kadhalika macho ya mwanadamu. (Sheol )
Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; iji namaas akkasuma. (Sheol )
21 Kalibu ni kwa ajili ya fedha na tanuru kwa ajili ya dhahabu, bali mtu hupimwa kwa sifa azipokeazo.
Okkoteen waa itti baqsan meetiif; boolli ibiddaa immoo warqeef; namni immoo ulfina argatuun qorama.
22 Hata ukimtwanga mpumbavu kwenye kinu, ukimtwanga kama nafaka kwa mchi, hutauondoa upumbavu wake.
Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
23 Hakikisha kuwa unajua hali ya makundi yako ya kondoo na mbuzi, angalia kwa bidii ngʼombe zako.
Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
24 Kwa kuwa utajiri haudumu milele, nayo taji haidumu vizazi vyote.
soorumni bara baraan itti hin fufuutii; gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
25 Wakati majani makavu yameondolewa na mapya yamechipua, nayo majani toka milimani yamekusanywa,
Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee margi tulluu irraa walitti qabamutti,
26 wana-kondoo watakupatia mavazi na mbuzi thamani ya shamba.
xobbaallaawwaniin daara baata; reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
27 Utakuwa na maziwa mengi ya mbuzi kukulisha wewe na jamaa yako, na kuwalisha watumishi wako wa kike.
Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.