< Mithali 23 >
1 Uketipo kula chakula na mtawala, angalia vyema kile kilicho mbele yako,
Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;
2 na utie kisu kooni mwako kama ukiwa mlafi.
ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.
3 Usitamani vyakula vyake vitamu kwa kuwa chakula hicho ni cha hila.
Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, miʼaa isaatti hin gaggabin.
4 Usijitaabishe ili kuupata utajiri, uwe na hekima kuonyesha kujizuia.
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu.
5 Kufumba na kufumbua utajiri hutoweka, huwa kama umepata mabawa ghafula, ukaruka na kutoweka angani kama tai.
Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.
6 Usile chakula cha mtu mchoyo, usitamani vyakula vyake vitamu,
Buddeena doqnaa hin nyaatin; cidha isaas hin kajeelin;
7 kwa maana yeye ni aina ya mtu ambaye kila mara anafikiri juu ya gharama. Anakuambia, “Kula na kunywa,” lakini moyo wake hauko pamoja nawe.
inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.
8 Utatapika kile kidogo ulichokula, nawe utakuwa umepoteza bure maneno yako ya kumsifu.
Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda; dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.
9 Usizungumze na mpumbavu, kwa maana atadhihaki hekima ya maneno yako.
Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf ati nama gowwaatti hin dubbatin.
10 Usisogeze jiwe la mpaka wa zamani wala kunyemelea kwenye mashamba ya yatima,
Dhagaa daangaa durii hin dhiibin yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.
11 kwa kuwa Mtetezi wao ni mwenye nguvu, atalichukua shauri lao dhidi yako.
Furiin isaanii jabaadhaatii; inni gara isaanii goree sitti falma.
12 Elekeza moyo wako kwenye mafundisho na masikio yako kwenye maneno ya maarifa.
Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo gara dubbii beekumsaatti deebifadhu.
13 Usimnyime mtoto adhabu, ukimwadhibu kwa fimbo, hatakufa.
Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.
14 Mwadhibu kwa fimbo na kuiokoa nafsi yake kutoka mautini. (Sheol )
Arcummeedhaan isaan adabiitii lubbuu isaanii duʼa oolchi. (Sheol )
15 Mwanangu, kama moyo wako una hekima, basi moyo wangu utafurahi,
Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, garaan koo ni gammada;
16 utu wangu wa ndani utafurahi, wakati midomo yako itakapozungumza lililo sawa.
yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, keessi koo baayʼee gammada.
17 Usiuruhusu moyo wako kuwaonea wivu wenye dhambi, bali kila mara uwe na bidii katika kumcha Bwana.
Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin; garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.
18 Hakika kuna tumaini la baadaye kwa ajili yako, nalo tarajio lako halitakatiliwa mbali.
Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
19 Sikiliza, mwanangu na uwe na hekima, weka moyo wako kwenye njia iliyo sawa.
Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi; qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.
20 Usiwe miongoni mwa wanywao mvinyo, au wale walao nyama kwa pupa,
Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;
21 kwa maana walevi na walafi huwa maskini, nako kusinzia huwavika matambara.
machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.
22 Msikilize baba yako, aliyekuzaa, wala usimdharau mama yako atakapokuwa mzee.
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
23 Nunua kweli wala usiiuze, pata hekima, adabu na ufahamu.
Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.
24 Baba wa mwenye haki ana furaha kubwa, naye aliye na mwana mwenye hekima humfurahia.
Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
25 Baba yako na mama yako na wafurahi, mama aliyekuzaa na ashangilie!
Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; isheen si deesse sun haa ililchitu!
26 Mwanangu, nipe moyo wako, macho yako na yafuate njia zangu,
Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;
27 kwa maana kahaba ni shimo refu na mwanamke mpotovu ni kisima chembamba.
sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha.
28 Kama mnyangʼanyi, hungojea akivizia, naye huzidisha wasio waaminifu miongoni mwa wanaume.
Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.
29 Ni nani mwenye ole? Ni nani mwenye huzuni? Ni nani mwenye ugomvi? Ni nani mwenye malalamiko? Ni nani aliye na majeraha yasiyo na sababu? Ni nani mwenye macho mekundu?
Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba? Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba? Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu?
30 Ni hao wakaao sana kwenye mvinyo, hao waendao kuonja mabakuli ya mvinyo uliochanganywa.
Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan, warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha.
31 Usiukodolee macho mvinyo wakati ukiwa mwekundu, wakati unapometameta kwenye bilauri, wakati ushukapo taratibu!
Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti, yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin.
32 Mwishowe huuma kama nyoka na kutia sumu yake kama nyoka mwenye sumu.
Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda; akkuma buutiis nama ciniina.
33 Macho yako yataona mambo mageni na moyo wako kuwazia mambo yaliyopotoka.
Iji kee waan haaraa arga; qalbiin kees jalʼina yaada.
34 Utakuwa kama alalaye katikati ya bahari, alalaye juu ya kamba ya merikebu.
Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti; akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata.
35 Utasema, “Wamenipiga lakini sikuumia! Wamenichapa, lakini sisikii! Nitaamka lini ili nikanywe tena?”
Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan; ani garuu hin miidhamne! Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne! Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?”